Liverpuul baranas Waancaa Pirimeer Liigii injifachuuf tilmaama jalqabaa argate

Dhaabbatni Internaasinal Sentar for Ispoortis Istadiis jedhamu liigiiwwan biyyoota addunyaa 29 keessatti bara kana eenyu shaampiyoonii akka ta'uu danda'u tilmaamuuf moodeela qopheessee bu'aa qorannoo raawwatee ifa godheera.

Akka bu'aa qorannoo kanaatti Liiverpuul bara kanas shaampiyoonaa Ingilaand ta'uuf hiree olaanaa dhibbentaa 28.9 ta'u akka qabu ibse.

Livarpuul bara darbees akkasuma tilmaamamee ture. Injifachuus danda'eera.

Liivarpuul baranas maallaqa guddaan Aleeksaandar Isaak dabalatee kaanis mallatteessiseera.

Baroota darban sadii walitti aansuun lammaffaa ta'ee kan xumure Arsenaal bara kanas lammaffaa ta'ee xumura jedha qorannichi.

Hireen waancaa injifachuuf qabu dhibbeentaa 18.8 jedheera.

Arsenaal bara dorgommii baranaa taphattoota ciccimoo bitateera.

Sadarkaa sadaffaatti tilmaama olaanaa kan argate ammoo Chelsiidha.

Hireen waancaa injifachuuf qabu dhibbeentaa 16.2.

Yeroo 10 shaampiyoonaa kan ta'e Maanchister Siitiin ammoo hiree dhibbeentaa 14.4 argachuun sadarkaa 4ffaarra kahameera.

Bara dheengaddaa qabxii gadaanaa seanaa kilabicha kan galmeesse Maanchister Yunaayitiid bara kana hireen waancaa injifachuuf kennameef dhibbeentaa 2.6.

Kanaanis sadarkaa saddeettaffarra taa'e.

Liigii Ingiliziin ala yoo baanu ammoo Laaliigaa Ispeeniin tilmaamni qorannoon kanaan kenname Baarseloonaan bara kana waancaa hin injifatu jedha.

Riyaal Maadriid shaampiyoonaa Ispeen ta'uuf hireen dhibbeentaa 40.6 kennameeraaf. Baarseloonaaf hireen kenname dhibbeenaa 29.6 dha.

Bundasliigaa Jarmaniin Baayeer Muunikiif hireen dhibbentaa 61.4 kennameera. Itti aanee Boruusiyaa Doortimundiif dhibbeentaa 8.8tu kenname.

Seeriyaa Xaaliyaan yoo ilaallu ammoo shaampiyoonaan bara darbee Naappoliin tilmaama jalqabaa hin arganne.

Inter Miilaan shaampiyoonaa ta'uuf tilmaama dhibbentaa 25.6, Juuveentus 18.2, Naappoliin ammoo 17.4 argatan.

Liigiiwwan Awurooppaa jajjaoo jedhaman keessaa tilmaama shaampiyoonaa ta'uu olaanaa kan galmeesse PSG dha.

Tilmaamni argate dhibbeentaa 73 dha. PSG amma dura yeroo walitti aanu afur shaampiyoonaa Faransaay ta'eera.

Biyyoota qorannoon kun irratti xiyyeeffate 29 keessaa tilmaama injifannoo isa guddaa kan galmeesse Red Star Beelgireed kan Liigii Sarbiyaa keessatti taphatuudha.

Tilmaama dhibbeentaa 76.2 argate.

Tilmaamni Piriimiyeer Liigii gargaagartumma xiqqaa qabu ta'uun ligiichi hangama takka kan dorgommiin itti cimu ta'uu agarsiiseera.