Waancaa Addunyaa: Eenyutu ol kaasuuf deema?

Biyyoonni afur walakkaa xumuraa Waancaa Addunyaa Kataar qopheessaa jirtun walfalman : Arjantinaa, Kirooshiyaa, Faransaayiifi Morookoodha.

Kibxata Arjantiinaan Kirooshiyaa morkatti, Roobii immoo Faransaay Morookoo morkatti.

Tokkoon tokkoon isaanii waancaa kubbaa miilaa maqaa guddaa qabu ol kaasuuf abdataniiru.

Biyyoota sadarkaa kana gahu jedhaman kanneen tilmaaman xiqqoodha. Garuu waancaan garam gora?

Kuni hiree Mesiitii?

Morookoon biyya Kiristaanoo Ronaaldoo, Poorchugaal, mo'attee walakkaa xumura Waancaa Addunyaaf darbuun biyya Afrikaa seenaa haaraa hojjette taateetti.

Ingilaand ammoo Sanbata galgala Faransaayiin mo'amtee bulee barii isaa Qaataar Dohaa gadhiistee baateetti.

Amma biyyoonni afur calalamanii walitti hafaniiru: Faransaay, Morookoo, Kirooshiyaafi Arjentiinaa.

Garee biyyoota afranii keessa tokko Dilbata dhufu waancicha warqee sana hammatanii dhungachuuf jiru.

Gareen biyyoota afranii kun xumura walakkaatiif ni qaqqabu jedhee kan tilmaame xiqqaadha.

Garee biyyoota afranii keessaa tokko amma seenaa galmeessuuf fiixeerra gaheera.

Biyya kam, taphataa kam qabudhaa?

Erga Arjantiinaan waancaa Addunyaa xumuraa tumsa Maaraadoonaan ol kaafte waggooti 36 lakkaa’amaniiru.

Bara Mesiin Arjantiinaan bara 2014 xumura Waancaa Addunyaaf geessee Jarmaniin mo’amtee dhabde.

Mesiin carraa kana deebisee – taphataa kubbaa miilaa hunda isaanii caalaa maqaa guddaa qabu ta’u danda’aa?

Morookoo

Morookoon seenaa dalagdeetti.

Biyya Afrikaa, fi Arabaa jalqabaa gara caalu hordoftoonni ishee Musliima ta’aniifi walakkaa xumuraa Waancaa Addunyaa geesse taateetti.

Morookoof tilmaamni hammanaa hin keennamne ture.

Ramaddii Kirooshiyaafi Beeljiyeem keessa jiran tokkoffaa ta’un darbite. Marsaa biyyoota 16 keessa Ispeen mo’an, nuusa xumuraa irrattimmoo Porchugaal dorgommii keessaa baasan.

Ammas gara fuulduraa adeemuu fedhu.

Milkaa’inni isaanii ittisaafi sochii dadhabbii malee taasisan irratti kan hundaa’edha. Waancaa Addunyaa irratti gareen morkataa garee kanarratti galche hin jiru.

Galchiin takka yeroo Kanaadaa waliin taphatan kan itti seene ofirratti kan galchanidha.

Morookoon garee waancaa Addunyaarratti deeggarsa cimaa argattedha.

Qopheessitoonni Waancaan Addunyaa kuni waayee Kataar qofa miti, naannawa Giddugala Bahaafi hawaasa Musliimaa hunda ilaallata jedhu.

Taphattonni Morookoo kana caalaa fagaatanii adeemuu danda’uu?

Faransaay dabalachuufi?

Faransaay waggaa afur dura Waancaa Addunyaa Raashiyaan qopheessite irratti waancaa ol kaafte. Ammas walitti aansanii dabalachuuf jedhuu?

Yoo milkaa’an seenaa Biraazil bara 1958 fi 1962 walitti aansitee waancaa ol kaaste dabalatu.

Waggoota booda kana biyyoonni waancaa ol kaasan ga’umsa isaaniin itti fufuu rakkataniiru. Xaaliyaanii, Ispeeniifi Jarman waggoota 12 darban dursanii waancaa keessaa bahan.

Faransaay garuu wanti akkanaa irratti hin mul’anne.

Gaafa Sambataa Ingilaand mo’anii walakkaa xumuraa gahuun isaanii eega Biraazil bara 1998 sadarkaa kana geesse kan jalqabaa ta’eera.

Qalbiin leenjisaan Faransaay Didiyeer Deeshoo garuu Morokoorra jira.

Kirooshiyaan itti deebitii?

Waancaa Addunyaa Raashiyaa qophaa’e irratti wal morkii waancaaf Faransaayiifi Kirooshiyaatu walitti dhufe.

Tapha walakkaa xumuraan Faransaay Morookoo mooteefi Kirooshiyaan Arjantiinaa yoo moote irra-deebiin wal arguu danda’u.

Taphattoonni Kirooshiyaa waggaa afur dura xumura gahuuf Denmaarkiifi Raashiyaa penaalitiin injifatanii darban, baranas Jaappaaniifi Biraazil penaalitiin mo’anii taran.

Ga’umsi Kirooshiyaa utubaa garichaa taphataa ganna 37 Lukaa Modirichiin dabaalame akkuma cimeetti jira.

Waancaa Addunyaa 2018 irrati Kirooshiyaatiin 3fi 0’n kan mo’amte Arjantiinaan, gad-qabdee isaan ilaaluu hin qabdu.