Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Waancaan Qataar 2022 anaaf Waancaa Addunyaa isa xumuraati' - Meesii
Taphataan sarara fuulduraa Paaris Seent Jarmanii Liyoneel Meesiin Waancaan Addunyaa Qataaritti Sadaasa dhufu gaggeeffamuuf jiru ''anaaf kan xumuraa akka ta’e shakkii homaa hin qabu,'' jedhe.
Lammiin Arjentiinaa umurii ganna 35 Meesiin, Waancaa Addunyaa afur irratti biyya dhalootasaaf taphatee galchii jaha galchee, shan ammoo akka galu gargaare.
Bara 2014 Arjentiinaan waancaaf taphachuun sadarkaa lammaffaa wayita argattu, kanneen medaaliyaa argatan keessaa ture.
Akkasumallee bara 2021 Copa Ameerikaarratti garee biyyasaa waancaa kaase kan durse Meesiin, Waancaan Addunyaa ji'a dhuftu eegalu dorgommii guddaa tokkicha waancaa irratti argachuuf abdatu ta’uu dubbate.
'‘Shakkii homaatuu hin qabu, kun anaaf Waancaa Addunyaa isa xumuraati,’’ jedhe.
Meesiin af-gaaffii miidiyaa ESPN waliin godheen akkas jedhe: ''Guyyaa Waancaan Addunyaa eegalu lakkaa’aan jira.’’
Meesiin yeroo jalqabaaf sadarkaa idil-addunyaatti Arjentiinaaf kan hiriiree taphate bara 2005tti yoo ta’u, waliigalatti yeroo 164 Arjentinaaf hiriiree galchii 90 galcheera.
Marroo shanaffaaf Waancaan Addunyaaf irratti yeroo biyyasaaf taphatutti galmee taphattoota Arjentiinaa Diyaagoo Maradoonaa fi Jaaviyeer Masharenoo waliin qooddatee ture caaluuf jira.
FIfA’n akka sadarkaa baase akka agarsiisutti Arjentiinaan sadaffaarrati argamti.
Waancaa Addunyaarra Sadaasa 20, 2022 eegalamurratti garee ’C’ keessatti biyyoota kanneen akka Sa’ud Arabiyaa, Meeksikoo fi Poolaand keessatti argamanitti waliin morkatti.
Meesiin dorgommii kana ilaalchisuun akkas jedheera: ''Waancaa Addunyaarratti waanti fedheyyuu ta’uu mala. Taphni hundisaa jajjabaadha. Gareewwan filatamoo ta’an injifachuu dhabuu malu.’’
''Nuti garee filatamoo ta’uu keenya hin beeku. Taatullee Arjentiinaan seenaa qabdu ka’umsa yoo godhanne, dorgommichaaf kaadhimamtuudha, Amma haala keessa’ jirru kan ka’e nuti garee filatamoo miti, gareen nu caalan jiru jedheen yaada’ jedhe.