Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maraatoonii Tookiyoo irratti atileetonni Itoophiyaa medaaliyaaf eegaman maaliif adda kutanii bahan?
Maraatoonii Tookiyoo bara 2025 irratti atileetonni injifatan akka dur barame Keeniyaa ykn Itoophiyaa irraa miti. Garuu atileetonni Itoophiyaa bakka bu'an maaliif addaan kutanii bahan?
Dorgommii Maraatooniidhaan Seenaa biyyattii keessatti medaaliyaa warqee jalqabaa kan argatte Taanzaaniyaa yoo tahu, atileet Alfoonsee Simbuu tokkoffaa bahuun dorgommicha xumure.
Simbuun dorgommicha sa'aatii 2:09:48 xumuruun tokkoffaa bahe. Lammiin Jarmanii Amanal Petros ammoo sadarkaa lammaffaan xumure.
Atileet Iliyaas Ayoonii sadarkaa sadaffaan xumuruun seenaa hojjetan. Sadeen isaanii walumaan istaadiyeemii galanis lammiin Jarman jalqaba waan injifatu fakkaata ture.
Atileetiin Taanzaaniyaa Simbuun meetirri 50 yeroo hafu saffisa dabaluun injifannoo goonfate.
Atileetiin Keeniyaa Viinseent Ingeetich jedhamu atileetota 88 dorgommicha irratti hirmaatan dursaa turus 22ffaa bahuun xumure.
Fiigichichi jalqabee km14 akka fiiganiin atileetonni hedduun keessaa harca'uu jalqaban.
Kanneen maqaa guddaa qaban ammoo gara fuula duraatti dhufuu jalqaban. Isaan keessaa shaampiyoonaa kan ture atileetiin Yugaandaa Viiktar Kiplagat isa tokko.
Atileetonni 34 yeroo walakkaa Maraatoonii xumuranii walakkaan isaan hafu sekondii lama qofa wal caaluun wal morkachaa turan.
Yeroo km30 gahu ammoo gara 19tu gara fuula duraatti hafe. Yeroo kana atileetonni injifannoof eegaman kan keessaa bahuu jalqaban.
Atileetiin Itoophiyaa Taaddasaa Taakkalaa ji'a Bitootessaa keessa maraatoonii Tookiyoo sa'aatii 2:03:23 galuun injifate haalaan eegamaa ture. Waggaa kana keessa fageenya maraatooniidhaan saffisa olaanaa kanq abu isa ture.
Km34 yeroo xumuran Taaddasaan dorgommii Maraatoonii kana keessaa addaan kutee bahe. Kiplaagat ittuma fufe. Amma atileetota 15tu gara fuula duraatti hafe.
Haalli qilleensa isaa baay'ee hamaa ture. Qilleensi isaa digirii 81 yoo tahu, hammi hurka ykn jiidhinsa of keessaa qabu ammoo 71% taha. Haala akkasii keessatti fiiguun baay'ee ulfaataadha.
Atileetiin Itoophiyaa biraa Darrasaa Galataa akka KM 35 fiigeen addaan kutee bahe. Bara kana keessa atileetii Maraatooniidhaan sa'aatii saffisaa qabaachuun sadarkaa torbaffaa irra jiru ture.
Atileetota jalqaban 88 keessaa 22 addaan kutanii bahaniiru.
Gara xumuraatti dhiyaatee osoo sa'a 2:00 hin guutiin shaampiyoonaa kan ture Kiplaagatis sagaleen isaa dhabame. Isa dursaa ture amma namuu isa argaa hin jiru ture.
Fiigichi Maraatoonii kun xumuratti yoo dhiyaatu atileetiin Taanzaaniyaa Simbuun gara fuula duraatti bahe. Meetirri 600 yoo isa hafus dursuu jalqabe.
Yeroo meetirri 350 isaan hafu garuu atileetii jarman Peetiroostu dursuu jalqabe.
Atileetiin Xaaliyaanii Ayooniin yeroo meetirri 200 isa hafu saffisni isaa bu'uu jalqabe.
Atileetiin Taanzaaniyaa Simbuun garuu saffisa dabaluun atileetii Jarmanii waliin morkii jabaa taasisan.
Lameenuu morma wal qabanii fiigaa turan. Atileetiin Jarman dursaa ture waan mo'ate sehe. Simbuun garuu abdii hin kutanne.
Lameenuu sarara dhumaarra yeroo gahan aluma takkaa of darbachuun waan waluma qixa galan fakkaatuun dorgommicha xumuran.
Morkii baay'ee hawwataa ture. Atileetiin Taanzaaniyaa Simbuun injifachuu isaa kan bare yeroo boordii irratti maqaan isaa bahudha.
Dorgommiin Maraatoonii dubartootaas morkii ajaa'ibaa kan irratti mul'ate ture. Isa garuu akkuma barame Itoophiyaa fi Keeniyaa gidduutti kan gaggeeffame yoo tahu atileetiin Keeniyaa Peres Chepchirchir tokkoffaa Tigist Asaffaa lammaffaa tahuun xumuran.
Haala hin eegamneen atileetiin Yuuragay Juuliyaa Paterniyaan sadarkaa sadaffaan xumurte. Fiigichi dheeraan bara kanaa akka durii atileetota Baha Afrikaa gidduutti qofa kan morkatame miti.
Dorgommii xumuraa fiigicha meetira kuma 10 dhiirotaan gaggeeffameen Itiyoophiyaan meedaaliyaa meetii argatte.
Dorgommichaan Atileet Yoomiif Qajeelchaan 2ffaa bahuun meedaaliyaa Meetii argamsiiseera.
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa Jaappaan Tookiyootti dorgomamaa jiruun fiigichi xumuraa gufachiisa meetira kuma 3 har'a dhiirotaa gidduutti ni gaggeeffama.
Atileet Lammeechaa Girmaa, Geetinneet Waalee fi Saamu'eel Fireew Itiyoophiyaa bakka bu'uun ni morkatu.
Figichi kun waaree booda sa'aatii 9:55 irraa eegalee gaggeeffama.