Dorgommii Laaligaa irratti deeggaraan istaadiyeemitti duunaan taphni adda cite

Taphni Laaligaa Giraanaadaa fi Atileetikoo Bilbaayoo gidduutti Dilbata jalqabe sababa deeggaraan tokko istaadiyeemii keessatti du'ee adda cite.

Deeggaraan taa'umsa deeggartoota irraa deeggarsa kennaa ture tasa boqate.

Taphni jalqabee daqiiqaa 17ffaa irratti deeggaraan Giraansaadaa tokko tikkeettii bara dorgommii kana guutuu bitateeru sababa dhukkuba onneen kufe.

Hakiimonni achumatti isa oolchuuf yaalii godhanii ture.

Garuu hin milkoofne. Taphicha Atileetii Bilbaayoon galchii 1 fi 0'n dursaa ture.

Inyaakii Wiiliyaamsi galchii duraa lakkoofsisee ture. Garuu taphichi achumarratti dhaabate. Yoo itti fufuun danda'ama jedhamee gara sa'a tokko tahuuf eegamee ture.

Gadda kana irraa kan ka'e taphichi Wiixata har'aa bakka gaherraa ka'uun akka itti fufuuf murtaa'eera.

Deeggartootni tikkeetii bitatanii galan tapha har'a itti fufu galanii daawwachuu danda'u.

Deeggartootni Giraanaadaan maatii fi firoottan nama boqateef jajjabina hawwaa turan.

Kara eegaan Atileetiikoo Unaay Simoon waan naannoo taa'umsa deeggartootatti mudate murteesitootatti himee tapha dhaabsisuu isaaf deeggartoota Giraanaadaa irraa dinqisifannaa fi galata argateera.

Taphattotni kileboota lameenii taphichi adda cituun isaa erga ifatti himameeyyuu dirreekeessa gara daqiiqaa 20 tahuuf turanii bahan.

Tapha Laaligaa biraa gaggeefameen Jiroonaan shaampiyoonaa bara dorgomii darbee Baaarseloonaa galchii 4-2n mo'ate.

Jiroonaan injifannoo kanaan gabatee Laaligaa qabxii 41'n dursuu jalqabe.

Baarseloonaan duubaa ka'ee galchii wal qixxesituu lakkoofsisuus itti fufee injifachuu hin dandeenye.

Baarseloonaan sadarkaa 4ffaa irra jira. Atileetiikoo Maadirid akkasuma qabxii 43'n 3ffaa irra jira. Lameen isaanii qabxii torbaan caalamaniiru.

Riyaal Maadirid qabxii lamaan Jiroonaa irraa duubatti hafee sadarkaa lammaffaa qabateera.

Jiroonaan Laaliigaa keessa waggoota dheeraaf hin turre. Ammoo liigicha irratti gooftummaa warra qaban akka Baarseloonaa FI Riyaal maadirid caaluun hojii dinqisiisaa hojjechaa jiru.

Haala kanaan itti fufnaan waancaa injifachuu danda'u.