Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaan bosona gartuun amantii Cult ta'e keessatti dhuman fulaa yaadannootti jijjiiruuf
Ministirri dhimma biyya keessaa Keeniyaa Kithure Kindiki bosona gartuun hordoftoota amantii Cult ta'e dhiyeenya kana dhumaatii namoota dhibbaan lakkaa'amniif sababa ta'e gara fulaa yaadannootti jijjiiruuf karoorsuu ibsan.
Bosona Shakahola jedhamu keessatti hordoftoonni gartuu amantii Kiristaanaa kan namoota gara du'aatti affeeruu ta'anii, 250 caalan dhumaniiru.
Barsiisni mana amantaa kanaa gara 'cult'tti jijjiiramuun hordoftoonni amantichaa hanga soomanii beelaan dhumaniitti amansiifaman.
Reenfa namoota bosona hektraara 324 ta'u keessatti dhuman hunda barbaaduun erga xumuramee booda, bakkicha gara iddoo yaadannoo biyyaalessaatti jijjiiruun eegalama jedhan.
Iddoo yakki dhala namaarratti raawwatame kana bakka yaadannootti jijjiiruun namoonni gocha kana bara baraan akka hin daganneefi jedhan Aab Kithure Kindiki.
Mootummaan duree amantii kanaa adabuuf ragaa ga'aa qaba kan jedhan qondaalli kun, shakkamaan jalqabaa Luba Pool Makeenzii namoonni hagabuun of ajjeesuun jannata akka seenan ajajuun yakka duguuggaa sanyiin himatameera.
Miidhamtoonni hedduunsaanii, keessattuu daa'imman beelaan dhuman. Gariin ammoo ukkaamsamuun hafuura baafachuu dhorkamuun, morma hudhamuun fi reebamuun dhuman.
Kun ragaa qorannoo reenfaa gaggeeffameen kan mirkanaa'edha.
Ministirichi kana kan dubbatan wayita duulli reenfa namoota bakka sanatti awwaalamanii baasuu marsaa sadaffaan eegalamutti ture.
Duulli erga Ebla darbe eegalamee as reenfi 251 bakka awwaalamee baafamee qoratameera.
Namoonni 95 bosona kana keessaa lubbuun baraaramaniiru, yakka kanaan kanneen shakkaman 35 ammoo to'annoo seeraa jala oolaniiru.
Aab Kindiki akka jedhnaitti gochaan kun bosona Shakahola irra darbee kutaalee biyyattii kaanitti babal'achuu qorannoon taasifame mirkaneesseera.
Gochi gaggeessitoota amantii kanaa gara iddoo ooyiruu qonnaa fi horsiisa loonii ollaa bosona Shakahola jiru- Chakama jedhamutti babal'achuus ibsan.
Iddoowwan qaqqabuuf mijatoo hin taanee fi nama sodaachisan hunda qaqqabanii reenfa namootaa barbaaduuf daandii nageenyummaasaa eeggate ijaaramaa jira jedhan Aab Kindiki.
Sakatta'iinsi reenfaa fi adeemsi seeraa namoota yakka kana raawwatan gaafatamtoota gochuu cimee itti fufas jedhan.