Waancaa Addunyaa keessaa bahuu Ingilaand: 'Nama dhukkubsa, natu itti gaafatama' - Haari Keen

Dursaan taphattoota Ingilaand Haari Keen biyyi isaa Faransaayiin mo’amanii Waancaa Addunyaan ala taatus ‘’sammuufi qaamaan cimanii qormaata itti aanuuf’’ of qopheessuuf akka itti dhimma bahan hime.

Guyyaa Sambataa Ingilaand Faransaayiin 2fi 1’n mo’amtee gara walakkaa xumuraa Waancaa Addunyaa Kataaritti osoo hin darbiin hafteetti.

Boqonnaa dura 1fi 0’n kan durfamani warri Ingilaand boqonnaa booda penaalitii lama argatani.

Haari Keen kan jalqabaa daqiiqaa 54ffaa irratti galchuus, kan lammataa daqiiqaa 84 irratti kennamteefi Faransaayiin isaan qixxeessuu maltu garuu galchuu dhabe.

Kanaanis deeggartoonni Ingilaand gadda ibsataa turan.

‘’Baay’een mufadhe,’’ jedheera Kaanen fuula Tiwiitaraa isaa irratti ergaa barreesseen.

‘’Waan dandeenyu gumaachineerra,’’ kan jedhe Kaanen waan mudateef ‘’itti-gaafataman nan fudha. Dhoksuun hin danda’amu, nama dhukkubsa, qaamuma ispoortiidha garuu dagachuuf yeroo hamma tokko fudhata,’’ jechuun ibse.

Galchiin jalqabaa inni galche galchiiwwan hedduu biyyaaf galchuun riikardii kan qabu Waayni Ruuniitti akka qixxaatu gargaareera.

Ruuniin galchiiwwan 53 Ingilaandiif galchuun riikardii qabatee ture.

‘’Amma muuxannoo kana qormaata itti aanuuf sammuufi qaamaan itti cimuuf itti fayyadamna. Deeggarsa keessaniif galatoomaa,’’ jechuun barreesse.

Waa’ee Keen penaalitii galchuu dhabuu isaarratti BBC Raadiyoo 5 Live irratti kan dubbate jifataan duraanii Ingilaand Alan Shiirar ‘’jireenya jifataatu akkana. Haala akkanaa keessatti of keessa. Umrii guutuu Haarii biraa hin hafu [sammuu isaa keessaa hin bahu].’’

Ittisaan Ingilaand Haari Maaguweer illee yaada Haari Keen jabeesse.

Leenjisaan Ingilaand Gaariz Saawuzget waa’ee egeree isaanii murteessuu dura akkaataa hiriira taphattootaa irratti gamaaggama akka gaggeessan ibsaniiru.

Saawuzget eega bara 2016 eegalee leenjisaa Ingilaand ta’un tajaajilaa jiru. Waliigalteen isaanii hanga Yuuroo 2024 ni tura.

‘’Inni eda galgalaa nama guba. Baay’een mufadhe. Saawuzgeetiifi deeggartootaaf galatni addaa ni malaaf. Biyyakoo nan jaalla, isin boonsineerra jedheen abdadha,’’ jedhe Maaguweer.

Leenjisummaa Saawuzget jalatti Ingilaand xumura walakkaa xumuraa Waancaa Addunyaa bara 2018 fi xumura Yuuroo 2020 geesseetti.

Waancaa Addunyaa Kataar irrattimmoo biyya waggaa afur dura waancicha ol kaafte Faransaayiin dorgommiin ala taate.

Taphoonni xumura walakkaa [walakkaa maayii] torban dhufu gaafa Kibxataafi Roobii taphatamu.

Gaafa Kibxataa Nezarlaandiin injifattee kan dabarte Arjantiinaan biyya Biraaziliin moote Kirooshiyaa morkatti.

Gaafa Roobii immoo Faransaayiifi Morookootu taphata. Morookoon biyya Afrikaa jalqabaa sadarkaa kana geessedha.

Tapha Kibxataafi Roobii kanneen injifatan gaafa Dilbata Waancaa Addunyaaf wal falmu, kanneen mo'aman immoo Sambata sadarkaaf taphatu.