Dorgommii Atileetota Itoophiyaaf Keeniyaa Shaampiyoonaa Addunyaa irratti eegamu

Dorgommiin atileetiksii addunyaa bara 2025 Biyya baha fagoo kan taate Jaappaan magaalaa Tookiyootti torban tokko oliif adeemsafamuu eegaleera.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara kanaa irratti atileetotni 2,200 ol ta'an biyyoota addunyaa 200 ta'an irraa ni hirmaatu.

Dorgommiin kun gosoota 49'n kan gaggeeffamu yoo ta'u, atileetota injifataniif meedaaliyaawwaan 147 ni kennamu.

Itoophiyaan Dorgommii shaampiyoonaa Atileetiksii bara kana Tookiyoo irratti fageenya meetira 800 hanga maaraatoonii, akkasumas fiigicha tarkaanfii irratti saala lamaaninuu ni hirmaatti.

Atileetootni kunneen maqaa gaarii Itoophiyaan asiin dura shaampiyoonii adduunyaa kana irratti qabdu itti fufsiisuuf kan falmatan ta'a.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa jaappaan Tookiyyotti har'a dorgommii xumuraa taasifamu keessa dorgommiin meetira kuma 10 dubartoota sa'aatii 9:30 tti taasifamu haalaan eegamaa jira.

Dorgommii kanarratti Atileetootni 27 biyyota adda addaa irraa hirmaatan falmii cimaa kan taasisan yoo ta'u, keessumaa ammoo dorgommiin Atileetota Baha Afrikaa sadan: Itoophiyaa, Keeniyaa fi Ugaandaa gidduutti taasifamu xiyyeeffannaa guddaa akka argatu taasiseera.

Itiyoophiyaan atileetota 27 wal dorgoman kana keessaa atileetota 4 kan hirmaachifte yoo ta'u, kessumaa falmiin ijibbaataa Gudaaf Tsaggayee atileetii Keeniyaa Biiyaatriis Chibeet waliin taasiftu ni eegama.

Kanaanis Itoophiyaan guyyaa jalqabaa dorgomichaatti meedaaliyaa jalqabaa ni injifatti jedhamee tilmaamni kennnameefira.

Gudaaf Tsaggayee dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa Budapest bara 2023 waan injifatteef carraa kallattiin dorgomuu argatte.

Atileetonni Itoophiyaa biroo Ejigayyoo Taayyee, Fotiyon Tesfayee fi Tsiggee Gebreselama meedaaliyaa keessa galuuf atileetota Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomaniidha.

Atileetota 27 hirmaatan keessaa shan daqiiqaa 30 gadiitti fageenya kana xumuruu danda'uun isaanii ammoo dorgommii kana baay'ee qormaata taasisa.

Atileetota shanan keessaa afur atileetota Itoophiyaa yoo ta'an, Atileetiin Keeniyaa Biiyaatriis Chibeet Atileeti cimtuu ga'uumsa gaarii irratti argamtuu fi atileetota Itoophiyaaf qormaata taatudha.

Atileet Gudaaf Tsegay shaampiyoonaa addunyaa sadan darbaniin meedaaliyaa warqee lama, meetii tokko fi naasa tokko kan injifatte yoo ta'u, dorgommii warqee sadaffaaf isheen taasiftu kana irratti qormaata cimaatu atileet Keeniyaa Biiyaatriis Chibet irraa ishee eeggata.

Olompikii Paaris meetira 5,000 fi 10,000n meedaaliyaa warqee kan argatte Biiyaatris Chibeet rikoordii addunyaa meetira kuma 10 daqiiqaa 28:54.14 qabattee jirti.

Kanaanis atileetiin meetira kuma 10 daqiiqaa 29 gadiitti fiigde addunyaa isrraa ishee qofa.

Chibet, meedaaliyaa warqee Keeniyaan erga Vivian Chiriot boodaShaampiyoonii addunyaa irratti waggota 10f argattee hin beekne injifachuuf dorgomti.

Atileetonni Keeniyaa biroon Agnes Nigetich fi Jan Chepengetich dorgommii kana irratti ni argamu.

Atileet Gudaaf Tsegay dorgommii, bara 2005 fi 2007tti meedaliyaa warqee injifattee yeroo 3f Tookiyoo irratti injifachuun seenaa Xirunesh Dibaba irra deebi'u barbaaddi.

Kun ni milkaa'af moo hin milkaa'u isa jedhuuf satii sagaliif walakka booda deebiin kan argamu ta'a.

Rebecca Chiptegehi, Sarah Chelangat fi Joy Cheptohike dorgommii meetira kuma 10 dubartootaa kana irratti Yugaandaa bakka bu'uun kan dorgoman yoo ta'u, dorgommiin addatti atileetota biyyoonni Afrikaa Bahaa sadan giddutti taasifamu gamanumaa kan eegamuudha.

Dorgommii Gulaallii Gufachiisa Meetira 3000 dhiirotaan Atileetotni Itiyoophiyaa 3 xumuraaf kan darban yoo ta'u, Lammeechaa Girmaa Kufee kahuun 2ffaa bahuun xumuraaf darbe.Atileetootni Itoophiyaa Geetinnat Waalee fi Saamu`eel Firew xumuraaf darbaniiru.

Itoophiyaaf Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa

Atileet Tirunesh Dibaabaa seenaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa keessatti Atileetiin dubartii meetira kuma 10n meedaaliyaa warqee sadii injifattee ishee qofaadha.

Fageenya kanaan biyyi addunyaa irraa meedaaliyaa warqee hamma Itoophiyaa argattes hin jirtu

Dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa kanaan Itoophiyaan atileetota dubartootaa qofaan meedaaliyaa warqee 9 kan argatte yoo ta'u, Keeniyaan ammoo meedaaliyaa 4'n sadarkka 2ffa irra jirti.

Shaampiyoonaa Addunyaa Paaris bara 2003 irratti fiigicha meetira kuma 10 irratti Berhane Adaree daqiiqaa 30 fi sekondii 04.18 fiiguun dubartoota yeroo jalqabaaf daqiiqaa 31 giddutti xumuran ishee jalqabaa ta'uun seenaa irratti yadatamti.

Kana malees atileetootni Itoophiyaa fageenya kanan dorgommii shaampiyoona Atileetiksii addunyaa irratti sa'aatii saffisaa galmeessan akkaTuranash Dibabaa, Letsenbet Gedeyi fi Almaz Ayana faan isaan muraasa.

Itoophiyaan keessattuu meetira kuma 5 dubartootaan shaampiyoonaa Helsinki bara 2005 irraatti atileetootni toophiyaa afur 1ffaa hanga 4ffaatti xumuran seenaa yoomuu hin dagtamne kan hojjatan yoo ta'u yeroo sanatti Itoophiyaan Ameerikaa fi Raashiyaatti aanuun addunyaa irraa sadarkaa 3ffaan xumuruun ishee kan dagatamuu miti.

Seenaa keessatti dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa irratti atileetotni biyya tokkoo fageenyaa kanaan 1ffaa hanga 4ffaa bahan isa jalqabaati

Gama hundaan fageenya kana irratti olaantummaa kan qabdu Itoophiyaan, atileetotni Itoophiyaa bakka bu'anii hirmaatan Shaampiyoonaa Addunyaa bara kanaa Jaappaan magaalaa Tookiyootti gaggeeffamurratti seenaa wal fakkataa galmeessun biyyaa isaanii akka waamsisan eegdi.

Atileet Dirribee Waltajjii atileetii dorgommilee atileetiksii fageenya gabaabaafi giddugaleessaan waggoota muraasaa as maqaa gaarii horachaa jrtuu fi dorgommii kana irratti hirmaachuuf Tookiyootti imalte, sababa qoricha humna kennu ilalamuu dideen dorgommiin ala ta'uun ishee gabaafamee ture.