Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iswaarez tapha Gaanaa waliin taphatanrratti kubbaa harkaan tuqee akka hin galle deebiseef dhiifama gaafachuu dide
Taphataan sarara fuulduraa Yuragaay Luwiiz Iswaarez Waancaa Addunyaa bara 2010 irratti tapha Gaanaa waliin taphatanirratti kubbaa harkaan kan tuqeef dhiifama gaafachuu dide.
Iswaarez taphaaf daqiqaa dabalamte wayita xumuramuuf dhiyaattu kubbaa harkaan tuqee galuurraa deebisee ture.
Asamoojihaan peenalitiirratti itti aanu galchuu dogoggore, sana booda Yuraagaay gara ittaanutti darbite.
‘’Taphataa Gaanaatu peenaalitii dogoggore, ana miti,’’ jedhe Iswaarez otoo gareewwan isaanii Jimaata dhuftu Waancaa Addunyaarratti wayita wal morkachuuf jiran kanatti.
Gaanaan yoo Yuraagaay injifatte gara taphata ittaanutti akka ceetuuf haala mijeessaaf, garuu Gaanaan yoo injifatamte Yuraagaay fuuldaratti akka tarkanfattu haala mijeessaaf- yoo Kooriyaan Kibbaa Poorchugaal injifachuu dadhabde.
Yoo Yuraagaayiifi Kooriyaan Kibbaa morkattootasaanii injifatan, garaa garaagarummaa galchii isaan lakkoofsisaniitu hiree isaan qaban murteessa.
Yuraagaayiifi Gaanaan wagga 12’n kanaa asitti yeroo jalqabaatiif waliin taphachuuf jiru.
Gaazixeessaan Gaanaa taphataa sarara fuulduraa Livaarpuul duraan Iswaarezii biyyoonni Afrikaa muraasni akka’’seexanatti’’ si ilaalu jedhunillee, inni garuu kubbaa harkaan tuquu isaatti gaabbuu dide.
‘’Ani kanaaf dhiifama hin gaafadhu,’’ jedhe Iswaarez.
‘’Otoon taphataa miidhe dhiifaman gaafadha,eegaan harkaan tuqeef kaardii diimaatu naaf kenname ture,’’’ jedhe Iswaarez.
‘’Sun dogoggora koo miti, sababni isaa ani peenaalitii hin dogoggorre,’’ jedhe. Iswaarez kubbaa harkaan tuquun bara 2010 biyya Gaanaatti dheekkansa guddoo kan uumee ture yoo ta’u, waan innii dalage hanga tokko Yuraagaay akka peenalitii injifattu gargaarera.
Gareen Iswaarez sana booda Nezarlaandiin injifatame ture.
Gareen Gaanaa yeroo ammaa haaloo Iswaarez fi Yuraagaayirratti qabachuu fudhata dhabsiiste jiru.
Taphatoota Garee Yuraagaay bara sana tapharratti hirmaatan keessaa inni qofti kan hirmaachuuf jiru Iswaarez, ammammoo waan haaraa dalguun fedha jedheera.