Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yoona kana Yunaayitid morkachuun Liivarpuuliif maaliif 'gaarii' ta'a?
Liivarpuul guyyaa har’aa tapha guddaa Pirimiyeer Liigii Ingilizii torban kanaan Maanchistar Yunaayitid kan barana morkiin itti ulfaate dirree ofiirratti morkata.
Utubaan duraanii Liivarpuul Daani Marfii Yunaayitid morkachuun amma jedha.
Sababni isaammoo ofitti amanamummaan isaanii gad bu’eera, leenjisaan isaanii Erik Ten Haag irrattimmoo dhiibbaan cimeera.
Taphi kilaboota kanaa muddama hin dhabu. Tapha kaardiin diimaa bal’inaan irratti mul’atudha. Morkiin isaanii waan bubbulee, waan waggoota qaari’edha.
Gaafa kaan walitti aananii dura aantummaa fudhachuuf wal morkatanidha. Inni har’aa garuu adda.
Liivarpuul pirimiyeer Liigicha dursaa jira. Kanuma cimsuu barbaada. Faallaa kanaan Yunaayitid rakkoo keessa jira.
Torban darbe Bornimaawuziin 3fi 0’n mo‘amaniiru. Eegasii walakkeessa torban kanaammoo Baayirmunikiin mo’amanii Chaampiyeens Liigiin ala ta’aniiru.
Yoo Liivarpuuliin mo’aman walitti aansanii si’a sadii tooraan mo’amuuf deemu. Kunimmoo kilabichaafis ta’e leenjisaa Yunaayitidiif gaarii miti.
Waggaa darbe Liivarpuul Yunaayitidiin 7fi 0’n injifatee qolee isaa cabseera. Kuni barana irra deebi’amaa? Namoonni kana eegan jiru.
Bara dorgommii baranaa jarri Liivarpuul dirree ofiitti taphoota liigii fi kaan taphatan 11 keessaa hunda mo’ataniiru.
Faallaa kanaan Yunaayitid tapha kilaboota liigicharratti sadarkaa hanga saddeet jiran waliin dirreen ala taphatee takkayyuu hin injifanne.
Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloop garuu aariifi mufii keessa kan jiru Yunaayitid yaaddoo itti ta’uu akka malu dubbatani.
Xinxaltoonni hedduu tapha kana Liivarpuul akka irra aanu tilmaamaniiru. Garuu, galchii torba ta’uu dhabuu mala jedhan.
Xiinxalaan kubbaa miilaa Kiriis Satan, Liivarpuul 4fi 0’n Yunaayitid injifata jechuun tilmaame.
Bara dorgommii baranaa Liivarpuul osoomallee kubbaa olaantummaan to’atuudhaa baate qabxii sadii inuma argata ture.
Kuni kaka’umsa, ofitti amanamummaafi xiiqii taphattoonni Yargan Kiloopp jalatti horatan akka ta’e ibsa utubaan duraanii Liivarpuul Daani Marfii.
Faallaa kanaan Yunaayitid rakkataa jira.
Yunaayitid tapha bareedaas mul’isaa hin jiran, qabxiis argataa hin jiran. Haari Maaguweer miidhamuun immoo utubaa haphate ittuu balaaf saaxila.
Yunaayitid jalqaba pirimeer liigicha eegalee yoo ilaalamu duubatti deemaa jira jedha utubaan Liivarpuul kuni.
Yeroo ammaa garaagarteen Liivarpuuliifi Yunaayitid gidduu jiru 10 ta’eera. Garaagarteen kuni ni bal’atamoo ni dhiphata?
Joyeel Maatip, Tiyaagoo Alkaantiraafi Diyogoo Yootaa fa’i Liivarpuuliif hiriiranii hin taphatan.
Gama Yunaayitid dursaan taphattoota isaanii Biruunoo Fernaandez kaardii keelloo shan waan argef taphni Liivarpuul waliin taasifamu isa darba.
Haari maaguwer eega tapha Chaampiyeens Liigiirratti waan miidhameef hin hirmaatu. Tarii Luuk Shoo hiriiruu mala.
Maarkas Raashford deebi’un jifannaa Yunaayitid cimsuu mala.
Garuu taphattoonni Yunaayid kaazmeeroo, Meesan Maawunt, Kiristaan Eriksaniifi kaan ammallee miidhamarraa hin bayyananne.
Antooni Maarshiyaalis waan tapha kanaaf gahu miti. Eenyutu injifata jettu?
Kaleessa maaltu ta'e?
Gama kaaniin har'a Arsenaal Biraayitan waliin, Aston Viilaan immoo dirreen ala Bireentiford morkata. Taphni Westihaamiifi Woolvis har'a.
Kaleessa Maanchistar Siitiin xumurarratti galchii itti seeneen Paalaas waliin yoo qixa bahu, Chelsiin immoo Sheefald mo'ateera.
Evartaniifi Niw Kaasiliis morkattoota isaanii injifataniiru.
Taphni Bornimawuuz fi Lutoon immoo erga dursaan taphattoota Lutoon dirree keessa kufe booda taphi dhaabateera.
Yeroo ammaa haala gaariirra akka jiru ibsameera.