'Mata jabina' Amoorim moo rakkoo taphattootaatu Maanchister Yuunaayitid kufaatiif saaxilaa jira?

Maanchister Yuunaayitid Itihaad irratti 3-0 erga mo'amee leenjisaan kilabichaa Ruuben Amoorim injifatamuu keenyaaf ''anatu itti gaafatama isaa fudhata, taphattoonni koo hunduu waan isaan irraa eegamuufi kennuu danda'an hundaa kennanniiru'' jedhan.

Falaasmni taphaa Amoorim fayyadamuu fi filannoon taphattootaa leenjisichaa gaaffii keessa galaa jira.

Amoorim garuu mata jabeessa. Waan ofii itti amane malee hin godhu. Piriimer Liigiin garuu haala kanaan ulfaachuu danda'a. Maanchister Yuunaayitid leenjisaa biraa ilaala moo Amoorim waliin haala kanaan itti fufa?

Erga Maanchister Siitiidhaan mo'amanii Amoorim qabxii gaariid habnus kallattii gaarii irra jirra jedhe.

''Nan yaadadha, yeroon Ispoortingi Liisban leenjisaa ture Maanchister Siitiidhaan yeroo mo'annu hanga har'aa kanallee kubba to'annee hin taphanne. Har'a waan gaarii agarsiifne qabna, hojii gaariis hojjechaa jirra, garuu qabxii dhabuun keenya baay'ee na yaadessa'' jedhan.

Leenjistoota Yuunaayitid caalaa kan miidhamaa jiru isa tahuu kan hime Amoorim falaasama taphaa isaa irratti gaaffii ka'eef deebii kenneera.

Amoorim taphattoota Maanchister Yuunaatitid keessa jiraniif kan hin mijanne 3-4-2-1 kan taphatan yoo tahu, ittisni Yunaayitid osoo galchii hin keessummeessiin bahaa hin jiru.

Keessumaa fuula duratti bahuun yoo taphatu taphataa cimaa tahuu isaa kan beeknu Buruunoo Fernaandes lakkoofsa saddet irra taphachiisuun isaa dogogora jedhamuun Amoorim akka malee qeeqamaa jira.

Kanaaf yoo gaafatamu ammoo ''rakkinni tooftaa taphaa ani hordofu miti, rakkoon waan biraati. Gaafan itti amane nan jijjiira, hagasitti garuu falaasama taphaakoo hin jijjiiru. Yoo barbaadan nama [leenjisaa] jijjiiruun ni danda'ama'' jechuun 'mata jabina qaban agarsiisaniiru.

Ergaan deeggartoota Maanchister Yuunaayitidiif qabu..... Waanan danda'e hundaa nan godha. Na amanaa,'' kan jedhudha.

Ruuben Amoorim jalatti fooyya'aa deeme moo kufaa deeme?

Bara kana taphoota dorgommii Awurooppaa kan hin qabne Maanchister Yuunaayitid Piriimer Liigii irratti qofa xiyyeeffachuun waan taphatuuf fooyya'insa guddaa agarsiisa jedhamee abdatamee ture.

Ruuben Amoorim erga Maanchister Yuunaayitid leenjisuu eegalee as taphoota Piriimer Liigii 31 keessaa taphoota saddet qofa mo'ate. Taphoota 16 mo'amee taphoota torba ammoo qixa xumure.

BBC Ispoortiif kan barreessu Daanii Marfii, taphatoonni Maanchister Yuunaayitid torbee torbeen dogogora wal fakkaataa hojjetu. Inumaayyuu waanuma hin ulfaanne wayiiti balleessu jedhe. Ruuben Amoorim 3-4-2-1 tooftaa taphaa fayyadamuun guyyaa jalqaba dhufee eegalee sirrii akka hin taane kaasaan ture.

Garuu irratti hojjetanii waan baay'ee fooyyessaniiru. Taphoota haga ammaa taphatan arfan daawwadheera.

Akka gareetti yoo taphatan amma isa durii caalaa gaarii jiru. Yeroo fuula duratti deemanis ittisanis gaariidha. Qaawwaan taphattoota gidduu jiru amma baay'ee dhiphateera. Garee faallaaf inumaayyuu ulfaataa tahee ture.

Garuu maal godha galchiima ittisanii hanbisuu danda'an dogogora mataa isanaiin irratti lakkaa'amaa jira jechuun barreesse.

Galchiiwwan haga ammaa irratti lakkaa'aman yoo ilaale rakkoo filannoo taphattootaa irraa dhufe akka tahe hubanna. Galchii Fiil Fooden yoo ilaalle rakkoo tooftaa taphaa osoo hin taane rakkoo bakkichaaf taphataa dogogoraa fayyadamuu argina jedhe Daanii Marfii.

Amoorim bakka murteessaa ittisa fuula duraa ykn lakkoofsa saddet irratti Buruunoo Fernaandes fayyadama. Galchii Arsenaal lakkoofsise kubba Buruunoon balleessetu koornaa bahee, achii rkutamuun gale. Fuulham galchii yeroo lakkoofsisu Buruunoon, Imiiz Roow duukaa bu'ee kubba buusisuu dhabuu isaafi rukuttaa peenaaliitii dhabuu isaan lakkaa'ame.

Galchii jalqabaa Maan Siitii lakkoofsise Buruunoon Fiil Foodeniin qofaatti dhiisuu isaan lakkaa'ame.

Rakkoon kan Buruunoo Fernaandes osoo hin taane leenjisaan isaa bakka dogogoraatti isa fayyadamuu isaa irraa dhufe ejdhu warri qeeqan.

Boqoannaan dura Yuunaayitid haala gaariin taphataniiru. Inumaayyuu galchii lakkoofsisuu qabu ture. Yeroo afur shan tahu kubba taphattoota Siitii irraa buusuun fuula duratti deemaa turan.

Carraa galchii argatan itti hin fayyadamne. Rakkoon falaasama taphaa Amoorim 3-4-2-1 keessa jiru taphattoonni lamaan sarara gidduu taphattoota faalaatiin caalamuu danda'u.

Buruunoo Fernaandezii fi Ugaarteen taphattoota sarara ittisaa waliin walitti dhiyaatanii taphataa turan.

Taphattoonni maanchister Siitii qaawwaa as gidduutii argatan hin qaban. Haalli itti galchii lakkoofsisan kana irraa addadha.

Bakkicha taphataa sirrii fayyadamuu dhabuu tahuu hubatta jedhe Daaniin.

Luuk Shoow kubbicha haala gaariin ittisuu qaba ture yoo jedhames gaarii tahee, garuu addunyaa irraa taphataa cimaa lakkoofsa 10 kan tahe Buruunoon bakkicha yoo taphatu ittisa irratti qaawwaa akak qabu argita jedhe.

Jalqabbiin Yuunaayitid gaarii tahuu baatus taphootaarfan darban kanaan akka waan gatii hin qabneetti ibsuu hin dandeenyu.

Arsenaal irratti haala gaariin taphatan. Fuulham injifachuu danda'u ture. Barnilee mo'ataniiru.

Maan Siitii irratti dogogorootaa fi filannoo taphattootaatu gatii isaan baasise jedhe Daanii Marfii.

Rakkoon jiru Amoorim falaasama tapha isaa hin jijjiiru. Buruunoon ammas taphataa bakkichaaf tahu miti. Kun ammoo Amoorim matuma isaa irratti rakkoo hedduu fida jedheen amana jedhe.

Amoorim ofuma isaan hojicha gadhiisu mala. Mufachuu, aaruu fi abdii kutachuun Amoorim irratti irra deddeebiin mul'ataa jira.

Jalqaba irratti taphoota ulfaatoo kanq abu Yuunaayitid dogogoroota haga ammaa isa jiranii fi filannoo taphattootaa kan fooyyessu yoo tahe deebi'ee bayyaannachuu danda'a.