Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waancaa Addunyaa 2018: Muuziqaan kumbiyaa gahumsa Mesiif fooyyesuuf qoricha tahaa laata?
Mesii gammadee taphatu kanan arge bara 2012 yeroo Biraazil irrati galchii sadii lakkofsisedha jechuun, hiriyaansaa taphataan Manchister Siitii duraanii Paabloo Zaabaleetaan hime.
Guyyaa sana tapha guutuu osoo gammaduu taphatee xumure.gammachuun keessa kee jiru gahumsa dirree irratti agarsiiftuuf murteessadha jedhe.
Zabaleetaan garee biyyaalessaa Arjentiinaa irraa osoo sooroma hin bahiin dura mesii waliin taphataa tureera.
Mesiin garee keenya keessa yoo jiru akka gareetti cimina guddaa qabna garuu mesiirraa qofa hojii guddaan eegamuu hin qabu jedha.
Tapha kirooshiyaa waliin taasisan dursee miirri Mesii isa duraan beekamurraa baay'ee adda ture jedhe hiriyaansaa kun.
Uummatni adunyaa mesii irraa waan guddaa waan eeguuf dhiphachuu akka danda'us himeera.
Waggoota afur keessatti waancaawan sadiif gahanii mohamanii waancaa dhabuunis miira taphataa kamiiyyuu tuquu akka danda'u himeera.
Mesiinis haala Kanaan baay'ee miirrisaa erga tuqamee bara 2016 garee biyyalessaraa soorama bahuu ibsee waamicha namoota hedduun yaadasaa jijjiruun deebi'uunsaa ni yaadatama.
Carraa Arjentiinaan qabdu tarii garee Naayijeeriyaa injifachuu qofa dha.kanaaf ammoo leenjisaa Hoorhee Saampoolii haala hiriira taphatootasaa jijiiruu qaba jedhe.
Ammas Haviyeer Maasharaanoon gaggeessaa cimaa kutaa uffaannaa,kuun Aguweeroon muuziqaadhaan kan dadamqsu tahuun garee isaanii jajjabeessu jedhe.
Tarii har'a Arjentiinaan Naayijeeriyaa mo'attee Ayislaandi ammoo kan kirooshiyaadhaan mo'amtu yoo tahe carraa gara 16tti makamuu qabdi .
Muuziqaan kumbiyaa jedhamu lammiilee Arjentiinaa biratti hedduu jaalatamaa waan taheef taphatootnillee yommuu dhagahan ni onnatu jedhama.
Mesiin gareesaaf nama tasgabbii kennu dha,sababnisaas mesiin yeroo baay'ee odeessuu wan hin jaalannef jedhe zabaletaan.
Kanas tahe sana Mesiin odeessuu baatus mesiidha jechuun ibseeraanii.Har'a muuziqaan kumbiyaa ijibaata Waancaa Adunyaa garee fi deegartoota Arjentiinaa tahuun tajaajila jedhameera.
Tokkummaan leenjisichaa fi taphatootaa qabxii galmaa'uuf shoora olaanaa qabas jedhera zabaleetaan.me.