Haadha ijoolleeshee shan amantaa 'beelaan ajjeesi' jedhu jalaa baqachuun oolfatte

Saalamaa Maashaa sagaleshee gadi qabdee haasofti, garuu ciminni keessooshee attamiin ijoolleeshee lubbuun akka oolche ni mul'ata.

Bitootessa keessa guyyaa tokko, baadiyyaa bakka hordoftoonni lallabaa Keeniyaa saffisaan Iyyasuus agarra jechuun nyaata lagatanii of ajjeesan keessaa baqattee baate.

Keeniyaa biyya amantaa balaafamaa bara dhumaa lallabuun walqabatee odeessaalee gaddisiisaa hedduun dhagahaman keessaa seenaan Saalamaa adda.

Hanga ammaattis bakka awwaalcha jumlaa bosona Shaakaaholaa kan kibba qarqara galaana Keeniyaatti argamutti reeffi namoota 200 ol argameera.

Kan biraa ammoo ammalleen qotamaa jira. Kanneen lubbuudhaan hafanis mukeen jalaa fi bosona daangaa lafa heektaara 800 keessa dhokatan keessaa barbaadamanii jalajalaa argamaa jiru.

Namni Paastar Pool Maakenzii ofiin jedhu bara 2003 keessa ture kan Waldaa Guud Niwuus Intarnaashinaal jedhamu hundeesse.

Nami kun ''daa'imman barachuu hin qaban, wallaansi fayyaa fudhatamuu hin qabu,'' jedha, kanaaf poolisiin hordofaa ture.

Bara 2019tti ammoo waldicha erga cufeen booda hordoftoonnisaas gara Shaakaaholaa, kan inni 'Lafa Qulqulluu' haaraa jedheen isa waliin akka deeman gaafate.

Abbaan manaa Saalamaa kanneen waamicha kana fudhatan keessaayi.

Isheenis osoo seenaa ishee himaa jirtuu, intalashee kan waggaa tokkoo, kan bosona keessatti dhalatte harma hoosisaa turte.

Mucaanshee angafaa, Amaaniin waggaa saddeeti.

Jumlaan ofi ajjeesuun Amajjii keessa eegale. Saalamaanis 'jannata galuuf' ajaja fudhattee nyaata lagachuu eegalte.

Makeenzii yeroo dheeraadhaaf addunyaa tun yeroo dhihootti akka baddu hordoftootasaatti himaa ture.

Jalqaba badii irraa akka oolaniif bosona akka dahootti kenneef. Garuu ammoo bakkichi lafa itti namoonni 'dhuma addunyaatiin dura' itti jannata galan ta'e.

Nyaata lagannaa guyyoota torbaatiin booda, Saalamaan kun fedha waaqaa akka hin taaneefi ganaa addunyaa kanarratti hojii hojjattuu akka qabadu Waaqarraa itti dubbatamuu himte.

Naannoo isheetiin namoonni du'aa turan. Yeroo tokkos sirna awwaalcha daa'ima saddeetii irratti hirmaattee jirti. Innis gara ''irriibaa'' deeman jedhama ture.

Garuu isaanis erga ''daa'imti teenya hin dunee, awaalcha warra kaanii irratti hirmaachu dhaabu qabda,'' jedhamu himti.

Akka ajaja Maakenziitti, dura deemuu kan qaban daa'immaniidha jedhu kanneen lubbuun oolan.

Achiin warra hin funeefi hin heerumne, dubartoota, dhiiroota, dhumarratti ammoo dureewwan waldaatu du'u qaba.

''Daa'imman yoo bohaniifi nyaataa naaf kennaa jedhanii gaafatan, deemanii janata keessaa akka nyaataniif uleen akka reebnuuf nutti himan'' jetti Saalamaa.

''Kanaafu, itti yaadeen haala kana gochu akka hin dandeenye hubadhe. Osoo ijoolleenkoo beela'anu ani soorachu hin danda'u. Yoo nyaata lagadhuutti akkasiin yoo natti dhagahame, kan ijoolleekoo akkam ta'e? jedheen of gaafadhe.''

Waraabbii viidiyoo lallaba Maakenzii BBCn dhaggeeffate irratti yoo ummanni akka nyaata dhaabuuf kallattiin gorsu hin dhagahamu.

Haata'u malee, akka Saalamaan jettutti, walgahii torbanii Sambataarratti ifatti dubbata.

''Jalaqabarratti paastarichi boolla bishaanii bosonicha keessatti qotee Iyyasuusiin eegaa nun jedhe, nuti ni eegne. Booda ammoo battalumatti, akka nyaatta lagannee gara samii deemnu nutti hime,'' jetti.

Ajaja kennamurratti namni gaaffii yoo kaase, yoo yeroo du'aasaanii duubatti harkifatan, jananni akka guutu itti himamuu ibsiti haatii tun. ''Karri ni cufama.''

Lallabni Maakeenzii yeroo baayyee waa'ee waraqaa eenyummaa biyyalessaa Keeniyaa isa haaraa qeeqa.

Badiinsaa olaanaa ta'uu kan hubatte Saalamaan, abbaan manaashee kan gargaartota Makenzii keessaa tokko ta'es dhimma tana raawwachisuu keessatti hirmaateera.

Abbaan warraashee hojiif yoo bahu, kanneen du'an awwaaluu akka dhaqu hiriyaan akka itti hime kaafti.

Bitootessa keessa gaafa tokko maatiin atattamaan akka ajaja hojiirra oolchu dirqisiise.

Guyyaa afuriin booda hojii deemee, Saalamaanis yeroo sana carraa miliquu akka qabdu hubachuun ijoollee ishee qabattee baqatte.

''Ijoolleenkoo nyaataafi bishaan malee guyyaa afuriif beela'an. Baayyee bo'aa turan,'' jetti.

''Yoo ilaalu baayyee dadhabaa jiru. Bishaanin kenneef, ijoolleenkoo akka du'an gochuu hin qabu jedheen ofiin murteesse.''

Ijoolleenis cimina haadhasaaniifi waan abbaan manaa ishee gargaaraa Makeenzii ta'eef oolfaman.

Saalamaan miseensoota amantichaa kaaniin akka ajajicha raawwattuuf dhiibbaan irra gahulleen baqachurraa hin dhaabneen.

Erga kiloomeetira dheeraa miilaan deemaniin booda yoo daandii guddaatti bahani namni yaada qajeelaa qabu tokko konkolaataan gara bakka nagaatti geesse.

Warri baqataa turan kaan garuu ni dhaabsifaman.

Gareen dhiirootaa ajajicha raawwachiisan ari'anii qabuun reebanii gara bosoonichaatti harkisuun akka deebiifaman miseensi amantichaa duraa fi kanneen miliqan ni himu.

Makeenziin Ebla 15 mootummaatti harkasaa kennate.

Innis hordoftootaan beelaan du'aa jedhee akka hin ajajne hima.

Garuu qorannoofi gareen baraarsaa dallaa isaa keessatti daa'imman du'anii awwaalaman hedduu arganiiru.

Poolisiin gaazexessitoota biyyattiitti akka himetti, kanneen Makeenzii gargaaran irraa akka hubatanitti daa'imman ajjeesuun isa ''Iyyasuus daa'imman gara koo dhufuu hin dhorkinaa jedhu sana raawwachisuudha'' jedha gaazexessaan Maariyon Kitii.

Akkasumas poolisiin osoo Makeenziin hin deemiin dura, gargaartoota isaaniin akka lagannaa nyaataa fi kanneen du'an awwaaluu itti fufaniif ajaja kennuu hima Kitii.

Daa'imman lubbuun hafanitu maala akka ta'e ilaalchisee odeeffannoo kennaa jira jedhu Viktar Kaa'udoo, rogeessa mirga namoomaa Hakii Afriikaa irraa. Kaa'udootu jalaqaba dhimma daa'imman xixiqqoon Shaakaaholaa keessatti du'aa akka jiran poolitti hime.

Namoonni jajjabaan muraasni erguma baraaramanii boodas wallaansi akka hin taasifamneef ni didan.

Kaa'udoon akka jedhuutti gareesaa keessaa namoonni lama baraaramaniiru. Isaanis miidhamtoota ''qaama milishaa Makenziin qabuu'' kan wara kaaniin adda baafamaniidha jedha.

Miseensi amantii kanaa duraanii Tituus Kaataanaa gargaartoota Makeenzii baayyee kan beeku ta'u hima. Irra caalaan isaanis to'atamaniiru. Torban kana garuu reeffi bosona keessatti osoo hin awwaalamiin argameera. Kunis akka kanneen ajaja paastarichaa ammalleen hojiirra kan oolcha jiraachu akka hin olleef shakuuf.

Gargaartoonni Makeenzii erga isheen baqattee torban booda dhaquudhaan akka deebiituuf gaafachuufi garuu akka ishee hin dorsiifne dubbatti Saalamaa.