'Ammayyummaan of beekuudha' - Barreessituu kitaaba 'Ulmaa'

"Ammayyummaan of beekuudha. Dubartoonni ofitti deebi'uu qabna; Aadaa keenya gadi fageenyaan beekuu qabna" jechuun BBCtti himte, gaazexeessituu fi barreessituun kitaaba mata duree 'Ulmaa', Saamraawwit Girmaa.

Kitaabni aadaa Ulmaa jedhamuufi Saamraawit Girmaa barreessite kunis Sambata darbe magaalaa Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti eebbifameera.

Ulmaan sirnoota aadaa yeroo dahumsaan walqabatan of keessatti qabate yemmuu ta'u, kutaalee ijoo sadiitti kan qoodame akka ta'es barreessituun kitaabichaa Gaazexeessituu saamraawit gaaffii fi deebii addatti BBC waliin taasifteen ibsiite jirti.

Guyyaa sagantaa eebba kitaabichaa irratti argamuun waa'ee kitaabichaa kan xiinxalan, barreessaa Leeniin Quuxoo immoo, "kitaabni 'Ulmaa' dubartootaaf bakka guddaa kan kennu, dubartiin ulfoo akka taate kan agarsiisuudha," jedhan.

Ofii Ulmaan maali?

"Ulmaa jechuun dubartiin tokko deessee yeroo boqonnaa isheetyi mana jirtudha" kan jettu Gaazexeessituu Saamraawit, yeroon kun haala jireenyaa dubartii sanaarratti hundaa'uun dheerina yeroo garagaraa qabaachu akka danda'u himtee jirti.

"Yeroon kun ji'a tokko, guyyaa 45 yookiin 80's ta'uu danda'a. Yeroo kana deessuun safuu qabdi, manaa hin baatu, kunuunsi isheef taasifamutu jira. Yeroon kunis yeroo ulmaa jedhama" jechuun maalummaa Ulmaa ibsiti.

Haaluma kanaan kitaabni Ulmaa kutaalee ijoo sadi kan qabu yemmuu ta'u taateelee aadaa dahumsaan dura, yeroo dahumsaa fi dahumsaan booda jiran of keessatti kan hammatudha.

"Dubartiin Oromoo tokko yemmuu dahumsaaf jala geessuu eegalee, qophiilee taasiftutu jira. Qophii sun kitaabicha keessatti gadi fageenyaan ibsameera," jette.

Qophiileen Saamiraawiitti kitaaba ishee keessatti tarreessite kunis qophii dubartiin garaatti baattu tokko gama mana yaalaa deemuun waa'ee fayyaashee fi kan ulfasheetiif gochu qabduu fi qophii xin-sammuu dubartiin dahumsa jala geessee tokko taasiftuun addatti kan qophii gama aadaatiin taasifamu kaasa.

Fakkeenyaaf, sirni dubartii dahumsaaf jala geessee tokko itti eebbiisan kan Oromoo biratti barame shaameeta garagalchuu jedhamuun beekamu jiraachu kaasuudhaan, ammaan kana garuu bal'inaan beebii shaawor (baby Shower) jedhamuun babal'ataa dhufuu dubbatti.

''Guyyaa deessuun itti eebbiifamtu sanattis, itti nyaatii marqaa shaameeta wanti jedhamu jira. Shaameeta sana mooqanii gaafa bulee qabbanaa'u, qodaa qulqulluutti naqama. Shaameeta garagalchii jedhama.

''Egaan guyyaa eebbaa sana sirni taasifamus, erga marqaan marqamee booda shaameeta sanarraa fudhamuun deessuu dhandhamsiisanii achummaan ishee eebbiisuu. Kunis Shaameeta garagalchuu jedhamee beekama,'' jechuun aadaan Oromoo keessattuu kan gara lixaa Oromiyaa maal akka fakkaatu ibsiti.

Kunis yeroon yoo hubatamee gara aadaa ofiitti hin deebii'amne ta'e, oolee bulee aadaa gadi dhiisaa adeemuunsaa hin ooluu yaaddoo jedhu qabdi Saamiriin.

Kana malees, taateewwan aadaa fi nyaatawwan aadaa yeroo dahumsaatti qophaa'an qorachuun barreessuu kan himtu Gaazexeessituu Saamraawit, "guyyaa isheen deessee eegalee ammoo sirnoonni taasifaman jiraachu kaafti.

Fakkeenyaaf, ''marqaan guyyaa jalqabaa deessuun deessee marqamu fi Askutii kan jedhamu jira. Waa'ee isaa akkamitti qophaa'a fi eenyutu irratti hirmaata kan jedhu fa'illeen kitaaba Ulmaa kana keessatti hammatamu himti" Gaazexessituu Saamraawiiti.

Dahumsaan booda guyyaa shanaffaarratti yookiin guyyaa shananii jedhamuun kan beekamuttis sirni weedduuwwan garagaraa itti weeddifamanis qabiyyeewwan kitaabni Ulmaa of keessatti qabate keessaa isa tokkodha.

''Duri haadhooliin keenya guyyaa Shananiitti akka waltajjii ittiin wal arganii mari'atan, kan itti aadaasaanii itti wal jijjiran, weedduu weeddisuun itti deessuu jajabeessaniifi Waaqasaanii ittiin kadhatan ture'' jechuun waan aadaa ganamaa Oromoo bira ture kaafti Saamraawiiti.

Aadaa fi weedduun kunnneen sababii dagatamaa dhufaniif ummata yaadachiisuuf yaaddee kitaaba kana barreessuu dubbatti.

Haaluma kanaanis waa'ee weedduuwwan Sirna Shananiis Haadholii Siinqee aanaalee garagaraa irraa qorachuun akka barreessites himteeti.

Gama biraatiin ammoo, kitaabni mata dure Ulmaa jedhuun barraa'e kun aadaa uummata Oromoo godinaalee Wallagga afran, Jimma, Iluu Abbaa Boor fi Bunnoo Beddellee of keessatti kan qabate yemmuu ta'u, "Itti aansuudhaan godinaalee hunda waliin gahuuf yaadan qaba," jechuun barreessituun kitaabichaa himtee jirti.

Aadaa ofiitti deebi'uu

Dahumsaan walqabatee sirnoonni aadaa biyyoota biroo daran babal'achuu kan himtu barreessituun kitaaba Ulmaa, dubartoonni aadaa ofiitti deebi'uu akka qaban dhaamti.

Sirna dahumsaan dura 'beebii shaawar' jedhamee raawwatamuu fi kan aadaa Oromoo keessa Sirna Deessuu Eebbisuu jedhama akka fakkeenyaatti kaasuun, ''Isa aadaafi moggaasa keenyaatti deebisuu qabna" jetti.

Gama kanaanis dubartoonni itti gaafatamummaa guddaa akka qaban himuun, "itti gaafatamummaa isaanii akka bahatan gaafadha" jetteerti.

Gama biraatiin kitaabni Ulmaa qabiyyeewwan qorattoota aadaafii seenaaf ka'umsa ta'an ofkeessaa qabaachuu kan himtu Gaazexeessituu Saamraawit, "artiistonni sagalee qaban sirboota aadaa kunneen hojjechuu danda'u, Biiroon Barnootaa barnoota Safuu wajjin ijoollee aadaa ittiin barsiisuu danda'a" jechuun himteerti.

Kana malees kunuunsa haadholiifi daa'immanii irrattis hubannoo kan laatu akka ta'e himteerti.

Barreessituun kitaaba Ulmaa Gaazexeessituu Saamraawit Girmaa, Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti Qopheessituu Gaazexaa Bariisaa yemmuu taatu waggoota 15 darbanis ogummaa gaazexeessummaan hojjechaa turuunshee himameera.