Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barreessaa kaleessa du'aaf eegamaa ture har'a dhalootatti onnee horaa jiru
Dargaggeessa abdii kutannaa hamaa keessa turedha. Dhibee maalummaansaa hin baramneen ganna saddet guutuu dararamaa ture. Du’eera jedhamees mana yaalaatii awwaalchaaf baafamee ture. Nama bool’a qarqaraa deebi’edha.
Abdii kutannaa hedduurra cehuun har’a garuu kitaabota 54, kaan baarreessee, kaan ammoo hiikuun dhalootatti abdii horeera; onnachiiseera. Dubbistoota isaa birattis maqaa guddaa horachuu danda’eera, Eebbisaa Baay’isaa.
Imala jireenyaa fi bu’aa bayii aartii Oromoo keessatti dabarse, waan gumaachee fi karoora isaa egeree ilaalchisee BBC waliin turtii taasiseera.
Eebbisaan dargaggeessa barachuufi barreessuudhaan beekamudha. Gosa barnoota Baayolojii, Maaneejimantii, Pilaaniingii fi Maaneejimantii Barnootaa (Educational planning and management)’tiin digirii jalqabaa fudhate.
Xiinsammuu gorsaa (Counselling Psychology), Fayyaa Hawaasaa (Public Health) fi Barnoota Amantaa (Theology)’tiin ammoo digirii lammaffaa kan barate yoo ta’u, amma Saayinsii Gorsaa (Counselling)’tiin digirii sadaffaa (PhD) barachuu irratti argama.
Walumaagalaan gosa barnoota gara agaraatiin digirii jaha kan argate yoo ta’u, torbaffaa barataa jira. Ogummaa barsiisuu, leenjisuu, barreessuu fi hiikkaa kitaabileetiinis hawaasa biratti beekama.
Attamiin akka barreessuu eegale
“Jalqaba muuxannoo kitaaba dubbisuuti kanan horadhe” yeroo mana barnootaa sadarkaa lammaffaa baratu akka eegale hima Eebbisaan.
Isa [abbaasaa] ilaalaa waanan guddadheef, kitaabotuma abbaasaa irraa dubbisuu jalqabe.
“Dhumarra baay’ee dubbisaa gaafa deemtu, osoo hin jaalatiin gara waa baarreessuutti dhufta” jechuun haala ittiin barreessuu eegale yaadata barreessaan kun.
'Maqaamakoo Miiltootti jijjiiruu malee kan hafe hin jiru'
Miiltoon kitaaba jalqabaa bara 2013 ittiin Eebbisaan addunyaa barreeffamaatti seenedha. Kitaabota hanga yoonaa inni barreesse keessaa kan Miiltoo caala hawaasa biratti jaalatame akka hin jirre kan ibsu barreessichi, yeroo 13ffaaf akka maxxanfames hima.
“Kitaaba xinsammuu yookaan Saayiikoolojiiti. Qabiyyee sana qabatee [Afaan Oromootiin] maxxanfamuudhaan kitaaba jalqabaa ture. Sanarraa ka’ee hawaasa biratti baay’ee jaalatame” kan ammoo kitaabota biroos akkanni barreessuuf onnee ta’uufii dubbata Eebbisaan.
Miltoodhaan booda kitaabota jajjaboo akka Abjuukoo Hin Gurguru, Daandii Mo’attootaa, Guddinni Akkana, Gatiin Namaa Meeqa? “Kitaabota gurguddoodha; yeroo dheeraa fudhadheen barreesse. Garuu maaliif akka ta’e hin beeku, kitaabota hunda caala kan dubbifamu Miiltoodha.
‘‘An kitaabotan [olitti] tarreesse kun hunduu Miiltoorra ni caalu jedheen amana; ummanni garuu sana naa fudhachuu hin dandeenye. Maaliif akka ta’e hin beeku. Waggaa kudhan wayii booda ammallee kitaabni baay’ee gurguramu Miiltoodha. Yeroo 13ffaa maxxanfame; nama baay’ee bira gaheera kanan jedhus isa” jechuun hima.
Dubbistoonni “jiruukoo hunda sanaan walqabsiisu. Yeroo baay’ee ‘Eebbisaa Miiltoo’ naan jedhu. Maqaamakoo Miltootti jijjiiruu malee kan hafe hin jiru,” jechuun waa’ee kitaabasaa jalqabaa kan hawaasa biratti daran jaalatamee hima.
Gatiin Namaa Meeqa? Gatiin Biyyaa Meeqa?
Kitaabni isaa dhiyeenya bahu ammoo ‘Gatiin Biyyaa Meeqa?’ jedha. Waggaa lamaan dura ammoo kitaaba ‘Gatiin Namaa Meeqa?’ jedhu akka barreesse yaadachiisa, Eebbisaan. “Namoonni tokko tokko akka waanan gatii ittiin bitan (price) gaafadheetti haasa’u” kan jedhu barreessichi, jecha ‘gatii’ jedhu hamma maallaqaa otoo hin taane qaalii ta’uu (value) namaa ibsuudhaaf kan dhimma itti bahe ta’uu dubbata.
“Namni uumama hunda caala gatii guddaa, kabaja guddaa akka qabu” agarsiisuuf akka fayyadame dabaluun ibsa.
“Biyyi keessa jirru hamma akka nu barbaachisu, namni biyya hin qabne maal akka ta’u, lammiileen biyya isaanii dhaban, seenaa keessatti biyyi isaanii jalaa dhiigame, rakkinni akkamii akka isaan mudate, kaan akka du’an, kaan biyya ormaa keessatti gala [baqataa] ta’anii jiraachuuf akka dirqaman ibseetu, biyya keenya ofiima keenya kunuunsuu akka qabnu, argisiisuudhaaf” kitaaba ‘Gatiin Biyyaa Meeqa?’ jedhu akka barreesse dubbata, Eebbisaan. Kitaabni kunis dhiyeenyatti dubbistoota bira akka gahu himeera, barreessichi.
'Kitaabota kuma tokko, kuma lama maxxansuun arrabsoodha'
“Ammatti kitaabota baay’eetu maxxanfamu. Gama baay’inaatiin homaa rakkina hin qabnu. Gama qulqullinaatiin garuu gaaffii jala jirra. Dubbistoonni komee gurguddaa qabu; ‘kitaabni bilchaataan hin jiru’ jedhu. Barreessitoonni ammoo ‘dubbistoonni hin jiran’ jedhanii komatu.
Ummata miliyoona 60f kitaabota kuma tokko, kuma lama maxxansuun arrabsoodha. Utuu dubbisaan jiraatee, kitaaba baay’eedha maxxansuu kan nuti qabnu” jechuun dubbata, barreessichi.
“Kitaaba lama, sadii dubbisnaan [barreessitoonni tokko tokko] kitaaba mataa isaanii barreessanii dhufu. Mana maxxansaas waanan qabuuf, namoonni [barreessitoonni] baay’een na bira dhufu.
Waantan taajjabu baay’een qaba; barreessitoonni bilchaatoon hin jiran jechuu otoo hin taane, baay’inaan garuu [haalaan] dubbisuu dhabuurraan kan ka’e, hojii bilchaataa hin taane qabatanii hawaasatti dhufuutu mul’ata” jechuun aadaa barreeffama kitaabota Afaan Oromoo amma jiru ibsa barreessichi.
“Gama barreessitootaan bilchina hojii dhabuutu mula’ata; gama dubbistootaan lakkoofsi isaanii hir’achuutu nama yaachisa” kan jedhu, Eebbisaan, “qulqullinni kitaabota gaaffii jala” jiraachuu dubbata. “Utuu baay’ee hin dubbisiin barreessuu kanatu hammaata.
Akkasaan [barreessitoonni] hin maxxansinellee kanan dhorke qaba” kan jedhu, barreessichi, “namni tokko kitaaba tokko otoo hin barreessiin, kitaabota hedduu fi saayinsii barreeffamaa” sirriitti dubbisuu akka qabanis gorsa.
Kitaabamoo dubbistootatu hin jirre?
“Dhaloota odeeffannoon araadessitee, kitaaba fuula tokko dubbisuurra, sa’aatii sadii guutuu Feesbuukii qabatee taa’uu barbaadu. Gama kanaan baay’eedhuma miidhama guddaatu jira.
Akkamitti miidiyaa hawaasaa fayyadamuu akka qabnu qaamni leenjise tokkoyyuu hin jiru. Leenjii malee hawaasni [Miidiyaalee Hawaasaa] akka fayyadamu gochuun, abidda fuutee daa’imatti kennuudha” jechuun ibsa, Eebbisaan.
Namni bilbila harkaa qabu araada odeeffannoof saaxilamaa ta’uu kan kaasu Eebbisaan, “Nun araada alkooliiti kan irratti xiyyeeffannu. Araadi tamboo, alkoolii nama miidha jenna.
TiikTookiin nama miidha, Feesbuukiin nama miidha jennee garuu dubbannee hin beeknu waan ta’eef, dhaloonni alkoolii dhoowwannee, Feesbuukii itti laanne, dhaloota saaxilamaa ta’edha.
Walitti hidhaminsa hawaasa keenyaa fi Miidiyaa hawaasaa gidduu jiru gaafan ilaalu, baay’ee baay’een yaadda’a. [Kun] dandeettii dubbisuu dhalootaa harkaa saameera” jechuun miidhaa miidiyaaleen hawaasaa aadaa dubbisaa dabalatee dhalootaa irratti fide ibsa.
Hubannoo malee Miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun dhaloonni “sadarkaa yaaddessaarra jira” kan jedhu Eebbisaan, dhaloota leenjisuu, barsiisuu fi hubannoo ittifayyadama miidiyaalee hawaasaa uumuun dhimma boriif hin jedhamne ta’uus kaasa.
Kun ta’uu baatee haala amma jiruun itti fufnaan garuu, “dhaloonni kana booda keemistirii fi baayolojii dubbisu hin argamu” jechuun yaaddoosaa ibsa, barreessichi.
Dhaloota na dura ture, bara itti Afaan Oromoon dubbachuun gatii nama baasisu keessatti, lubbuu isaaniitti murteessanii waanta hawaasni kun dubbisuu danda’u gumaachan yoomuu nan dinqifadha.
Barreessitoota gurguddoo, kanan kitaaba isaanii dubbisaa guddadhe warra akka Dhaabaa Wayyeessaa, Kumsaa Buraayyuu, Gaaddisaa Birruu, Takilee Qinaaxxii, Isaayaas Hordofaafaa warra bara rakkinaa, dukkana keessa taa’anii ogbarruu Oromoo irratti hojjetaa turan hundaaf dinqifannaa guddaan qaba.
Addatti garuu, hojiiwwan Dhaabaa Wayyeessaaf iddoo adda ta’en qaba. Godaannisa dubbisaan guddadhe. Gurraacha Abbayaa ijoollummaa koottan dubbise.
Kitaabonni kun lamaan badaadhuma dhiibbaa guddaa narratti taasisaniiru” kan jedhu dargaggeessi kitaabota hedduu barreesse kun, “barreessitoota gameeyyii [ta’aniif] jireenyakoo keessatti iddoo addaa” qabaachuu hima.
“Hojii baay’een qaba. Nan barsiisa; leenjii nan kenna; kitaaba nan barreessa; kitaaba nan hiika; nan dubbisa. Anaaf bashannana jechuun bakka bareedaa daaw’achuu utuu hin taane; hojii jijjiiruudha.
Fakkneeyaaf sa’aatii kana dubbisaan jira yoo ta’e, bashannanuu yoon barbaade gadi hin ba’u; dubbisa dhaabeen leenjii qopheessa. Waantan leenjisu qopheeffadhee gaafan dadhabu ammoo kitaaban barreessaa turen ittifufa” jechuun itti bashannanu hima, Eebbisaan.
Akka barreessaan kun jedhutti, hojii hojjechaa jiru jijjiiree kan biraa hojjechuudhaan bashannana. Fiilmii dokumentarii waantota gadi fagoo ta’an isa barsiisan ilaala. Fiilmii ilaalee yoo dadhabe ammoo muuziqaa [faarfannaa] dhaggeeffata.
“Umamuun waantotan hojjechuu danda’u waan baay’ee waanan qabuuf, isaanuma waljijjiiree gaafan hojjedhu anaaf boqonnaadha” kan jedhu barreessaan kun, paarkii keessa ta’ee waa ilaalee nama bashannanu akka hin taanee fi uumama sanaa akka hin qabne hima.
'Raajiidhumaan jiraadhe; Deemsi Itti Fufa…’
Dubbistoonni isaa jecha ‘Nama biyya Oromoo’ fi ‘Deemsi itti fufa’ jedhuun akka isa beekan dubbata Eebbisaan. Keessumaa ‘deemsi itti fufa’ kan jedhu namoonni akka salphaatti fudhatanis, isaaf seenaa addaa qabaachuu hima, barreessaan kun.
“Ijoollummaarraa kaasee qormaata gurguddaarran darbe. Keessumaa gara waggaa saddeetii dhukkuba hin beekamnen dhukkubsataan ture. Waggaa saddet keessatti mana yaalaa baay’een deeme.
Garuu dhukkubni sun waggaa saddetiin booda maalummaan [isaa] baramee, yaala argadhee fayye. Anas ta’ee namni namni kamuu Eebbisaan lubbuudhaan in jiraata jedhee namni yaade hin turre” jechuun haala fayyaa rakkisaa keessa turuu kaasa, barreeichi.
Yunivarsiitii Diillaatii waggaa tokko erga barateen booda addaan kutee yeroo galu ulfaatinnisaa Kiilogiraama 37 ture. “Sana jechuun lafee duwwaan ture. Suuran yeroo sana ka’e, har’a namni danda’ee ijaanuu hin ilaalu; in sodaata.
Haala sanaan har’a du’e jedhama; boru in du’e jedhama. [Inumaayyuu] du’eera jedhamee awwaalchaaf mana yaalaatii ba’ee beeka.
Raajiidhuma ta’e tokkoonan lafa kanarra jiraadhe waanan ta’eef, ‘Deemsi ittifufa’ gaafan jedhu sanaanan walqabsiisa. Namoonni hin beekani, akkuma waan salphaatti ilaalu; anaaf garuu waan guddaadha.
Akkan itti deemee dhufe waan addaa waan ta’eef, ergan sana keessa darbee, ammas ittanfufa. Abdii guddaa, hiika addaa naaf kenna” sababa kanaafis, xumura barreeffamoota isaa hunda jalatti akka fayyadamu hima, barreessaan kaleessa bu’aa bayiin jireenyaatiin daran qoramee darbe.
'Abdii kutachuuf sababa gahaan qaba ture'
“Kitaabnikoo baay’een onnachiisoodha” kan jedhu Eebbisaan, “dhaloonni waan gaariif akka onnatu; akka abdii hin kutanne” akka barsiisaa hima. “Ani nama karaa kamuu deeggarsa hin qabnedha. Hanga yoonaatti namni hojii hojjetteetta naan jedheyyuu jiru.
Kitaabota kana akkaataan itti asiin gahe seenaa mataa isaa qaba. Cichoominaan, gatii hadhaa’aa baasee, sadarkaa kanarra gahuu danda’eera. Waan dhaloonni narraa barachuu danda’a jedhee yaadu, cichoomuu; kaayyoo kooti [jedhee] waan qabate tokkotti gatii baasuu” akka ta’e dabaluun dhaloota gorsa, barreessaan kun.
Gamaacha aartii Oromootiif taasisaa jiruun dhaloota qaraa akka jiru kan kaasu, barreessichi, imala aartii isaa keessatti deeggarsa qaama kamiillee akka hin qabne kaasuun, “Abdii kutachuudhaaf sababa gahaan qaba ture; garuu dubbistootakoo ilaaluurraan kan ka’e, waan hundumaa dhiisee gatii hadhaa’aa [kaffalaan] as gahe.
Deeggarsa tokko malee kitaaba 54 maxxansiisuun ni ulfaata. Hammamuu ulfaatu garuu gatii guddaa baasuun sadarkaa kanarraan gaheera. Yoo xiqqaate seenaa dhalootaaf ta’u tokko hojjedheera jedheen yaada” jechuun kan ibsu barreessichi, jireenya isaarraa dhaloonni kaayyoo ofiif xiqeeffachuu akka baratu dabaluun dubbata.
‘Ummanni Oromoo kitaaba baay’ee narraa argachuu dhiisuu danda’a’
“Dhaloonni na ilaalee abdii kutuu haa dhiisu. Wantan barreeffamaan kitaabota keessatti ‘Abdii hin kutinaa’ jedhee kaa’e, jireenyaanis fakkeenya ta’uudhaaf sadarkaa kanarra gaheera.
Hojiin an hojjedhe, [dhaabbataan malee] hojii namni dhuunfaan hojjetu ta’uun irra hin turre; hin yaadamuyyu [ture]; gargaarsa Waaqaanan ciniinnadhee as gahe” jechuun ibsa, barreessaan kun.
Mul’anni jiraatee, kaayyoo ofiif cichoomina qabaatanii itti deemnaan, waanti hin milkoofneef hin jiru, waan ta’eef, “ciniinnadhaa, gara fuula duratti deema, deemsa keessan itti fufaa!” jechuun muuxannoo jireenyasaarraa dhaloota gorsa, Eebbisaan.
Karoora isaa fuulduraa yeroo dubbatu, giddugala leenjii mataasaa hundeessuun xiyyeeffannoo isaa barreessuu irraa gara barsiisuu fi leenjisuutti jijjiiruu akka barbaadu BBC’tti kan hime Eebbisaan, “yaadota gurguddootu na keessa jira.
Baay’ee akkuman barreesse gara fuulduraatti baay’ee barsiisuu, leenjisuu, dhaloota qaruun barbaada, waantota na keessa jiran kana hawaasaaf qooduun barbaada. Gara fuulduraa ummanni Oromoo kitaaba baay’ee narraa argachuu dhiisuu danda’a” jechuun xiyyeeffannoosaa egeree akeekeera.