Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ramaddiin Shaampiyoons Liigii kileboota 16 hirmaachisu akkamiin baha? Taphni yoom eegala?
Kileboonni Ingiliz lamaan Maanchister Yunaayitid fi Niwkaastil ayyaana wagggaa haaraa 2024 kana booda dorgommii Awurooppaa tokkoyyuu hin qaban.
Lameen isaanii Shaampiyoons Liigiidhaan gara kileboota 16tti makamu jedhamanii eegamanis hin milkaa'iin hafan.
Eda galagala dirree Seent Jeems Paark karaa balbala Gaaloogeet Indi jedhamuun beekamuu taphattoonni Niwkaastilii fi AC Miilaan yoo bahan faaruu Shaampiyoons Liigii gadhiifame.
Deeggartoonni Niwkaastil miira addaa keessa turan.
Isa dura barreeffama dheeraan '' Kun abjuu keenya addaa sanaan ol miti, sababni isaa hawwii adda tahe tokko waan qabnuuf'' ergaa jedhu kan of keessaa qabu agarsiifamaa ture.
Ergaa kana kan dubbatan leenjisaa Niwkaastil durii Sir Boobii Robsan turan.
Abjuun Niwkaastil garuu osoo hin dhugoomiin hafe. Waggaa 20 booda gara Shaampyoons Liigiitti kan deebi'e Niwkaastil, morkataa isaa AC miilaaniin 2-1n mo'amee dorgommicha keessaa bahe.
Boorushiyaa Doortimondi yeroo galchii jalqabaa PSG irratti lakkoofsisu, Niwkaastil abdii guddaa qaba ture.
Galchii jalqabaa lakkoofsisuun AC Miilaaniin dursaa turan. Garee jabaa jedhamu kana keessaa dursee darbuu kan mirkaneeffate Doortimondi qofa ture. Sadan isaaniiyyuu carraa darbuu qabu ture.
Garuu Niwkaastil muuxannoo dhabuu fi taphattootni isaanii hedduu jalaa miidhamaa turuun akka qabxii barbaadan hin arganne isaan taasiseera.
Niwkaastil gaafa PSG 4-1n mo'atan garee kana keessaa darbuun isaanii shakkii hin qabu ture. Garuu Doortimoondiif harka kennan.
Tapha dhumaa injifachuu dadhabuun isaanii yoo xiqqaate carraa dorgommii Awurooppaa Liigii akka hin arganne isaan taasise.
PSG fi Boorushiyaa Doortimondi yoo darban AC Miilaan Awurooppaa Liigii gale.
Taphni biraa eda gaggeefame Maanchister Siitii fi Red Istaar Belgireed gidduutti yoo tahu Maan Siitiin 3-2n taphicha mo'ate.
Shaampiyoonaan Awurooppaa bara dorgommii darbee Maanchister Siitiin dursee darbuu isaa mirkaneeffateera.
Kilebni Ingiliz irraa Shaampiyonsi Liigii keessatti arginu Arsenaalii fi Maan Siitii qofa taha jechuudha.
Baarseloonaan kileba biyya Beeljiyeem Antwerp jedhamuun 3-2n mo'ame. Baarseloonaan garee isaa keessaa darbus, aduu torban tokkoo keessatti si'a lama mo'amuun isaa leenjisaa kilebichaa Zhaaviif yaaddoodha.
Dorgommii Laaliigaan Jiroonaadhaan 4 fi 2'n kan mo'ame Baarseloonaan kaleessas galchii wali qixxesituu lakkoofsisee daqiiqaa tokko keessatti Antwerpi irratti lakkoofse.
Ramaddiin Shaampiyoonsi Liigii Mudde 18 bara 2023, Iswiizerlaanditti baha. Kilebootni sadarkaa tokkoffaan xumuran kanneen lammaffaan xumuraman waliin ramadamu.
Warri xuwwee carraan buufamu keessa kaa'aman Arsenaal, Atileetikoo Maadirid, Riyaal Maadirid, Baayern Munik, Maanchsiter Siitii,Baarseloonaa, Boorushiyaa Doortimondi fi Riyaal Sosedad tahu.
Warri kaan kileboota kanneen waliin kan ramadaman taha.
Kileboonni biyya tokko keessa jiran waliin hin ramadaman. Taphni marsaa jalqabaa Guraandhala 13-14 akkasumas 20-21 bara 2024 taphatama.