Hogganaan poolisii Keeniyaa ajjeechaa rogeessaan to'annoo jala oole

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES
Itti gaafatamaan waajjira poolisii magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii, ajjeechaa dargaggeessa biloogar ta'eefi to'annoo Poolisii jala osoo jiruu ajjeefameen walqabatee to'annoo jala ooluu qorattoonni walabaa himan.
Qondaala kanaan alattis ajajaan buufatichaa Saamson Tallam, poolisii kan biraan Jeems Mukwaan fi teeknishaanni kaameeraa nageenyaa buufata poolisii sanii haquun shakkame to'annoo jala oolaniiru.
Poolisiin biloogar Albart Ojiwaang mataa isaa dallaa irratti erga rukutee booda of miidhuun du'e jedhamus, hakiimoonni garuu kun dhugaa akka hin taane ibsuu booda biyyattii keessatti uummatni dheekkamsa kaaseera.
Doktooronni Albart sababa miidhaa irratti raawwatameen lubbuun akka darbe jala muraniiru.
Qorannoo walabaa dhimmicha irratti gaggeeffame hordofuun yoo xiqqaate namoota 23 qoratamuun namoota shan ammoo hojii idilee isaanii irraa ari'amuu ibsameera.
Ojiwaang namni ganna 31, dhuma torbee darbee osoo to'annoo poolisiin jala jiruu du'e.
Bloogarri kun waa'ee Itti aanaa Inispeektaraa Eluud Lagaat fuula X isaa irratti barreeffama qeeqaa erga barreessee booda poolisiin to'annoo jala oolche.
Ibsa jalqabaa poolisiin kenneen Ojiwaang kutaa isaa keessatti of wallaalee argamee gara hospitaala magaalattii geeffamee mataa isaa dallaa irratti rukutee du'uu isaa ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haa ta'u malee, bu'aan qorannoo Poolisii Walabaa (IPOA) kan poolisii to'atu, yaada poolisiin Ojiwaang of ajjeesuu mala jedhu mormeera.
Inispeektar Daaglaas Kaanjam ibsa kanaan dura kennan fudhatama dhabsiisuun dhiifama gaafachuun ''odeeffannoo dogoggoraa'' hojjettoota isaaniitiin uumame ta'uu dubbataniiru.
Jimaata darbe mana murtii kan dhiyaatan yoo ta'u hanga dhaddacha mirga wabii isaaniitti torban tokkoof to'annoo jala oolu.
Kamisa darbe mormitoonni dhibbaan lakkaa'aman ajjeechaa biloogarichaatiin aaranii, itti aanaa Inispeektar Lagaat aangoo akka gadhiisan gaafachuuf daandii irratti ba'aniiru.
Jeneraal Lagaat uummata, hoggantoota paartii mormitootaa, fi gareewwan hawaasa siivikii irraa aangoo akka gadhiisaniif ykn hojii irraa akka ugguraman dhiibbaan cimaan irra gahaa jira.
Prezidaant Wiliyaam Ruutoo qorannoon hatattamaa akka gaggeeffamu gaafachuun bulchiinsi isaanii lammiilee poolisii seera hin qabne irraa akka eegu Jimaata darbe waadaa galaniiru.
Waggoota sadii dura yeroo pirezidaantichi gara aangootti dhufan seenaa gara jabummaa poolisii fi ajjeechaa seeraan ala Keeniyaa xumuruuf waadaa galaniiru.
Haa ta'u malee, bara darbe qofa Keeniyaatti ajjeechaan seeraan ala fi dirqiin dhabamsisuu gara 160 ta'u Komishiniin Mirga Namoomaa biyyattiin galmaaheera.
Dhaabbanni poolisii walaba ta'e ji'oota afran darban qofa poolisiin erga qabamanii booda yoo xiqqaate namoonni 20 ajjeeffamuu ibseera.












