Cheelsiin daddaaqama keessa jira, Maanchister Siitiinoo waancaa mo'achuu danda'a?

Erga bara 2021 as Everteen yeroo jalqabaaf taphoota Piriimer Liigii sadii walitti aansuun mo'ate.

Everteen Guudsan Paarki irratti Cheelsii galchii 2-0n mo'ate. Abdullaayi Dokooree fi Joordaan Doobiin galchii lakkoofsisan.

Gareen Shiin Daayish qabxii afuriin kileboota sadarkaa balaafamaa [relegation] jiran irraa fagaateera.

Cheelsiin erga abbaa qabeenyaa isaa duraanii Roomaan Abraahimovich jalaa bahee injifannoo duraan beekamutti deebi'uu hin dandeenye.

Waggoota muraasa dura waancaa Shaampiyoonsi Liigii kan mo'ate Cheelsiin bara dorgommii darbe dorgommii Shaampiyoonsi Liigiis tahe Awurooppaa Liigii keessaa bahee xumure.

Cheelsiin taphoota Piriimer Liigii 16 taasise keessaa taphoota torba mo'amuun sadarkaa 12ffaa irra jira.

Gareen Moorishiyoo Poochetiinoo dargaggootaan ijaarame qabxii sadii walitti aansee argachuuf rakkateera.

Moorishiyoo Poochetiinoon dhiibaa keessa jiruu?

Cheelsiin torban darbe keessas ofiiyyuu gahumsa gaarii irra kan hin jirre Maanchister Yuunaayitidiin mo'ame. Bara dorgommii 2023 keessa taphoota 18 waliigalaan mo'amuu isaati.

Cheelsiin carraa galchii hedduu uumus itti fayyadamuu hin dandeenye. Gama biraan ammoo taphoota 16 irratti galchiiwwan 26tu irratti lakkaa'ame.

Miidhama taphattootaa hedduu kan qabu Cheelsiin dabalataan dursaan taphattootaa Riis Jeemsi akkasuma miidhameera.

Leenjisaan Cheelsii amma dhiibbaa guddaa keessa galaniiru. Taphattoota birii ji'a Amajjii kanatti yoo hin mallatteessisne rakkoo keessa jirra jedhan.

Karra eegaan isaanii Saanchezis miidhamee dirreetii bahe.

Sanbata dhuftu ammoo dhumarra kan jiru Sheefiildi waliin taphatu.

Sheefildi ammoo erga leenjisaa isaanii gaggeessanii Kiriis Waayilder fidanii Bireentifoordiin mo'ataniiru.

Maanchister Siitiin taphoota muraasa irratti qabxii gatee amma injifannootti deebi'eera.

Arsenaal gahumsa guddaarra kan jiru Aston Viilaadhaan mo'amee sadarkaa lammaffaarra jira. Liiverpuul yeroo dheeraa booda liigicha dursuu jalqabe.

Xiinxaltootni kubba miilaa Maan Siitiin akkasis tahee waancaa Piriimer Liigii mo'achuu danda'a jedhu.

Gaardiyoolaanis bara kanas mo'achuu dandeenya jedhanii ture. Maanchsiter Siitiin bara kana taphattoota murteessoo dhabee ture.

Arsenaal taphoota gara dhumaarratti qabxii gatuun kan waancaa dhabe bara darbe barana ciniinnatee kan morkatu fakkaata.

Morkiin hin eegamne isaan mudachaa jiru Aston Viilaadha. Gareen Unaayi Imiree bara 2023 keessa taphoota 24 mo'achuun seenaa kilebichaa keessatti rikardii haaraa galmeessaniiru.

Maanchister Yuunaayitid bara kana dorgomaa waancaa taha jedhamee eegamaa turus hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuufiyyuu haala amma jiruun itti ulfaachuu mala.

Taphattootni sarara duraa isaa bara darbe lakkoofsisaa turan akka Raashfoordi fa'a bara kana galchii lamaa fi isaa ol lakkoofsisuu hin dandeenye.