Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘Iddoo Mesiin jirutti Arjentinaan abdii qabdi’
Hirmaannaan Arjentinaan Waancaa Addunyaarratti qabdu gaaffii keessa wayita seenee turetti deggartoonni Arjentinaa kumaataman lakkaa’aman Sambata galgala Kuwaatar, istaadiyeemii Lusiyil jedhamutti walitti wayita qabaman nama tokko sammuu keessaa qabu turan.
Innis Liyoneel Mesiidha.
Mesiin haala ajaa'ibaan Arjentiinaatti abdii hore.
Taphataa abdiin guddaan irra ture ta'ullee, kaleessa galgala Arjentinaan morkattuu ishee jabduu kan taate Meekiskoo waliin wayita taphatan qalbii daawwattoota addaan hiree ture.
Arjentinaan Meekiskoon otoo injifatamtee ta’ee, hirmaannaa dorgommicharratti qabdu kan goolabuuf adeemu ture .
Arjentinaan tapha Meeksikoo waliin taphachuun dura jalqaba dorgommii Waancaa Adunyaa irratti haala qaanessaa ta’een Sa’ud Arabiyaan injifatamtetti.
Mesiin dorgommicha injifachuun kabajaa kubbaa miilaa keessatti gonfate bara baraan kan yaadatamu akka ta’e bareeche beeka.
Taphataa addunyaarratti beekamtii guddaa horate kun imaanaa biyyi isaa irra keesse irra deebiin milkeesse.
Warri Arjentiinaa wayita garmalee isa abdatan kanatti kallattii taphaa geeddaruun, akkasuma adeemsa hirmaanna gareen biyya isaa Waancaa Addunyaa keessatti qaban jijjire.
Taphichi erga eegalee daqiiqaan 64 guutera. Sekondiiwwan lakkaa’amtu garuu Mesiis ta’e, Arjentiinaarratti dhiibbaa jabeessaa adeema ture.
Mesiin garuu waltajjii dorgommii addunyaa kanarratti kufaatii Arjeentinaa hiika maalii akka qabu ni beeka ture.
Sabaa sirriis ta’u, sirrii ta'uu baatu Mesiitti quba qabuun waanuma hin oolle ture.
Mesiin kubbaa to’ate otoo hin turiin onnee deeggartoota warreen Meeksikoo hedduu cabse.
Sambata galgala tapha Arjentinaan Meekiskoo 2 fi 0’n injifatteerratti galchii murteessa ta’e lakkoofsise.
Wayita Meeksikoo waliin taphatanitti deeggartoonni Arjentiinaa gammachuusaanii wayita ibsatan, Mesiin harka bal’isee gara isaanitti fiigee ture.
Miira haara galfiitiin gara deeggartoota biyyasaaatii ilaale.
Boqonnaan booda saffisaan miliqaa fiiguutti ka’e fi saffisaan kubbaa daddabarsuun galchitti geeddareera.
Deeggartoonni Arjentinaa sana booda gammadaa, Mesii galaateeffatan.
Itti aansuun Enzo Fernaadez daqiiqaa 87 booda galchii lammeessoo itti dabale.
Mesiin hirmaannaa Arjentinaan Waancaa Addunyaa biyya Kuwaatarirratti qabdutti lubbuu hore.
Tapha sana booda Mesiin akkas jechuun toora miidiyaa hawaasarratti barreesse; ’’har’a injifachuutu nurra ture kanaaf injifanneerra, ammas Roobii dhuftu taphni fuuldura keenya jira, ammas waltaane morkachuu qabna,’’ jedhe.