Haati warraa koo fi ijoolleen keenya ja'a paastarii 'hamma du'aatti sooma jajjabeessu' hordofan hunduu du'aniiru

Keeeniyaa keessatti paastarii amantaa pirootestaantii kan ta'ee fi waldaa Good News International Church jedhamu hundeessee kan dursu paaster Pool Teengee Makeenzii hordoftootni isaa of beelessanii akka du'an jajjabeessuun himatamee Kibxata mana murtii dhiyaateera.

Manni Murtii paastariin kuniifi namootni isa waliin qabaman biroon jaha badii hin dalagne jedhee bilisaan erga gadhiisee booda abbaan alangaa irra deebiin to'annoo jala akka oolan godhee mana murtii bakka biraa jirutti akka dhiyaatan gochaa jira.

Paaster Makeenziin amantoota waldaa isaan Waxabajjiin dhufu dhuma biyya lafaa ta'a jedhee yoo dubatu Isteefan Witiin hin amanne, haati warraa isaa garuu ni amante.

Gaheessi ganna 45 kun amma haati warraan isaafii ijoolleen isaanii jaha warra dhumni biyya lafaa paastarichi jedhu gahuu dura of beelessanii akka du'an jajjabeeffamanii du'an 100 ol keessa akka jiran dubbata.

Namni jireenya isaa mandaazii(wanta akka cornaaqqee) gurguruun gaggeessu kun suura haadha warraa isaafii ijoollee isaa afurii qabatee namni ijaan isaan argee beeku yoo jiraate jedhee gaafata.

Kana gochuu kan eegale Hagayya bara darbee irra aeegalee maatiin isaa kun gara bu'an erga dhabeeti.

Kibba Keeniya bakka amma poolisiin biyyattii awwala jumlaa namoota of beelessanii of ajjeesaniiru jedhamanii shakkaman dhibbaa ol ta'an baasaa jiru bulchiinsa Maalindii jedhamutti yeroo hedduu iyyafannoof imaleera.

Isteefan Witiin bosona 'Shakahola' jedhamu kan hordoftootni paaster Makeenzii keessatti adda bahanii bara isa dhumaa eeguu jedhame imalees barbaadeera.

Haatii warraa Wiitii Bahaatii Jo'aan Hagayya darbe ijoollee qabattee yeroo manaa baate garaatti baatti ture. ijoolleen isaa jahan ammoo ganna sagalaii hanga ji'a torbaa gidduudha umriin isaanii.

Wiitiin booda haati warraan isaa ilma dahuu ishee dhaguufi mucaan dhalates u'uu dhagahuu dubbata.

Haatii warraa isaa erga bara 2015 duukabuutu paaster Makeenzii kan turte yoo ta'u bara 2021 irraa eegalee bakka amantootni adda bahanii turan bosona 'Shakahola' fi mana gidduu yeroo murtaaheef deddeebi'aa akka turte dubbata.

Namni kun achi buutee maatii isaa dhabuu Poolisiif eeruu erga kennee yeroo dhera booda dhiyoo kana ijoollee bosonicha keessa turanii poolisiin baraaraman irraa ijoolleen isaa du'uu dhagahe.

''Ijoollee koo akkan deebi'ee hin barbaanne natti himame. Hunduu du'aniiru. Bayyee barfadheera.''

Maatiin isaa kunniin bosonicha keessatti awwaalamii kan jiran ta'uufi hanga ammaa adda akka hin baafamne tilmaama.

Moggaasni bosona kanaa Shakahola jechuun afaan Swaahilii yoo ta'u hiika ''bakka yaaddoon namarraa ka'u'' jedhu qaba.

Bosonii kun heektaraa 20,000 kan ta'u dha. Kana keessaa ammoo paastaricha heektaara 320 qaba.

Qaamni bosonaa paastarichaa ammoo bakka adda addaatti qoodamee akka mooggaasa kitaaba qulqulluu akka Beeteliheem, Naazreetiifi kanneen biroo qabu.

''Haati warraa koofi ijoolleen keenya Iyarusaaleem keessa jiraatanii akka du'an dhagaheera'' kan jedhu Wiitiin ergaqondaaltotni bosona kana keessa namoota awwaalaman barbaaduu erga eegalanii garas imalee hin beeku.

Poolisiin Keeniyaa bosona san keessa bakka adda addaa 65 namootni itti awwaalaman adda baaseera.

Hanga ammaattis reeffi namoota 110 baheera. Abbootiin alangaa fi namootni bosonichaa miliqan beela'uun du'uu cinaatti kanneen hidhamanii fi qilleensi isaan hanqate du'aniis jiru.

Tiitas Kataanaa namoota bosona kana keessaa miliqanii bahan keessaati. Namootni barsiisa fi dubbii paastarii kanarraa maquu yaalan gantoota jedhamanii tarkaanfii irratti fudatamaa jedha.

Barsiisni paastarichaa osoo guyyaan dhuma addunyaa hin dhufiin( Hagayya ta'uu isaati) dura namootni akka du'an jajjabeefamu.

''Ijoolleen warra jalqaba du'aniidha. Ijoolleetti aanee kanneen hin fuunee fi hin heerumne. Achii kan itti aanu haadholiifi jaarroliidha.''

Hooggantootni waldichaa warra dhumarratti dhumaniidha.

Hordoftootni paastarii kanaa lafa fagoo Keeniyaa keessa jiran keessaa qofa hin dhufne biyyoota akka Taanzaaniyaa Ugaandaafi Naayijeeriyaa irraallee kanneen maatiin isaanii jiruufi dhumanii isaanii adda baasuuf gara bulchiinsa Maalinii kan imalan jiru.

BBC'n tajaajiloota paaster Makeenzii viidiyoo isaanii argatee xiinxale keessa uummatni hanga du'aatti akka tsoomu kallattiin yeroo jajjabeessu hin argine, garuu ammoo waan qaban mara aarsaa akka godhan dubbachaa ture.