Tapha torban kanaa Liiverpuul v Maan Yunaayitid, Arsenaal v Biraayitan walitti fidu dabalatee eenyuti eenyuun mo'a?

Bara dorgommii darbe Liiverpuul Maanchester Yunaayitidiin Anfiildirratti 7-0n 'amma inni na gaha jedhutti garafee' mo'ate.

Tapha Dilbata dhufu gaggeeffamuun maaltu eegama?

"Namoonni tokko tokko Maanchester Yunaayitid qe'ee Liiverpuul deemee akkuma ta'u ta'ee qabxii qabatee deebiya jedhanii yaadu," kan jedhu Ogeessi Kubbaa Miilaa BBC Kiriisa Suutan "akkamitti kun ta'a" jechuun gaaffii kaasa.

"Tarii Liiverpuul akkuma bara darbee sana 7-0n mo'achuu dhiisuu danda'a. Haata'u malee, Maanchester Yunaayitid ni mo'ata jechuurra, Liiverpuul 7-0n ni mo'ata jechuuti salphata."

Bara dorgommii kana keessa tilmaama taphoota 380 kan kaa'u Kiriis Suutan, tilmaama taphoota torban 17ffaa bara kanaa akka itti-aanu kanatti kaa'eera. Isin kan ogeessi kun ogummaarratti hundaa'uun tilmaame dubbifachuun kan keessanis tilmaamuun of ilaalaa.

Jimaata

Notingihaam Forest v Tootenhaam

Taphoota afur walitti aansuun kan mo'ataman warri Notingihaam Forest, torban darbe Wolviis waliin ba'uudhaan xiqqoo bayyanateera.

Haata'u malee, leenjisan Notingihaam Forest IstiivKuuppar ammallee dhiibbaa jala jiru. Kanaaf, tapha kanarraa waan tokko argachuun dirqama itti ta'a.

Tootenhaamis akkuma kana walitti aansuun qabxii erga gatee booda torban darbe Niw Kasiliin gahumsa ajaa'ibaatiin mo'atee gara ciminasaatti deebiyeera. Ijoolleen leenjisaa Tootenhaam Anjee Postegooguluu tapha kanarraa qabxii sadii ni argatu jedheen tilmaama.

Tilmaama: 1 - 3

Sambata

Bornimaz V Luutan

Torban darbe Maanchester Yunaayitid Barnimaziin yoo mo'atamu Oold Tiraafarditti argamee taphicha hordofeen ture. Warri Barnimaz baayyee ajaa'iba turan.

Barnimaaz kubbaa qabatanii taphachuun hedduu isaan hin rakkisu. Gidduurra kan taphatan Raayaan Kiristiin fi Luuwiis Kuuk sirriitti qindaa'aniiru. Sarara fuula duraa ammoo Doominiik Solaankii sirriitti qabateera.

Barnimaz taphoota shanan darban keessaa afur mo'ateera. Tokko ammoo Aston Viilaa waliin walqixa baheera. Tapha kanaan ammoo qabxii sanii akka argatu nan eega.

Haata'u malee, Lutan Taawon sirriitti jabaatanii hin dhufan hin jedhu.

Tilmaama: 2 - 0

Chelsii V Sheefiild Yunaayitid

Leenjisaa haaraa kan mudatan warri Shefiild Yunaayitid erga Liiverpullinn mo'amanii booda torban darbe Bireentifoordiin mo'atanii qabxii sadii argataniiru.

Shefiild Yunaayitid dirree isaaniitiin alatti qabxii gatuun kan isaniin qixxaatu hin jiru. Taphoota torba keessaa qabxii tokko qofa argachuu danda'an.

Haata'u malee, amma kan waliin taphatan Chelsiidha. Waa'ee Cheslii yeroo baayyee kanan tilmaameen ala ta'ee rakkadheera.

Ta'us garuu tapha kanaan qabxii sadii ni argatu tilmaama jedhun kaa'a. Haata'u malee, amantaa guutuu hin qabu.

Tilmaama: 2 - 0

Maanchester Siitii V Kiristaal Palaas

Maanchester Siitiin torban darbe Luutan mo'atanillee dandeettiin isaan keessa jiran akka bara darbee miti.

Jereemii Dokuu fi erliing Halaand miidhamarra jiru. haata'u malee, Kiristaal Palaasiin mo'achuun isaan rakkisa jedhee hin yaadu.

Innumaattuu tapha kanaan Maan Siitiin gooliin irratti hin lakkoofsifamun jedha. Siitiin erga Onkoloolessaa as osoo gooliin irratti hin lakkaa'amiin hafanii hin beekan.

Palaas torban darbe miidhamanii Liiverpuuliin mo'amanillee dandeettii Siitii mo'achuu qabu jedhee garuu hin amanu.

Tilmaama: 2 - 0

Niwukasil V Fulhaam

Fulhaam erga dhiyoo as gooliiwwan hedduu lakkoofsisuun mo'achuu jalqabaniiru. Tapha kana tilmaamuun torban muraasa dura osoo ta'ee salphaa ture. Amma garuu ni cima.

Haala amma Niwkasil irra jiran ammoo kanan itti amanu mit. Erga Tootenhamaiin mo'amanii booda dorgommii Shaampiyoons Liigiirrattis hin milkaa'iin hafaniiru.

Waan fedhe ta'us garuu Niwkasil tapha kanaan ni fooyyaa'u jedheen abdadha. Kanarratti ammoo dirree isaaniirratti ni cimu jedheen amana.

Tilmaama: 3 - 1

Barnilee V Everten

Unaay Emirii fi Anjee Postekokaagiluu leenjistoota bara dorgommii kana keessa gareesaanii jijjiiran keessaati. Haata'u malee, leenjisaan everten Shoon Daayishis tarreema isaaniitti ramadamuu qaba.

Everten sababa adabbiitiin qabxii 10 irraa hir'ifamus Shoon Daayishis taohatoonni isaa osoo hamileen isanaii hin cabiin injifannoo fiduu danda'aniiru.

Daayish kilaba isaa duraanii waliin waliif baha. Ani tilmaani kiyya everten tapha kana ni mo'ataadha.

Tilmaama:1 - 2

Dilbata

Arsenaal V Biraayitan

Biraayitan dorgommii Yurooppaa Liigiirratti Kamisa deemee yeroo achii deebiyu gara Emiratisitti qajeela.

Imalarratti dabarsuun kun Biraayitan taphni akka itti cimu taasisuu mala natti fakkaata.

Arsenaal torban darbe gara Aston Viilaa deemee mo'amee deebiye. Carraa taphicha mo'achuu itti danda'u uumullee garuu itti hin fayyadamne ture.

Warri Biraayitan bara dorgommii kana keessa gooliin baayyeen itti galeera. Kun ammoo Arsenaaliif carraa gaarii natti fakkaata.

Tilmaama: 3 - 1

Bireentifoord V Aston Viilaa

Warri Aston Vilaa dirree isaaniirratti ajaa'iboodha. Dirree alatti garuu baayyee cimoo miti. bara dorgommii kanatti taphoota saddet keessaa sadii qofa mo'atan.

Shaampiyoons Liigiittihirmaachuu yoo barbaadan yn waanca ahawwan argachuu yoo barbaadan dirree isaaniitiin alattis mo'achuutu isaanirraa eegama.

Bireentifoord jifataa isaanii Biraayaan Mibuweemoon kan tuffatan fakkaatu. Ta'us garuu Aston Viilaatiif qormaata ta'uu akka danda'an ni eegama.

Ani tapha kana Aston Viilaan xiqqoomaaf mo'ata natti fakkaata. Olii Waatkins ammoo ni lakkoofsisa.

Tilmaama: 0 - 1

West Haam V Woolvis

West Haam Yurooppaa liigiirratti Kamisa Firaayburg waliin taphateera. Kun West Haamiif dhiibba dabalataadha.

West Haam Yurooppaa Liigiif gara marsaa itti aanutti darbullee taphattoonni isaa boqonnaa dhabuun Daavid Mooyesiif qormaatadha.

Ani taphni kun walqixaan waan xumuramu natti fakkaata.

Tilmaama: 1 - 1

Liiverpuul V Maanchester Yunaayitid

Liiverpull taphattoota jifatan baayyee qabaachuu isaatiin tapha kana sirriitti ni mo'ata jedheen amana. Yunaayitid tasa tapha kana mo'achuu hin danda'u.

Shaampiyoons Liigii irratti Luuk shawuufi Harii Maaguweeri miidhamuun Eriik Ten Haagiif mata-bowwuudha.

Yunaayitid mo'achuu kan danda'u deebisee jifachuunidha. Kanaaf, ammoo yeroo kana jifataa gahumsa akkasii qabu isaan barbaachisa.

Tarii karaa cinaa mirgaarraan Gaarnaachoon sarara ittisaa warra Liiverpuul mudduu danda'a.

Raasmas Hoyiland gaarii haa ta'u, haa dhiisu hin beeku. sababiin isaa ammoo kubbaa brbaadu argachaa hin jiru. Yunaayitid taphoota 18 darban keessatti gooliiwwan 16 qofa lakkoofsise.

Maanchester Yunaayitid bara dorgommii kana keessa gareewwan gurguddoo keessaa tokkollee mo'achuu hin dandeenye. Kanaaf, tapha kana akkamiin mo'achuu danda'a?

Liiverpuul gahumsa baayyee gaarii ta'erratti argama. Tapha kana amansiisanii mo'atu jedheen yaada.

Tilmaama: 4 - 0