Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Kataar waa hedduun moote' - Waancaa Addunyaa lammiilee Itoophiyaa achi jiraniin
Gaazexeessaa Giruum Sayifuu gaazexaa Addis Adimaas jedhamuuf, dhimmoota ispoortiifi hawaasaa barreessa.
Gaazexeessaan kun Waancaa Addunyaa bara kanaa ilaaluuf, sagantaa baniinsaa guyyootaan dura ture gara Dohaa kan imale.
Giruum Finfinneerraa kahee gara Dohaa wayita deemu, haala qilleensaa akkaan ho’aa tahe eegee ture. Haatahu malee waqtiin kun biyyattiif yeroo isa qorraati jedhamudha.
Akka ibsa metirolojiitti Kataar biyya “aduun itti heddummaatudha.”
Haala qilleensaa yeroo ammaa jiruun, qilleensi gadaanaadha jedhamu digirii 23 ennaa tahu, kun kan jalqabus barii keessa sa’aatii 10 irratti.
Lakkoofsi uummataa biyyattii miiliyoona 2.7 akka tahes ragaaleen ni mul’isu.
Kanneen keessaa Araboonni Qataarii jedhaman %15 qofa. Lammiileen Hindii, Filippins akkasumas biyyoota Eeshiyaarraa dhufan Kataar keessa hojjechaa jiraatu.
Lammiileen Itoophiyaa, Ertiraa fi Keeniyaas, magaalaa Dohaa dabalatee Ar-Rayyan keessatti argamu.
Biyyattiin bicuu qabeenya boba’aa hedduu qabdu kun, Waancaa Addunyaa biyya Arabaatti qophaa’e isa jalqabaa keessummeessaa jirti.
'Lammiileen Itoophiyaa namoota hojiiti jedhamu'
Bakkuma deemtu mara sirni qilleensa to’atu jira kan jedhu gaazexeessaa Giruum, otoo kun jiraachuu baatee biyyattiin jiraachuuf rakkisti turte jedha.
Wayita BBCn hasoofsiisutti: “Amma akka biyyattiitti sa’aa 5 keessa jirra. Biyya keenyatti ho’a ji’a Caamsaa jirutu as jira.”
Giruum jiraattota Kataar waa’ee qilleensaa ennaa gaafatu, “inumaa kun yeroo isa qorraa jedhamudha,” ittiin jedhu.
Kanaafidha biyyattiin dorgommii kana qopheessuuf yeroo kana kan filatte – malee Waancaan Addunyaa Waxabajjii keessa gaggeeffamaayyu.
Kataar Waancaa Addunyaa kana wayita qopheessitu, gama biyyoota Lixaan mormiin guddaan mudateera.
Mirgi namoomaa hin kabajamu, ijaarsa istaadiyemotaa irratti hojjettoonni humnaa kumaatamatti lakkaa’aman lubbuu dhabaniiru, haalli qilleensaa mijataa miti kan jedhaniifi qeeqni hedduun irratti dhiyaate.
Gaazexeessaa Giruum qeeqni kun akkaan arbeeffame jedha. Akka ilaalcha isaatti, Dohaan gara fuuladuraa akkuma Dubaayi fa’i, wiirtuu daawwattoota biyyoota hedduurraa dhufan simattu taati.
Giruum Dohaa keessa wayita deddeemu lammiilee Itoophiyaa hedduu hojii akka akkaa hojjetan argeera.
“Istaadiyemii keessa lammiilee Itoophiyaa tola ooltummaan tajaajilan argadheera. Nama aartii tokko wajjin walbareera. Nama kaampaaniiwwan gurguddoo birodkaastii wajjin hojjetus argadheera.''
Marsariitiin ragaalee biyyattii maxxansu ‘Online Qatar’ ragaa 2019 keessa baaseen, lammiileen Itoophiyaa 25,000 tahan biyyattii keessa argamu jedha – kunis lakkoofsa uummataa biyyattii keessaa %0.8 kan tahudha.
“Hojii mana keessaa kan hojjetan jiru. Kan baratan jiru. Ogeeyyiin ijaarsa gamoo, akkasumas shufeeronni jiru.
Naannoon manneen nyaataa Itoophiyaa baay’een itti argaman jira. Mana rifeensaa Addis Ababaa jedhus argeera. Restoraantii ani deeme keessa isa tokkotti, lammiileen Itoophiyaa hedduun walitti qabamanii argeera.”
“Lammiileen Itoophiyaa Kataarota biratti ni kabajamu. ‘Namoota hojiiti’ jedhamu,” jedha Giruum.
Gaazexeessaan kun amma dura dorgommii kana ilaaluuf Afrikaa Kibbaa fi Raashiyaa imaleera. Haatahu malee inni kan Dohaa kun akkaan addadha jedha.
Maaliif jennaan – kan jalqabaa, istaadiyemoonni walitti dhiyeenyaan kan argaman waan taheef, guyyaa tokkotti taphoota garagaraa ilaaluuf akka isaan gargaare kaasa.
Fakkeenyaaf Waancaa Addunyaa Raashiyaan, magaalaa guddittii Moskoo irraa Sochii dhaquuf baaburaan sa’aatii 72 imaluun irra ture.
Kana malees haala adda taheen morkiin taphoota gulaallii garee irratti mul’ate, baay’ina daawwattootaa, dizaayiniin addaa istaadiyemootaa, Waancaa Addunyaa kana ‘anaaf adda godheera’ jedha.
'Biyyi kun waa hedduun mo’atteetti'
Kataar magaalaa Dohaa waggoota shaniif jiraachaa kan jiru dargaggoo Abdulhakim Abdurahmaan, Waancaa Addunyaa kanarratti namoota tola ooltummaan tajaajilan keessaati.
Naannoo Istaadiyemii Khalifa International jedhamutti tajaajila kan kennu dargaggoon kun, tajaajila daawwattoota keessummeessuu (customer service) irratti ramadamee hojjeta.
“Namoota daawwiif dhufan kallattii seensaa [agarsiisuu], waan isaan barbaadan irratti qarqaaruu, wantoota biyyattii keessa dhorkaa tahan itti himaa barsiisaa, akkasumas nama badii osoo beekuu raawwate ammoo qama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessina.”
Hojii tola ooltummaa kana jalqabuun dura leenjiin yeroo gabaabaa kennameefi akka ture kan himu Abdulhakim, rakkoowwan deeggartotarraa isa mudatus ni dubbata.
“Alkooliin biyya kana keessatti dhorkamaadha, gara istaadiyemii qabattee seenuu hin dandeessu. Kana wayita itti himtu ‘ati eenyu? Qaama kami?’ jedhee kan si gaafatu, kan sitti dallanu jira. Waan kana garuu humnaan osoo hin taane, sirnaan itti himna.”
Kataar biyyakoo lammaffaadha kan jedhu Abdulhakim, dorgommii kanaanis ishee deeggaraa ture.
Gama kubbaa miilaan biyyi qopheessituu tun milkaa’uu dhabuun dorgommiin ala taatus: “biyyi kun waa hedduun mo’atteetti. Biyyoota addunyaa kanarraa namoota bifaafi fedhii garagaraa qaban hammattee, nagaan keessummeessuun ishee mo’annaadha,” jedha lammiin Itoophiyaa kun.
'Kubbaa jechuun isa kana!'
Maskaram Zawudee Kataar keessa waggoota 15 oliif jiraatte. Magaalaa guddiittii Dohaa dabalatee, magaalota adda addaa keessa deddeemuun hojjetteetti.
Yeroo ammaa kana Dohaa keessa mana nyaataa maatii Abisiiniyaa-Bishooftuu jedhamu gaggeessiti.
Restoraantiin Aadde Maskaram tibbana namoota biyyoota addunyaa garagaraa irraa dhufaniin guutameera – kanaafis Waancaa Addunyaa galateeffatti.
Keessummoonni Itoophiyaaa, Ertiraa, Sudaan fi lammiileen biyyoota kaanis mana nyaataashee akka mil’atan dubbatti.
Lammiileen Itoophiyaa hiriyoota isaanii biyyoota biroo fidanii dhufanii wayita nyaata qooddatan ennaa agartu guddoo gammaddi.
Restoraantiin Abisiiniyaa-Bishooftuu qarqara magaalaa Dohaa bakka Al Muaither jedhamutti argama. Mandara kanatti lammiilee Itoophiyaa hedduutu jiraata.
Maskaram Waancaan Addunyaa ni jalqaba ennaa jedhamu, tarii iddoowwan gariitti namni hedduummaata jechuun sodaattee turte. Haatahu malee dorgommiin akkaan eegamu kun gammachuu isheef fidee dhufe.
“Namni guddoo gammade, bilisummaan sosocho’a. Waan amma beeknun alatti waan addaa argaa jirra. Namuu sirnaan keessumsiifama. Miirri isaas addadha.”
Restoraantii kanatti alaabaan biyyoota 32 tarree galee taa’a – kunis biyyoota dorgommicha irratti hirmaatan bakka kan bu’udha.
Miirri magaalaa keessa jiru adda akka tahe kan himtu Maskaram, kubbaan miilaa akkanatti nama walitti fiduu arguusheetiin gammaddeetti.
“Kubbaa jechuun isa kana. Kubbaan miilaa uummata addunyaa akka walitti dhiyeessu naaf gale. Akka dhuunfaa kootti kana hubadhe. Garmalee namatti tola, garmalee!”
Maskaram maamiltoonni mana nyaataa keessatti itti baay’atanii ko’omte malee, silaa naannoo istaadiyemitti nyaata Itoophiyaa dhiyeessuuf karoorsitee turte.
Haalli qilleensaashee akkaan ho’aa tahe kan nama sardu Qataar, tibbana garuu qabbanaa’uun isaa Maskaram ajaa’ibeera – silaa ho’i Qataar kan dandamatan miti jetti.
Waggoota hedduu biyyattii bicuu kana kan jiraatte Maskaram, Qataar biyya Arabaa duudhaa jabeessitu waan taateef, daawwattoonni biyya alaatii dhufan akka fedhii isaanii bashannanuu dhiisuu malu jechuun soda qabdi turte.
Haatahu malee, kilaboota halkanii keessa lammiileen Meksikoofi Biraazil sirbaatuma bahan jetti.
Namoonni biyyoota biraarraa dhufan, amala akka akkaa qabatanii dhufu. Haatahu malee keessummoonni bilisummaan gammachuun ennaa socho’an, taphatan, ragadan argiteetti.
“Kana amma dura argee hinbeeku. Dhugumatti miira addaa na keessa uume,” jette Maskaram.