Tooftaa icciitii Hamaas miindaa kaffaluuf fayyadamuufi balaa hamaa qabu

Madda suuraa, EPA
Waraana waggaa lamatti siqu booda humni waraanaa Hamaas laafeera, bulchiinsi siyaasaa isaas dhiibbaa guddaa jala galeera.
Kanas ta'ee Hamaas waggoota waraanni gaggeeffamaa jiru kana keessa tooftaa dhoksaa ittiin maallaqa hojjettoota mootummaaf kaffalu qaba.
Hojjettoota mootummaa (siivil sarvaantota) kuma 30 ta'aniif walumaagalatti mindaa doolaara miiliyoona 7 ta'u harkatti kaffaleeraaf.
BBCn siivil sarvaantota sadi kanneen torbee darbe keessa iccitiidhaan tokkoon tokkoon isaanii mindaa isaanii doolaara 300 fudhatan dubbiseera.
Hojjettoonni kunneen hojjettoota kumaatamaan lakkaa'aman kanneen mindaa waraana dura argataa turan irraa dhibbeentaa 20 qofa argataa jiran keessaati.
Mindaa isaanii kanas torban kudhanitti fudhatu.
Maallaqi mindaa isaanii irraa muraasi harkasaanii ga'u kun hojjettoota mufachiiseera. Amanamummaa Hamaasis gaaffii keessa galcheera.
Kanarratti dhorkaa Israa'el akka gargaarsi Gaazaa hin seenne keesse dabalatee jireenyi uummatatti qormaata ta'eera. Yeroo ammaa Gaazaa keessatti daakuun qamadii kiilogiraamiin tokko hanga doolaara 80tti gurgurama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaazaa keessatti bakka baankiin tajaajila uummataaf kennu hin jirretti maallaqa argachuun qormaata guddaadha. Keessattuu mindaa fudhachuun ammoo rakkisaa ta'uurra darbeeyyuu balaa guddaa qaba.
Israa'el qaamolee Hamaas akka hojjettootaaf mindaa kaffalan bobbaase irratti xiyyeeffachuun adamsiti.
Kunis gareen kun caasaa bulchiinsaa akka hin qabaanne waan barbaadduufi.
Hojjettoonni mootummaa Hamaas jala jiran, poolisootaa hanga aanga'oota gibiraatti, akkaataa isaan itti mindaasaanii fudhatan qorumsa cimaa qaba.
Jalqaba bakka wayiitti argamuun ''hiriyaa isaanii waliin akka shayii dhugan'' ergaan iccitii fi eegumsa cimaa qabu bilibilasaanii ykn kan jaalallee isaaniirratti ergama.
Bakka beellamaa sanatti namni wayiii- dhiira ykn dubartii, gara hojjetaa kanaa dhufa. Darbee darbee dubartoonni ergama akkanaan ni raawwatu.
Battaluma sana poostaa saamsame hojjetaa kanatti kennanii dubbii osoo hin dheeressin achii badu.
Hojjetaan Ministeera Dhimma Amantii sababa yaaddoo nageenyaaf maqaasaa himuu hin feene tokko balaa wayita mindaa fudhatu isa mudatuu fi yaaddoo keessa darbu akkanaan ibsa.
''Yeroo hunda wayitan mindaa kiyya fudhachuuf ba'u haadha manaa koo fi ijoollee kootti nagaa dhaameen ba'a. Akkan nagaan hin deebine waanan beekuuf,'' jedhe.
''Humnoonni Israa'el yeroo hedduu iddoowwan mindaan hojjettootaaf itti kaffalamu qilleensarraan haleelaniiru. Haleellaa yeroo tokko gabaa Gaazaa keessaa kan namoonni itti heddummaatan tokkorratti raawwate jalaa hanga xiqqoofan miliqe.''
Alaa, maqaansaa eegumsa nageenyasaaf jecha kan jijjiirame, barsiisaa mootummaa Hamaas jalatti qacaramee hojjetuu fi kophaasaa miseensota maatii ja'a jiraachisudha.
''Shekilii (maallaqa Hamaas ittiin mindaa kaffalu) 1,000 ykn doolaara Ameerikaa 300 sunuu kan baayyee butute fudheen ture. Gabaan maallaqa kana na harkaa fuutu waan jirtu natti hin fakkaatu. Baayyee dulloomeera. Kana keessaa shekilii 200 qofatu faayidaa kenna. Kana hafe maal akkan godhu hin beeku,'' jedhe.
''Ji'a tokkoo fi walakkaaf erga beelofnee booda maallaqa ciccitaa kana nuuf kaffalan. Yeroo garii iddoo gargaarsi irraa raabsamu deemee daa'imman kiyyaaf midhaan fiduuf nan dirqama. Gaafan milkaa'u nyaata muraasa nan argadha, yeroo hedduu garuu harka duwwaan gala.''
Bitootessa darbe humni waraanaa Israa'el haleellaa hospitaala Naasir, Kaan Yuunis keessatti argamu irratti raawwatteen, hoogganaa maallaqaa Hamaas, Ismaa'il Barhuum, ajjeesuu ibsee ture.
Namni kun damee waraanaa Hamaasiif maallaqa deddeebisa jechuun himatte Israa'el.
Hamaas osoo caasaan bulchiinsaa fi dameen maallaqaa isaa haala kanaan diigamuu akkamiin akka mindaa kaffalaa jiru tilmaamuun ni ulfaata.
Qondaalli gameessi mootummaa Hamaasiif qacaramee hojjetu tokko gareen kun doolaara miiliyoona 700 ta'u harkatti qabatee akka jiru BBCtti himan.
Hojjetaan buleessi Hamaas kun aangoo mootummaa sadarkaa olaanaa qabu, tooftaa maallaqaa Hamaas itti dhiheenyaan beeku.
Maallaqi Hamaas itti fayyadamu, Shekil, miiliyoona dhibbaan lakkaa'amu waraanni Onkoloolessa 7, 2023 eegalamuu dura bo'oowwan lafa jalaa gareen kun itti fayyadamu jalatti awwaalamee ture jedhan qondaalli Hamaas kun.
Maallaqa kana adda durummaan kan eegan hoogganaa Hamaas Yahyaa Sinwaar fi obboleessa isaa Mohammad turan. Aanga'oonni Hamaas kunneen haleellaa Israa'eliin ajjeefaman.
Deeggartoota Hamaasiif deeggarsi kenname mufii uume
Hamaas gibiraa fi kaffaltii guddaa ummata Gaazaa irraa walitti qabuun, akkasumas gargaarsa maallaqaa doolaara miliyoonaan lakkaa'amu Qataar irraa argamuun deggerama.
Dameen waraanaa Hamaas Birgeedii Qassam sirna faayinaansii adda ta'een kan hojjetu yoo ta'u, gara caalu deeggarsa Iraaniin socho'a.
Qondaalli olaanaan garee Muslim Brotherhood, kan Masrii keessatti dhorkamee fi dhaabbilee Islaamummaa addunyaa irratti dhiibbaa guddaa qaban keessaa tokko ture, baajata isaa keessaa dhibbeentaan 10 gara Hamaasif akka kennamaa ture himan.
Hamaas yeroo waraanaa maallaqa argachuuf daldaltoota irraa gibira hedduu walitti qabaa ture, gatii sigaaraa dachaa 100 oliin dabalee ture.
Waraana dura, paakiin sigaaraa 20 baatu tokko doolaara 5 ture, amma doolaara 170 oliin gurguru.
Hamaas maallaqa akka mindaati kaffaluun alattis, miseensota isaa fi maatii isaaniif karaa koreewwan balaa tasaa naannootiin nyaata ni raabsa.
Haleellaan Israa'el irra deddeebiin raawwattu Hamaas hoggantoota koreewwan kunneenii akka jijjiiruuf dirqamsiiseera.
Kunis Gaazaa keessatti Hamaas deeggartoota isaa qofaaf gargaarsa raabsaa jira kanneen jedhanii amanan hedduu biratti dheekkamsa guddaa kaaseera.
Israa'el Hamaas gargaarsa yeroo dhukaasa dhaabuu baatii Guraandhalaa keessa Gaazaa seene hatuu himatte, himannaa kana gareen kun ni haale.
Haata'u malee, yeroo sana keessa gargaarsi namoomaa hedduun Hamaasiin fudhatamuu maddeen BBCtti himaniiru.
Abbaan warraa ishee waggaa shan dura dhukkuba kaansariin kan du'ee fi ijoollee ishee sadan kophaa ishee guddisaa kan jirtu Nisrin Kaaliid akkas jechuun qormaata ishee mudate BBCtti himte.
"Akkuma beelli hammaataa dhufeen ijoolleen koo sababa beela qofa osoo hin taane ollaan keenya kanneen walitti dhufeenya Hamaas qaban gargaarsa nyaataa yeroo argatan ni boo'u.''
"Isaan sababa qoramuu keenyaa mitii? Onkoloolessa 7 dhukaasa eegaluu dura maaliif nyaata, bishaanii fi qoricha gahaa akka qabnu hin mirkaneessine?" jettee gaafatti.












