Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Erliing Halaand aariisaa dirree keessaa miidiyaa hawaasaatti fiduun murteessaa qeeqe
Taphataan Maanchister Siitii Erliing Halaand tapha kilaba isaa Maanchister Siitii fi Tootenihaam qixa 3-3 xumurameen booda miidiyaa hawaasaa irratti murteessaa taphichaa Simoon Huuper qeeqe.
Haalaandi murteessaa taphichaa Simoon Huupper daqiiqaa xumuraatti kubbaa qabatanii turetti akka hin fayyadamneef taphicha dhaabsisan jechuun itti aaruun dubbate.
Murteessaan erga akka taphatan murteessanii booda deebisanii akka balleessaa irratti hojjetameef kubbaa dhahatan fiishkaa yoo afuufan, Halaand qofa osoo hin taane taphattootni Maan Siitii kaanis murteessaatti naanna'uun mufii isaanii ibsataa turan.
Haa tahu malee, Halaani aarii isaa kana achirratti osoo hin xumuriin X [Twitter] irratti kiliippii isaa maxxansuun jecha safuu "Wtf" fayyadamuun maxxanse.
Taateen kun kan mudate daqiiqaa dabalataa shanaffaa irratti wayita qixxa lamaan dirreetti balleessaan Halaand irratti raawwatamedha.
Murteessaan taphichaa balleessaa yeroo Halaand irratti raawwatamu kubbaa qabatee waan tureef itti fufee akka fayyadamu eeyyaman.
Halaand kubbaa Jaak Giriilishitti yoo dabarsu, Giriilish kubbaa qabatee taphattoota sarara ittisaa Tootenahaam darbe. Carraa galchii lakkoofsisuu guddaas qaba ture.
Haa tahu malee, murteessaa Simoon Huuper deebisanii balleesichaaf kubbaa jalqabanii akka taphataniif fiishkaa isaanii afuufan.
Kun xiinxaltootni kubbaa miilaa fi taphattoota Siitiidhaan haalaan akka qeeqamu isaan taasise.
"Waan baay'ee nama rifachiisudha,'' jedhe Jarmeen Hiinaas sagantaa 'BBC Match of the Day 2' irratti.
"Waan Simoon Huuper yaadaa ture naaf hin galle. Dogoggora ifaadha. Garuu akkan yaadutti anaaf balleessaa isa guddaadha.''
Waayilli isaa duraanii Liyoon Osmaanis akkasuma ''balleessaa guddaadha, teeknolooji qabnuun waan akkanaa irraa bilisa bahuu hin dandeenyu garuu baay'ee gaddeera,'' jedhe
"Garuu dogoggori kun waanuma namni hunduu irratti dubbachuu barbaadudha.''
"Rakkoon an qabu, yerootti tapha akka itti fufnu eeyyamame baay'eetu ture,'' jedhe Miikaa Richaardis Sky Sports irratti.
''Yoo shakkii qabaatte taphni akka itti fufu gootee yeroo barbaachisaa tahetti ammoo deebistee dhaabsisuu dandeessa. Taphattootni Maan Siitiis kan aaraniif kanaafidha.''
Xiinxalaan biraa Jeemii Kaarager murteessaan ''naheera'' jedhe. Taphataan duraanii Maan Yuunaayid Roy Kiin ammoo ''murtee dadhabaa'' jechuun ibse.
'Yaada akka Mikeel Arteettaa sana hin kennu'
Erga taphni xumurames taphattootni Maan Siitii fi hojjettootni kilebichaa kaan, murteessatti naanna'uun komii isaanii dhageessisaa turaniiru.
Peep Gaardiyoolaan yeroo miidiyaatti dubbatan tasgabbaa'anii ture.
Sky Sport waa'ee taatee mudatee yoo gaafatu, ''Gaaffii itti aanu. Ani yaada akka Mikeel Arteettaa sana hin kennu,'' jedhan.
Gaardiyoolaan akka Arteettaa yaada kennuun Waldaa Kubbaa Miilaa Ingiliz irraa himanni akka irratti banamu hin barbaanne.
''Al takka takka waa'ee murteessitootaaf aaree nan maraadha, asitti garuu miti. Namni yeroo kamiyyuu dogoggora hojjechuu danda'a,'' jedhan.
"Waan na ajaa'ibe yeroo Haalaandi kufu fiishkaa afuufuuf jedhee ture garuu yeroo inni deebi'ee ka'ee kubbaa dabarsu akka taphatu eeyyame. Garuu Giriilish yoo kubba qabatu fiishkaa afuufuu isaati,'' jedhan.
Gaardiyoolaan waa'ee miira Haalaandi gaafatamanii ''waanuma jirudha, isaaf qofa osoo hin taane taphattoota kudhan kaaniifis akkasuma,'' jedhan.
"Halaand xiqqoo aareera. Garuu kan qixa baaneef sababa kanaafidha garuu hin jedhu.''
Leenjisaan Tootenahaam Anji Poostekogluu har'a ijoo dubbii tahuu kan qabu waa'ee murteessaa osoo hin taane, taphicha keessatti wantoota gaggaarii mul'atan hedduutu jira jedhan.