Ga'uumsa Aston Villa, goolii Saalaa 200ffaa, daddaaqama MaanYunaayitid fi diraamaawwan tapha Piriimerliigii kaan

Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Erik Ten Hag tapha Bornimaz 3 fi 0 dhaan isaan mo'ateen ''guddoo gadduu'' fi ''akka malee mufachuu'' ibsee, kilabni isaa ga'umsa amansiisaa fi itti fufiinsa qabu kan hin qabne ta'uu dhugaa bahe.

Erik Ten Hag tapha kanarratti akkaataan Yunaayitid itti eegale gaarii akka hin taanee fi inumaa akkaan gadi bu'aa ta'uu dubbate.

Dursaan kilabichaa Biruunoo Fernaandez gamasaan haalli itti taphatan sirrii akka hin turre ibse.

''Haalli akkanaa fudhatama hin qabu,'' jechuun guutuu taphichaa ibse.

Ten Hag kilabni isaa torbee dura Niwukasil waliin taphatee wayita mo'amu mufatee ture, ammoo tapha walakkaa torbee darbeetti gaggeeffameen Yunaayitid wayita Chelsii mo'atu ejjennoon kilabasaa maal akka ta'e baruuf dhiphate.

Kilabni guddaan maqaa guddaa qabu kun daddaaqama keessa jiru keessaa ba'ee ga'uumsa amansiisaatti deebi'aa jedhamee gaafatamee akkas jedhe Ten hag.

''Gurmuun amma jiru ga'umsa amansiisaan deemuu hin danda'u. Haala amma jiruun guddoo mufadheera, aareen jira. Haala kanarraa adda ta'en eega. Akkaatumti itti eegalle gaarii miti. Gadi bu'aadha.''

Maanchistar Yunaayitid bara kana dorgommii hundarratti hanga yoonaa 11 mo'ameera, haganuma mo'ates.

Taphoota piriimiyer liigii 16 taphate keessaa kan Bornimaz kana dabalatee yeroo torbaffaaf mo'ameera.

Bornimaz ammoo ga'umsa isaa fooyyeffataa jiraachuun gaaffii hin qabu. Tapha shan irraa qabxii 13 argateera.

Erik Ten Hag ga'umsa Yunaayitid amma irra jiruuf itti gaafatamummaa akka fudhachuu qabu ibseera.

Guyyaama kana, waggaa 10 dura, Leenjisaan Maanchistar Yunaayitid Deeviid Mooyis kilabni isaa waa hedduun akka of fooyyessuu qabu ibsee ture.

Har'as Erik Ten Hag kanuma jechaa jira. Komii fi hamiin kilaba maqaa guddaa qabu kana biraa hin hafne.

''Akkuma gareetti of fooyyessuu qabna. Ciminaa fi kutannoo gabbifachuu qabna. Dorgommiif qophaa'uu barbaachisa. Liigii kana keessatti murannoo cimaan hin taphattu taanaan jiraachuun kee gaaffii keessa gala,'' jedhe Erik Ten Hag.

Gama kaaniin ijoo dubbii ta'ee kan jiru ammoo waa'ee ga'uumsa Astan Viilaati.

Gareen Unaayi Emiree bara kana akkaan sodaachisoo ta'aniiru, shaampiyoonaa bara darbee Maanchistar Siitiin osoo hin isaan hin hafin injifataniiru.

Tapha 16ffaa irrattis Arsenaal irraa dhiibbaa guddaan isaan mudatus qabxii sadiin galuurraa homtuu isaan ittisuu hin dandeenye.

Olaantummaan Astan Viilaan Arsnenaal irratti argate kun kilabichaaf hamilee guddaadha, Arsenaaliif ammoo hojii manaa cimaa ta'eera.

Arsenaal dorgommiiwwan hundarratti taphoota ja'an darban walitti aansuun mo'atee, fiixee gubbaa piriimiyer liigiirras ture, carraan kun mo'icha Astan Viilaan goolabameera.

Wal'aansoon Arsenaal fi Astan Viilaa Liivarpuuliinis guddoo fayyade. Kiristaal Paalaas waliin kan taphate Liivarpuul osoo durfamaa jiruu boodarraa ka'ee 2 fi 1n mo'achuun tokkoffaa qabateera.

Tapha kanarratti Mohammad Saalaa goolii 200ffaa isaa lakkoofsiseera.

Saalaan taphattoota kilabichaa kanaan duraa kanneen akka Ayaan Raash, Roojar Haant, Goordan Hodgson fi Biilii Liidel'tti aanuun goolii haga kana galchuun sadarkaa shanaffaa qabateera.

Taphoota piriimiyer liigii Sambata kaleessaa taphataman kaaniin Sheefiildi Yunaayitid Birentifoordiin yoo mo'atu, Biraayitan fi Burniliin akkasumas Wolvis fi Notiingihaam Foorast goolii tokko tokko walitti galchuun walqixa xumuraniiru.

Har'ammoo Maanchistar Siitiin gara Kenilworth Road imaluun Luutan Siitii waliin, Chelsiin gara Evartan imaluun dirree Goodison Park irratti akkasumas Fulhaam Westham dirree kubbaa miilaa Craven Cottage irratti ni taphatu.

Taphi akkaan eegamu kan Tootanhaam fi Nuwukasil yoo ta'u innis sa'atii 1:30 irraa eegalee dirree Tootanhaam irratti gaggeeffama.