''Warqii nan dhabe jedhee yaaduu hin barbaadu'' - Atileet Tigist

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Jaappaanitti adeemsifamaa jiruun Atileet Tigist Asaffaa maaraatooniin meetii injifatteetti.

Dorgommii booda yaada kenniteen ''warqii nan dhabe jedhee yaaduu hin barbaadu,'' jechuun dubbatte.

Morkii jabaa atileetii Keeniyaa Perees Chepchirchir waliin keessumaa gara xumuraa taasisteetti.

Atileetonni lamaan gara xumuraa walumaan fiigaa Isteediyeemii Biyyaalessaa Jaappaan seenan.

Tigist dursaa turtuus 100m yoo hafu atileetiin Keeniya humna dabalattee injifatte.

''Dhugaa dubbachuuf nan mo'a jedhee hin yaadne,'' jette Jepchirchir. Bara dorgommii baranaa maaraatoonii hin fiigne atileetiin kuni.

''Haa ta'u malee, xumuruuf 100m yeroo na hafu, nan saffise. Humna dhokateen of keessatti arge,'' jette atileetiin Keeniyaa.

Olompikiii Tookiyoorratti fageenya kanaan warqii kan mo'atte turte atileetiin kun, riikardii addunyaa dhuunfattees beekti.

Ta'us, Tigistitu riikardii dubartootaa qofa isheen galmeessite barana Landanitti kan duraa cabse.

Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa shaampiyoonaa dhiistee Maaraatoonii Barliin irratti dorgomuun riikardii cabsuuf yaada qabdi turte.

Boodarra Federeeshiniin gaafatee mariin taasifamee akka dorgomte ta'uu kana dura BBC'n gabaasee ture.

Olompikii Paaris waggaa dura dorgomameerrattis Tigist Atileet Siifan Hasanitti aanuun lammaffaan xumurte.

Yeroosis xumurarratti wal morkii jabaatu ture.

Shaampiyoonaa Tookiyootti Meetii kan injifatte Tigist warqii nan dhabe jettee yaaduu akka hin barbaanne yeroo himtu akkanas jette.

''Yeroon Tookiyoof qophaa'u rakkoo na qunname qaban ture. Ergan Landanitti riikardii addunyaa cabse booda boqonnaa dheeraarran ture.

''Kanaaf, meetii injifadhee dorgommicha xumuruu kiyyaan gammachuun qaba,'' jechuun himte.

Itoophiyaan shaampiyoonaa addunyaa lamaan darban irratti walitti aansuun maaraatoonii dubartootaan warqii injifatteetti.

Atileet Goytatoom G/Sillaasee fi Amaanee Bariisoo kanneen injifataniidha.

Amaaneen shaampiyoonaaa darbe waan injifatteef kallattiin hirmaachuu dandeessuus miidhama ishee qunnameen akka hin fiigne gabaafameeraa.

Yoomiif 10,000m'n meetii injifate

Itoophiyaan erga Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti fageenya 10,000m dhiiraan warqii injifattee waggootiin 14 lakkaa'amaniiru.

Bara 2011 Deeguutti Atileet Ibraahim Jeeyilaan haala ajaa'ibaan duubaa dhufee Mohaammad Faarah injifatee ture.

Eegasii Moo Faarah qofaasaa irra deddeebiin irra aane. Eegasiimmoo atileetiin Ugaandaa olaantummaa fudhate.

Dorgommii guyyaa har'aa taasifameerratti Solomoon Baaraggaa, Barrihuu Aragaawwiifi Yoomiif Qajeelchaa Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomaniiru.

Atileetonni kuni sadan Olompikarratti dabalatee waliin fiiguun muuxannoo qabu.

Shaampiyoonaa darban kan injifataa ture atileetiin Ugaandaa Jooshuwaa Cheptegee hirmaachuu dhabuun isaa atileetota Itoophiyaaf hiree bal'isuu mala jedhamee ture.

Solomoon Olompikii Tookiyoorratti dirreedhuma har'a dorgomuurratti 10,000m warqii injifatee ture.

Shaampiyoonaa Budaapest irratti sadaffaa ta'un kan xumure Solomoon, xumurarratti saffisa kan qabu Barrihuu Aragaawwii morkii jabaa taasisaniiru.

Ta'us, Itoophiyaan har'as warqii injifachuu hin dandeenye.

Dorgommiin xumuramuuf 50m hanga hafutti Yoomiif dursaa turuus atileetiin Faransaay duubaa dhufe isa caaluun warqii duraa fudhate.

Akkaatuma kanaan Yoomiif lammaffaan xumuruun Itoophiyaaf meetii injifateera.

Fiigicha 10,000m dubartootaan guyyaa Sambataa dorgomameen Atileet Gudaaf Tsaggaay sadaffaa xumuruun meetii injifachuun ishee ni yaadatama.

Itoophiyaan hanga yoonaa meetii lamaafi nahaasa tokko gonfatteetti.

Gama kaaniin dorgommiin maaraatoonii dhiirotaa Dilbata halkan kan Wiixatatti bari'u ni taasifama.