Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aston Vilaan mo'amuun booda leenjisaan Maan Siitii 'gatantaraa jirra' jedhe
Maanchistar Siitii maaltu mudachaa jira?
Waancaa sadii bara tokkotti kan milkeesse Maanchistar Siitii, taphoota Pirimeer Liigii afur walitti aansuun hin moone - gabatee irrattis dursitoota Arsenaalin qabxii jahaan caalamaniiru.
Roobii galgala Aston Vilaan 1 fi 0n mo'amuu hordofee, leenjisaa Pep Gaardiwolaa gareen isaa "gatantaraa jiraachuu" amaneera.
Pep "gareen gahumsa bareedaa agarsiise mo'ateera" jechuun, rakkoo isaan mudate kanaafis furmaata barbaaduu qabna jedhe.
"Baay'ee nutti cime, keessattuu boqonnaan dura. Boqonnaan booda ammoo waan biraatu ture," jechuun leenjisaan kun dubbate.
Taphataan sarara ittisaa Arsenaal duraanii Maartin Keown, Siitiin "muddama bicuu" keessa jiru jechuun, "saaxilamoo turan" jedhe.
Daqiiqaa 74 gubbaa gooliin Liwon Beelii galcheen Viilaan mo'ichaan gale. Kanaanis Siitiin tarree liigichaan Arsenaal, Livarpuul fi Aston Viilaan caalamuun afreessoorra taa'eera.
Kilaboonni ciccimoo waancaa Liigichaa irra aanuuf abdatan kaan mul'achaa jiru - Siitiin abdiin marroo afreessoof waancaa kaasuuf qabu harkaa bahaa jiraa?
Erga 2009 jalqabbii ittisaa cimaa hin taane
Kilaba marroo afreessoof walitti aansuun Pirimeer Liigii mo'achuun rekoordii harka galfachuuf abdatutti, ragaaleen garuu waan dansaa agarsiisaa hinjiran.
- Siitiin erga 2017 yeroo jalqabaaf taphoota afur irratti walitti aansuun otoo hin mo'iin hafe.
- Kana malees erga 2009-10 yeroo jalqabaaf taphoota Pirimeer Liigii 15 irratti gooliiwwan 17 irratti lakka'ame - gaafas shaneessoo tahuun obbaasan.
- Tapha Viilaa wajjiniin gara gooliitti yaalii kubbaa lama callaa taasisan. Kunis Gaardiyoolaan liigiiwwan Awurooppaa gurguddoo shanan irratti kilaba leenjise keessaa yeroo kamuu keessaa isa gadaanaadha (kunis taphoota 535 booda galmaa'e).
- Ammallee yaaliin kubbaa Aston Viilaan isaanirratti aggaamame 22 ammoo, kilaba Gaardiyoolaan leenjise keessa isa olaanaa tahuun rekordii qooddateera.
- Maan Siitiin taphoota afran taphataan isaanii Rodrii irratti hin hirmaanne hunda mo'amaniiru.
Kun tahus garuu kana hubadhaa!
Maan Siitiin bara taphataa 2018-19 waancaa kaasan sanatti, taphoota 19 booda qabxii 10n caalamanii durfamaa turan. Achirraa kahuun qabxii 98 galmeessuun Shaampiyoonaa tahan.
Kanaaf carraa hinqaban jettanii morkii keessaa hin baasinaa.