Finfinneetti namootni hiriira nagaa wamame qindeessan afurii fi namootni biroo 97 to'annoo jala oolan

Shirri garee hiriira nagaa da’eeffachuun magaalaa Finfinnee wiirtuu hookaraafi jeequmsaa taasisuuf socho’aa turee fashalaa'uu Humni Waloo Nageenya Biyyaalessaa beeksise.
Humni Waloo kun ibsa galgala kana baaseen akka jedhetti, humnoonni fiinxaaleyyiifi gareewwan shororkeesitootaa naannolee Oromiyaafi Amaaraa bakka tokko tokkotti ajjechaafi dararaa hidhannoon deeggarame raawwachuun, akkasumas rakkoolee nageeyaa uumuun sochii nagaa hawaasaa jeeqaa jiru.
Qaamoleen kunneen naannolee lameenitti sochii farra nageenyaa raawwataa jiran gara magaalaa Finfinneetti babal’isuun hokkaraafi jeequmsa uumuun magaalattii wiirtuu jeequmsaa taasisna jechuun karooraan socho’aa turuu mirkanaa’uu ibseera.
Haaluma kanaan garee humnootaa hidhatanii magaalattii dhoksaan yaaliin seensisuu taasifamuu, maqaa hiriira gaggeessina jedhuun hookaraafi jeequmsa uumuun haleellaa shororkeessummaa lammiilee nagaarratti qiyyaafate qabatanii socho’aa turuu ibsi Humna Waloo kun mul’iseera.
Hiriira nagaa Dilbata dhufu Finfinneetti waamame jedhame warri qindeessaa jiru jedhaman keessaa afur poolisiin to'atamuun isaaniis har'a gabaafameera.
Qindeessitoonni kunneen to'annoo jala kan oolfaman hiriira nagaa ni gaggeeffama jedhamee karoorfame "hambisuudhaaf" shakkii jedhu akka qaban qindeessitoota hiriirichaa keessaa tokko kan ta'an dursaan Paartii Warraaqsa Ummata Itoophiyaa (PWUI) gargaaraa pirofeesaraa Zinaabuu Abarraa BBCtti himaniiru.
Ibsi Humna Waloo Biyyaalessaa ammoo gochaa kan raawwachuuf ergama fudhatanii socho’aa kan turaan shakkamtoonni 97 oppireeshinii gaggeeffameen to’annoo jala oolfamuu beekiseera.
Qindeessitoota Kamisa ganama hidhaman keessatti itti-aanaa dura ta'aa PWUI Maggaabii Biluuy Abrahaam Ayimaanotiifi miseensa duraanii IZEMA Obbo Naatinaa'el Mokonnon akka argaman qindeessitoota hiriirichaa kan ta'an Obbo Yashiwaas Asaffaa fi Piroofeesar Zinaabuun BBCf mirkaneessaniiru.
Aanga'oonni dhaaba dhiyeenya kana kora hundeeffama isaa kan gaggeeffate Paarii Tintaa'ee Sabaa Indartaa Obbo Giddanaa Madihin fi Obbo Kaalaayyuu Mahaariis namoota hiiricha qindeessan hidhaman keessaa ta'uus ibsaniiru.
Qindeessitoonni arfan to'annoo poolisii jala kan oolfaman bakka gara garaarraa ta'uu kan himan hooganaan PWUI, arfan isaaniiyyu yeroo ammaa Waajira Qorannaa Yakkaa Poolisii Federaalaa Meksiikootti argamu jedhan.
Namoonni siyaasaa kunneen arfan hanga ammaatti "yaada waan hin kennanneef" sababii maaliitiin akka to'ataman akka hin baramiin gargaaraan piroofeesaraa Zinaabuun dubbataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
BBCn sababa hidhamuu namoota siyaasaa arfan ilaalchisuun yaliin odeeffannoo Poolisii Federaalaa irraa argachuuf taasise hin milkoofne.
Dubbi-himaan Poolisii Federaalaa Jayilaan Abdii gaaffii waa'ee hidhamuu namoota kanaa gaaffii dhiyaateef, "odeeffannoo kan kennu Komaandi Postii Labsii Yeroo Muddamaati" deebii jedhu kennaniiru.
Hooganaan PWUI gargaaraa piroofeesaraa Zinaabuun garuu namoonni kunneen kan hidhaman hiriira Dilabata dhufu gaggeeffama jedhame qindeessaa jiran hambisuudhaaf shakkii jedhu akka qaban ibsaniiru.
Hiriirri Arat Kiiloo irraa ka'ee Addabaabaayii Masqalaatti goolabama jedhame kaayyoowwan sadii akka qabu qindeessitoonni hiriirichaa 12 xalayaa mallattoo isaanii waliin Waajira Kantiibaa Magaalaa Finfinneef galchan ni ibsa.
Qindeessitoonni kaayyoo hiriirichaatti jechuun adda-durummaan kan eeran, Humni Ittisaa naannolee Amaaraafi Oromiyaa keessatti "gocha dhiiga dhangalaasuutti bobba'eera" "haal-duree tokko malee akka gara safarasaatti deebiyee galuuf gaafachuudha," kan jedhu keessatti argama.
Dhalattoonni Amaaraa Finfinnee, Oromiyaafi Sidaamaatti "sababii tokko malee" hidhaman hidhaatii akka ba'aniif gaafachuunis kaayyoowwan hiriirichaa keessaa ta'uun eerameera.
Qindeessitoonni kunneen kaayyoo hiriirichaati jechuun sadaffaarratti kan kaasan buqqaatonni kutaaleen biyyatti garagaraa "atattamaan akka qe'ee isaaniitti deebiyan gaafachuu" kan jedhudha.
Qindeessitoonni kunneen hiriira kana akka gaggeessan erga beeksisanii booda Komishiniin Poolisii Finfinnee waamee akka isaan dubbise hooganaan PWUI dubbataniiru.
"Komishinarri Poolisii Finfinnee waamee gaggeeffamuu akka hin qabne, eegumsa kamiyyu akka hin gooneef nutti himee ture," jechuun deebii poolisii magaalichaarraa nuuf kenname jedhan ibsan.
BBCn Daarektara Hariiroo Ummataa Komishinii Poolisii Finfinnee Komaandara Itti-aanaa Maarqos Taaddasaatti bilbilee deebii waan hin arganneef deebii kennameera jedhame mirkaneeffachuu hin dandeenye.
Qindeessitoonni hiriirichaa afur har'a hidhamuu isaaniitiin booda hiriiri Dilbatatti waamame jedhame karoorri jijjiiruu jiraachuu malaa gaaffiin jedhu qindeessaa hiriirichaafi hooganaa PWUI garagaraaa Piroofeesaraa Zinaabuuf dhiyaateera.
"Qindeessitoota [hiriirichaa] 12 keessaa warri hafne ammallee wal hin argiin jirra. Wal geenyee haala ta'uu danda'a jedhame lafa keenyee maal gochuu akka qabnu murteerra geenya," jedhan.
Humni waloo ibsa isaan, humnoonni fiinxaaleyyiin daandii badiisaa isaanii kanarraa akka deebi’anii fi rakkoolee jiran mariin akka furaman irra deddeebiin carraa kennameef fayyamuurra ammas gochaa seeraan alaarratti boba’uu itti fufuu akeekeera.
Mootummaan, biyyattiittis ta’e Magaalaa Finfinneetti itti gaafatama olaantummaa seeraa mirkaneessuu waan qabuuf, Humni Waloo Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa tarkaanfii seeraa keessa deebii hinqabne fudhachaa jiraachuu eereera.
Dabalataan, shira hidhattoota humnoota fiinxaaleyyii Naannoo Amaaraa fi garee Shororkeessaa ''Shanee'' fashaleessuuf Finfinnee naannawaa garaagaraatti sakatta’aa taasifameen shakkamtoota gareewwan kanneen waliin walta’iinsaan hojjetan akka to’ataman taasisuu ibseera.












