Kiliyan Mbappe maalfaa raawwatee taphataa collee jedhame? Qabxiiwwan torba

Tapha waancaa addunyaa bara 2022 nuusa xumuraa Sambata dhufu Firaansi fi Ingilaand gidduutti taphatamuun dhimmi ijoon qalbii namaa hawwatee jiru, waa'ee taphichaa caalaa waa'ee taphataa collee tokkooti.

Taphataan sarara fuulduraa Firaansi fi PSG Kiliyan Mbappe yeroo ammaa taphataa collee addunyaa ta'ee waa'eensaa guddoo dubbatama.

Waa'ee dandeettii fi beekamtii Mbappe qabxiiwwan torba akkanaan qixeessineerra.

1. Seenaa keessatti taphataa qaalii lammaffaadha

Kiliyan Mbappe jalqaba bara 2017 kilaba Monaakoo irraa ergisaan PSG dhaqe, waggaa tokko booda yuuroo miiliyoona 180n dhaabbii ta'ee PSG keessa ture.

Gatiin inni ittiin PSG seene kun isa guddinaan addunyaarratti lammaffaarra jiruudha.

Kan isa caalu taphataa Biraaziil Neymaar qofa. Neymaar bara 2017 Baarseloonaa irraa yuuroo miiliyoona 222n PSG seene.

Kiliyan Mbappe taphoota kilabichaaf taphate 237 irratti goolii 190 lakkoofsise, kilaba PSG keessatti taphattoota bebbeekamoo addunyaa kanneen akka Mesii fi Neymaar waliin hiriiree taphata.

2. Taphataa injifannoo walitti fufaan beekamu

Kiliyan Mbappe akka taphataa pirofeeshinaalaatti erga taphachuu eegalee waggaa torba, waggoota kunneen keessatti walitti fufiinsaan injifannoo galmeesseera.

Bara 2018 Waancaa Addunyaa, 2020-21 Nations Liigii nyaateera.

Kana malees PSGtti yeroo afur, Monaakootti yeroo tokko walumatti yeroo shan taphataa collee ta'uun sadarkaa argateera.

Biyyasaatti ammoo Waancaa- French Cup sadi fi French League Cup lama mo'ateera.

Dhuunfaadhaan ammoo bara 2017 badhaasa taphattoota umrii 21 gadiif kennamu mo'achuun taphataa qaroo jedhameera.

Akkasumas yeroo lama taphataa collee Firaansi ta'eera, yeroo tokko ammoo taphataa collee Ligue 1 ta'e, yeroo sadi ammoo taphataa collee umrii xiqqaa jedhamuun badhaafameera.

Waancaa addunyaa bara 2018 irrattis taphataa collee umrii xiqqaa jedhamuun beekamtii argateera.

3. Guca Waancaa Addunyaa ibsu- Mbappe

Kilyan Mbappe Waancaa Addunyaa bara 2018 Raashiyaatti qophaa'erratti goolii afur lakkoofsisuun Firansitti abdii guddaa hore.

Tapha xumuraa Croatia waliin taphatan irratti Firaansi 4 fi 2n mo'atte, Kiliyan Mbappe tapha kanarratti goolii lakkoofsiseera.

Kanaanis taphataa gameessa Biraazil Pele kan bara 1958 waancaa addunyarratti goolii galchetti aanee taphataa umrii xiqqaa yeroo jalqabaaf goolii galche ta'eera.

Waancaa Addunyaa baranaa Qataaritti gaggeeffamaa jiru irratti Kiliyan Mbappe goolii shan galchuun dursaa jira.

Walumaa galatti ammoo tapha dorgommii waancaa addunyaarratti goolii sagal qaba, kanaanis gameessi kubbaa miilaa Arjantiinaa kan goolii saddeet qabu Diyeegoo Maraadoonaa fi Kiristiyaanoo Roonaaldoo caaleera.

Kiliyan Mbappe taphataa collee umrii xiqqaa tapha waancaa addunyaarratti goolii hedduu galches ta'eera, taphataan umrii xiqqaa Porchugaal Eusebio umriisaa waggaa 24 fi guyyaa 182tti goolii saddeet qaba.

4. Umrii xiqqaadhaan rikardiiwwan hedduu cabse

Handaara magaalaa Paaristti kan dhalate Kiliyan Mbappe garee naannawa itti dhalateef taphachuun kubbaa eegala, yeroo jalqabaaf ammoo bara 2015 kilaba Moonaakoo seenuun taphataa pirofeeshinaalaa ta'e.

Umrii waggaa 16 fi guyyaa 347tti kilaba kana kan seene Kiliyan Mbappe seenaa kilabichaa keessaatti taphataa umrii xiqqaati.

Ji'oota sadi booda kilabichaaf goolii galche, goolii Troyes irratti lakkoofsiseen taphataa umrii xiqqaa jalqabaa goolii galche ta'ee galmaa'eera.

Duraan rikardii kana kan harkaa qabu taphataa gameessa Firaansi fi Arsenaal kan ture Thierry Henry dha.

5. Taphataa saffisaa ajaayibaa qabu...

Waancaa Addunyaa bara kanaa biyyisaa Firaansi, Poolaand waliin taphatte irratti goolii Kiliyan Mbappe galche dabalatee 3 fi 1n mo'atan.

Tapha kanarratti saffisni isaa sa'aatiitti kiilomeetira 35.3 ture, waancaa addunyaa bara kanaarratti taphattoota ja'a qofatu saffisa isa caalu galmeessisan.

Kilabiin Firaansi- Ligue 1 jedhamu Fulbaana darbe ibsa baaseen taphatichi saffisa ariifataa sa'atii tokkotti kiilomeetira 36 galmeessisuun jalqabarra jiraachuu eereera.

Gameessi Olompikii Jamaayikaa fiigicha meetira 100n beekamu Usain Bolt, bara 2009 sekondii 9.58n rikordii qabu yoo shallagamu sa'atiitti kiilomeetira 37.58 ta'a.

6. Maallaqa guddaa Maadrid didee PSGtti hafe

Kiliyan Mbappe'f Madrid maallaqa yuuroo miiliyoona 150n fudhachuuf murteessus inni garuu didee PSG waliin kontiraata waggaa sadii mallatteesse.

Haata'u malee yoomuu kilaba Laaligaa Ispeen seenuuf fedhii akka qabuu fi Chaampiyoonaa Awurooppaa ta'uuf akka ifaaju BBCtti himeera.

Keessattuu fedhiin inni kilaba Madrid galuuf qabu yoomuu akka waliin jiru mirkaneesse.

7. Taphataa collee gara-laafessaa fi arjaa

Barruun galii namoota bebbeekamoo ibsu Forbes Onkoloolessa darbe gabaasa baaseen Kiliyan Mbappe taphataa kubbaa miilaa galii guddaa argatu ta'uu eere.

Kunis erga taphattoonni qaroon addunyaa Mesii fi Ronaaldoon waggoota sagaliif dursaa turanii kan dhagahameedha.

Bara kana qofa doolaara miiliyoona 128 argata jechuun Forbes tilmaame.

Kiliyan Mbappe miidiyaa hawaasummaarrattis guddoo beekama.

Feesbuukii, Inistagiraam fi Twitter irraa waliigalatti hordoftoota miliyoona 100 qaba.

Mesii fi Ronaaldootti aanee taphataa collee dhiibbaa uumuun beekamu jedhameera.

Kiliyan Mbappe tapha waancaa addunyaa waggaa afur dura ture irratti maallaqa kaffalameef doolaara 380,000 guutuu isaa dhaabbata tola-ooltummaa daa'imman gargaaruuf kenne.

Odeessaalee walitti dhihaatan: