Uffata taphattootaa akkaan qaala'ee deeggartoonni karaarraa akka bitan dirqe

Dorgommiin Waancaa Addunyaa 2022 biyya keessummeessite Kataariif qofa miti kan qaalii ta’e.

Deggartoonni biyyootii addunyaa, uffata taphattoota jaallatanii bitachuuf maallaqa hedduu baasaa jiru.

Gatiin uffata taphattootaa bituuf nama gaafatu biyyoota muraasa keessatti miindaa hojjetaa tokko ni ta'a.

Jeniin Gaarsiyaa, magaalaa Riyoo Di Jeneeroo keessatti daldaltoota daandirraa naannoo Sayiin Peenaa jiran yemmuu agartu maallaqa baasuuf qophoofte.

Uffata kubbaa miilaa garee biyyaleesaa Biraaziil hedduun gurguramaa ture.

“Uffata garee biyyaalessaa Biraazil isa cuquliisan bitadhe.

''Hiriyootiifi waayilotnikoos muraasni akkan bituufiif na gaafataniiru,” jetti barsiistuun umurii ganna 42 kun.

Uffati daandirraa bitte kun gara doolaara 14 ishee baasise, uffatichi inni sirrii dhaabbata US Nike jedhamuun oomishamu ammoo doolara 65’n gurgurama.

Dabalataanis uffanni garee Biraazil kan Waancaa Addunyaa 2022 irratti uffatan fakkeessuun hojjatame ammoo doolara 130’n gurguramaa jira.

Amma miindaan gidduu galeessaa Biraazil keeessatti gara doolaara 225 dha. Gatiin uffata kubbaa miilaa inni sirrii inni gadi aanaan %30 miindaa kanaa yoo ta’u, inni olaanaan ammoo gara %58 ta’a.

Gatiin Dabaluu

“Uffati kubbaa miillaa nuuf mi’a qaalii ta’eera,” Jetti Gaarsiyaan.

Gatiin uffata kubba miillaa qeeqa kan kaaseeruu Biraazil keessatti qofa miti.

Ingilaand keessatti gatiin uffati garee kubbaa miillaa biyyattiif Waancaa Addunyaa 2022’f qophaa’ee jiru inni gadi aanaan dolaara 85’n gurguramaa jira.

Kan Firaans ammo doolaara 93’n gurguramaa kan jiru yoo ta’u, uffata gartuulee lamaanii kan oomishe dhaabbata Nike dha.

Dandeettiin mi’a gatii akkanaa bituu Gaanaa keessatti cimaa waan hin taaneef, yemmuu dhabbattii Jarmanii Puma uffata gartuu biyyaleessaa Gaanaa oomishuu gaatii isaa doolara 94’n akka gurguramu ibse dheekkamsa kaase ture.

Amma, galiin gad aanaa Gaanaa ji’atti gara doolara 145 dha.

Amma shaampiyoonota Afrikaa kan taatee Senegaal keessatti, uffata gartuu biyyaleessaa isa sirri bituun akka garticha deeggaraniif waamichi taasifamuus, uffatni inni sobaa (fakkeefamee hojjetame) daandiilee biyyatti irratti hedduu gurguramaa jira.

Sababni isaa biyya Senegaal galiin galiin gadi aanaa ishee ji’atti doolara 75 taate keessatti, uffatni gartuu kubbaa millaa biyyatti dhaabbata Puma’n oomishamu Sadaasa 14 irraa eegale doolara 71’n gurguramaa jira.

Diinagdee uffata taphattootaa

Uffata (Tshirt) kubbaa miillaa oomishuuf maallaqni hedduun hin barbaachisu.

Dhaabbata Hoggansa Ispoortii Yohaan Kiraayif Barseloonaa keessatti kan barsiisan Richaard Denton, T-shirt kubbaa miillaa tokko oomishuuf gara doolaara 10 akka baasisu tilmaamu.

“Kun gatiin gurgurtaa inni dhumaa akka garmalee guddaa ta’e mul’isuu fi akkas ta’uu isaaf sababni hin jiru jechisiisuu danda’a,” jedhu Denton.

“Ta’us garuu baasii fi invastimantiin hedduu gatii isa dhumaa irratti dhiibbaa waan uumuuf, gatiin nama tokkoof fudhatamaa ta’e isa kaaniif fudhatamaa ta’uu dhisu mala.”

Ogeessi diinagdee Siisar Girafiyeti, kan daldala kubbaa miillaa irraatti xiyyeeffate hojjetu, gatiin uffata kubbaa miillaa dhumaa baasii omishaa irratti qofa akka hin hundoofne – gibiraa fi baasiin lojistikii kanaa akka geejjibaa fa'i dhiibbaa guddaa akka uumu ibseera.

Kun ammo erga weerarri koronaavayirasii eegalee, dhiyeessii mi’a irratti miidhaa uumeefi erga waranni Yuukireen gatii boba’aa addunyaa irratti dhiibbaa uumee guddaa dabaleera.

“Dhabbileen uffataa gartuleen kilabootaa fi biyyaleessaa akka uuffata isaanii uffataniif jecha gatii guddaa waan kaffalaniif gurgurtaa uffata kubbaa miillaa irraa galii guddaa hin argatani,” jedha Girafiyeti.

 Lola 'dhaabbilee gurguddoo'

Dhaabbileen gurguddoo akka Nike fi Adidas gartuuleen bebbeekamoo akka uffata isaanii uffataaniif waan hedduu taasisu.

Waancaa Addunyaa baranaa irratti Nike garee kubbaa miilaa 32’f uffata kan dhiyeesse yoo ta’u, dhabbati akka Adidas ammo garee torba kan akka Jarmanii, Arjantinaa fi Ispeeniif dhiyeesseera.

Walumatti dhabbileen lamaan akka gartuleen uffata isaanii uffataniif federeeshinii biyyaalessaaf waggaatti gara dolaara miiliyoona 275 akka kaffalan marsariitiin daldala ispoortii SportsPro Media ibseera.

“Nuti ofii keenyaa uffati kun gatiin isaa qaalidhamoo miti kan jedhu murteessuu qabna. Kanaafidha namootni tokko tokko dhugaatii wayinii gatii xiqqaa baasuu kan dhugan, kaan ammo isa gatii guddaa baasisu kan filatan.”

BBC’n dhaabbilee Adidas, Puma fi Nike irraa deebii argachuuf yaaleera. Yeroo gabaasi kun barreeffamutti Adidas qofatu deebii kenne.

Ibsa ergeen, dhaabbatichi gatiin gurgurtaa inni dhumaa qulqullina mi’a uffaticha oomishuuf fayyadamamee fi kan umurii dheera qabu akka ta’e kan ni mul'isaa jedhe.