Roonaaldoon rukuttaa peenaalitii murteessaan kenneef akka haqamu godhe

Kiristaanoo Roonaaldoon erga gara kilaba Sa'udi Arabiyaa, Al-Naasir deemees akkuma duraa isaa galchii lakkoofsisuun beekama.

Tapha Shaampiyonsi Liigii Eeshiyaa Wiixata galgala kilabni isaa Al-Nasir kilaba biyya Iraan Persepoliis waliin taasise irratti garuu murteessaan taphichaa rukuttaa peenaaliitii kenneef jennaan akka haqu gaafate.

Taphichi jalqabee daqiiqaa lammaffaa irratti Roonaaldoon sarara rukuttaa peenaaliitii kilaba Persepoolisi keessatti kufe.

Murteessaan lammii Chaayinaa tahe Maa Niing jedhamu Roonaaldoo irratti balleessaan hojjetameera jedhee rukuttaa peenaalitii kenneef.

Roonaaldoon garuu rukuttaa peenaalitii akka hin kennisiifne murteessichatti himuun murtee isaa akka jijjiiru godhe.

Murteessaan taphichaa gara viidiyoo dirree cina jiru [VAR] deemee ilaaluun yaada Roonaaldoon jedhes fudhatee murtee isaa jijjiire.

Amanamummaan Roonaaldoo garuu kilabni isaa akka hin injifanne godheera.

Taphichi galchii malee 0-0 xumurame.

Kun daqiiqaa lammaffaa irratti tahee, tapha kana irratti taphataan kilaba Al Naasir, Alii Laajamii jedhamu daqiiqaa 17ffaa irratti kaardii diimaadhaan dirree keessaa bahe.

Tapha Riyaaditti gaggeeffame kana irratti Al Naasir taphicha durseeyyuu akka marsaa itti aanuuf darbe mirkaneeffateera.

Al Naasir dorgommii Shaampiyoonsi Liigii Eeshiyaaf garee isaa E keessaa taphoota shan irraa qabxii 13 argachuun tokkoffaa irra jira.

Akkasumas Piroo Liigii Sa'udii dursaa jira

Kilabni Iraan Persepoliis ammoo qabxii shaniin caalamee lammaffaa irra jira.

Roonaaldoon ji'a Hagayyaa darbe kilabni isaa AL-Naasir yeroo jalqabaaf waancaa Shaampiyoonsi Liigii Eeshiyaa kana akka mo'atu gargaareera.

Roonaaldoon taphoota pirofeeshinaalaa 1,100 ol irratti hiriiree taphachuun galchii 867 lakkoofsiseera.