Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
EBC'n taphoota hin hayyamamneef waan dabarseef adabbiin cimaa isa eeggata jedhe FIFAn
Korporeeshiniin Birodkaastingii Itoophiyaa (EBC) taphoota Waancaa Addunyaa Kaataaritti gaggeeffaman keessaa taphoota kallattiin akka dabarsu hayyamameefin alatti dabarsuu isaatiin adabbiin cimaan akka isa eeggatu FIFA'n ibse.
Taphoota Waancaa Addunyaa hundumaa EBCn akka dabarsu ibsaa turuun isaa ni yaadatama.
Dubbi himaan FIFA BBC'tti akka himanitti televizhiiniin Itoophiyaa taphoota akka agarsiisuf hayyamameef taphoota muraasa ta'ee osoo jiruu walii galtee kanaan ala taphoota biroos dabarseera.
Kunis EBC'n taphoota hayyamameefin alatti taphoota dabalataa dabarsuun isaa walii galtee FIFA wajjiin seene kan cabse ta'uu himan.
Dhimma akeekkachiisaa fi adabbii Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFA) jedhe irratti miidiyaan biyyaalessaa hanga ammaa homaa hin dubbanne.
Kanarraa ka'uunis FIFAn walii galtee EBC waliin qabu adda kutuu isaa ibsuun dhaabbata EBC irratti tarkaanfii cimaa fudhachuuf qophaa'aa akka ta'e dubbatan.
Waldaan Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFAn) tarkaanfin inni EBC irratti nan fudhadha jedhe maal akka ta'e hin ibsine.
FIFAn dhaabbata EBC waliin walii galteen inni qabu adda cituu isaatiin taphoota Waancaa Addunyaa akka dabarsuuf hin hayyamamneef.
FIFAn kana haa jedhu malee EBC taphoota tokko tokko dabarsaa akka jiru ni beekama.
Dhaabbatichi BBCtti akka himetti dorgommii Kubbaa Miilaa Addunyaa dabarsuudhaaf buufataalee televizhiinii waliin walii galtee tolfachuun hayyama kan kenne yoo ta'u walii galtee kanaan alatti taphoota dabarsuun dhorkaadha.
Hayyama ifa ta'e osoo hin qabaatin, "Bifa tamsaasaa kamiinuu karaa televizhiiniis ta'ee dijitaalaa" kan dhiyaatu hordofuun tarkaanfii akka irratti fudhatan qondaalli FIFA ibsan.
Kuni akka hin mudanneef FIFAn maallaqa guddaas baasee guutummaa addunyaatti hordoffii kan taasisuun dabalatatti miidiyaalee dijitaalaa fi hawaasaa wajjiinis ni hojjata.
Wal morkiin Waancaa Addunyaa FIFA Kataar qopheessite adeemsifamaa jira.