Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Saamu'el Eetoo Kaataaritti osoo nama wajjin wal loluu viidiyoon isaa erga bahee booda dhiifama gaafate
Taphataan colleen duraan Barseloonafi Kaameruunif taphataa ture Saamu'eel Eetoo Dorgommii Waancaa Addunyaa Kaataaritti gaggeeffamu irratti namaan osoo walitti bu'uu viidiyoon isaa mata duree dubbii erga ta'een booda "dhiifama naaf godhaa" jedhe.
Viidiyoo miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa ture irratti akka mul'atutti Saamu'eel Eetoo namni ganna 41 namicha tokko osoo rukutuu mul'ata.
Taaten kun kan raawwate isteediyeemii 974 jedhamuun alattiidha. Saamu'eel Eetoo amma federeeshinii kubbaa miilaa Kaamerun pirezidaantummaan gaggeessa.
Osoo nama kaameeraa baatee isa duuka deemu waliin walitti hin bu'in dura Eeton suurawwan deeggartoota isaa waliin ka'e miidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxansaa ture.
Viidiyicha irraa akka mul'atutti Eeton namicha rukutuuf yeroo itti aggaamu namoonni gidduu galanis jilba isaatin namichatti bu'eera.
"Miira koo to'achuu dadhabee bifa eenyummaa koo hin madaallen socho'uu kootti dhiifaman gaafadha," jechuun Eeton fuula tiwitara isaa gubbaatti barreesse.
"Taatee osoon itti yaadin mudate kanaaf uummata dhiifaman gaafadha," jedhe.
Eeton akka jedhetti namni deeggaraa Aljeeriyaa ta'uu hin oolu jedhe akka tuttuqee isa aarse dubbata.
Kunis Kaameerun Aljeeriyaa mo'attee Waancaa Addunyaa Kaataritti gaggeeffamaa jiruuf darbuu isheetini.
Tapha kana irratti Aljeeriyaan komii guddaa dhiyeessitee FIFAn jalaa kuffisee turuun ni yaadatama.
"Deeggartoonni Aljeeriyaa qoccolloo fi tuttuqqaa guyyaa guyyaan namarratti gaggeessan ofirraa ittisuu ittan fufa," jedhe Eeton. "Erga Kaameruuni fi Aljeeriyaan waliin taphatanii kaasee osoo gargar hin citin akka waan isaan gowwoomseetti haleellaa narratti gaggeessu, garuu ragaa hin qaban."
"Yeroo Waancaa Addunyaa Kaataritti gaggeeffamaa jiru kanatti deeggartoonni Kaameerun kan Aleeriyaatin qoccolloon irratti raawwataa ture," jedhe. Saamu'eel Eetoo taphoota 118 irratti hirmaachun Kaameruunif taphatee galchiiwwan 56 lakkoofsiseera.