Tapha Liiverpuuliifi Maanchister Yunaayitid booda dubbii hammaate

Liiverpuuliifi Maanchister Yunaayitid wal mo'achuu baatanis tapha duraafi booda diraamaa gurguddaan turaniiru.

Akka taphni xumurameen dursaa taphattoota Liiverpuul Virjil Vaan Daayik garee tokko qofatu mo'achuuf taphataa ture. Olaantummaa guddaa isaan irratti fudhannee turre. Garuu isaan qabxii tokko argachuu isaaniif hagas gammadani jedhe.

Xiinxaltoonnii kubba miilaafi taphattoonni duraanii Maanchister Yuunaayitid Gaarii Neviliifi Roy Kiin, waraana dubbii Vaan Daayik irratti banan. Kun kilebichaaf kabaja dhabuufi tuffachuudha jechuun qeeqan.

Roy Kiin akkas jedhe. ''Waan yaadachuu qabdu tokko kilaba waggaa 30 keessatti waancaa Piriimer Liigii tokko qofa mo'ateef taphachaa jiraachuukeeti,'' jedhe.

Itti dabaluun ''akkuma Liiverpuul yeroo dheeraaf haala rakkisaa keessa ture, Maanchisteris akkasuma haala rakkisaa keessa jira,'' jechuun dubbii Vaan Daayik qeeqe.

Karra eegaan Maan Yuunaayitid Andiree Onaanaa taphataa Maan Yuunaayitid dirree keessa turan hunda caala kubba 30 tahu waayillan isaaf dabarse.

Kubba cimaa tokko Vaan Daayik mataan dhahes galchii irraa oolcheera. Anfiildi adunyaa irraa istaadiyeemii sodaatama jedhamuun beekama. Anfiildi irratti deeggartoota Liiverpuul duratti taphachuu kilabni tokkoyyuu hin barbaadu.

Andiree Onaanaan garuu miira akkamiitu sitti dhagahamaa ture? jedhamee yoo gaafatamu ''homaayyuu natti hin fakkaanne'' jechuun deebise.

Leenjisaan Liiverpuul Yargen Kilooppi taphaan booda gaafa 7 fi 0n mo'anneyyuu haga kana tapha hin caalle ture jedhan. Gaafas Liiverpuul caalmaa kubbaa %60 agarsiise. Tapha kana irratti ammoo kubba %68 tahu to'achuun taphate.

Kubba 34 tahu gara galchii Maanchisteritti yaaleera. Kanaaf takkaa akka kanatti Maanchister Yuunaayitidiin caallee taphachuu keenya hin yaadadhu. Waanti gaarii hin taane garuu mo'achuu dhabuu keenya jedhan.

Jamii Kaarager, taphataan duraanii Liiverpuul, ''taphichi salphaa hin tuure,'' yoo jedhu morkataa isaa kan ture Gaarii neevil ammoo taphattootni Liiverpuul ''akka malee ofitti amanamummaa'' keessa waan turan natti fakkaata jedhe.

Kilooppi garuu yaadicha hin fudhanne. ''Durumaanu akka nutti ulfaatu beekna ture'' jedhan.

"Waan namoonni jedhan hunduu waan Maanchisteriin fayyadudha. Isa maaliif dhaggeeffanna? Hr'a rakkoo keenya miti. Ani guyyaatti guyyaatti alaabaa adii qabatanii dhufan argee hin beeku'' jedhan.

''Lakkoofsaan yoo ilaale waan hundaa yaalleerra. Garuu kubbi kallattii isaa eeggate muraasadha. Bakka sirrii irraa yaaluun ni danda'ama ture. Barnoota nuuf taha, jedhan.

Miidhama taphattoota gameeyyii hedduun rakkataa kan jiru Yuunaayitid qabxii tokko argachuutti gammadeera.

Buruunoo Fernaandez kaardii akeekkachiisa shan argachuun kan dhabe Maan Yuunaayitid, Iskoot Maak Toominee dursaa taphattootaa gochuun taphate.

Toomineen kilebicha gadhiisa osoo jedhamuu gahumsa gaarii agarsiisuun dursummaa kanaaf dhaqabe.

''Namni waan fedhe haa jedhu. Kilaba hammana gahu kanatti dursaa taphattootaa tahee taphachukootti hedduun boona'' jedhe.

Qabxii tokko argamuu fi mo'amuu dhabuun Erik Ten Haag irraa dhiphina xiqqeessa.

Maanchister torban darbe Barnimooziin mo'ame. Itti aansuun Baayern Munikiin mo'amuu ramaddii salphaa jedhamu keessaa Shaampiyoonsi Liigiif darbuu hanqate.

Yeroo kilebichi kufaatii akkasiirra jiru gara Anfiilditti imaluun ammoo yaaddoo galchii 7 fi 0 bara darbee fida jedhu qaba ture.

Inumaa deeggartootni Liiverpuul Tishartii isaanii irratti 7 fi 0 jechuun barreeffatanii deemaa turan.

Gaarii neevil umuriikoo keessatti Anfiilditti callisa akka kanaa argee hin beeku jedhe. Hojin dirreen Aanfiildi babal'isuu gariin xumuramuun deeggartootaaf banamee daawwattoota kuma 57 qabateera. Kun erga 1963 as yero jalqabaaf Aanfiildi irratti argame.

Liiverpuul tapha kana oso mo'atee jiraate gabatee Piriimer Liigii dursuutti deebi'a ture.

Inumaa Maanchister Yuunaayitid carraa galchii argatee itti hin fayyadamne. Taphataan gatii qaaliin mallattesiisan Rasmas Hooyilaandi ammallee galchii Piriimer Liigii tokkollee maqaa isaan hin galmeeffanne.

Xumura taphichaa irratti Deegoo Daaloot kaardii diimaan dirree keessaa bahe. Erik Ten Haag ittisa irratti gahumsi taphattootni agarsiisan ajaa'iba jedhan. Isa iti aanu irratti ammoo fuulduratti deemuun galchii lakkoofsisuu irratti fooyyessuu qabna jedhan.

Baasiin garee taphattoota Maan Yuunaayitid qaruuraa bishaaniin haleelameera. Baasiin kun yeroo taphattootaa fi leenjisaa qabatee gara Anfildi gahu garee deeggartootaa keessaa tokko qoruuraa darbachuun yeroo cabsu viiidyoon agarsiisu qoodameera.

Liiverpuul poolisiin qorachaa jiraachuu himuun gochicha balaaleffateera. Nama kana raawwates adabbii guddaan akka eeggatu hime.

Dorgommiin Piriimer Liigii Ingiliz miidhagina gaarii agarsiisaa jira. Arsenaal dursummaa harkatti deebifateera. Aston Viilaan sadarkaa lammaffaa galuun raajii hojjete. Maanchister Siitiin ammas qabxii garuun dorgommii waancaa irraa fagaachaa jira.