Bilbilli harkaa Londanitti hatame, ji'a tokko booda Chaayinaatti argame

Madda suuraa, Akara Etteh
Namni kun Akaraa Ettah jedhama, baatii Eblaa keessa Dilbata ganama, buufata baaburaa giddugala Landanitti argamu irraa yeroo bahu bilbilasaa harkatti qabate ture.
Yeroo muraasa booda hattuun biskileetii elektirikiirra ture bilbila harka Akaraa irra bute miliqa. Duubaa fiiguus qaqqabee bilbila isaa qabachuu hin dandeenye ture. Innis akkataa itti bilbila isaa hordofuun bilbilli Londanitti harkaa butame akkamitti akka Chaayinaa qaqqabe BBC'tti himeera.
Ingilaandiifi Weels keessatti qofa bara kana hanni walfakkaataan akkasii 78,000tti tilmaamamu kan galamaa’e yoo ta’u, Akaraanis warra kana keessa isa tokko.
Sadarkaan himannaa yakka akkasii kun baay'ee gadi aanaadha. Himannaan jiraatus poolisootni yakkamtoota akkasii to’achuun seeratti dhiyeessa jirraa jedhanis yakki sun xiqqachuu hin dandeenye.
Akkasumas oomishtoonniifi dhaabbileen teeknooloojii gahee guddaa akka qabantu eerama.
Miidhaamtoonnis yakki kun dhiibbaa inni isaan irratti geessise ragaawwaan bilbila isaanii keessa ture kan lammaffaa deebi’anii argachuu hin dandeenyee hanga maallaqa kuma heddutti tilmaamamutti dhabuu isaanii BBCtti himaa turaniiru.
Akkuma namoota kaanii Akaraanis bilbilli isaa fudhatamuun, isa aarse bilbilli isaa kun eessa akka jiru hordofuuf appiwwan jiran fayyadamee hordofuu danda’eera, garuu deebisee argachuuf humna hin qabu ture.

Bakka Bilbilli hatame jiru hordofuu danda'uu
Akaraan bilbilli isaa iPhone 13 jalaa hatamee sa'aatii muraasa booda yeroo mana ga'u laptop isaa fayyadamuun bilbila isaa jalaa hatame haalan hordofuu danda’uun, hattoonni qabiyyee isaa argachuu akka hin dandeenye akkasumas ‘Find My iPhone feature’ jedhu guute hordofaa ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kun ammo bakka(Location)bilbilli itti argamu hordofee akka Akaraaf odeeffannoo kennu kan taasifame yoo ta’u yeroo muraasa booda bilbilli isaa sun Islington keessa akka jiru itti beeksifame.
Hanaga torban tokkotti bilbilli sun naannawa kaaba Landanitti akka argamu mul’isa ture. Innis of eeggannoodhan bakka bilbilli isaa jiraachuu mul’isu dhaqee ilaaluuf murteesse.
“Baay’ee balaa qaba ture ani kana nama hin gorsu kan jedhu ankaraan aariidhaan gara sana deemuu isaa hime.
Dhaqee naannawa sana ilaalee nama tokkottillee utuu hin dubbanne deebi’ee gale.
Baatii tokko booda, baatii Caamsaa keessa, Akaraan ammas Find My iPhone waayita ilaalu - qabeenyi isaa gatii guddaa baasu fi innis hordofaa ture amma addunyaa gama biraa jira - Chaayinaa Shenzhen keessatti argama.Akaraan abdii murate
Bilbiloonni hataman Shenzhen keessatti banamuu yoo hin dandeenye hiikamuun kutaaleen isaanii bilbila biraa waliin suphamuun waan baratameedha.
Magaalattiin namoota miiliyoona 17.6 kan qabdu yoo ta'u, akka giddugala teeknooloojii guddaa jedhamuunbeekamti.
Poolisiin gargaaruu hin dandeenye

Madda suuraa, PC Mat Evans
Bilbilli Akaraa erga hatamee sa’aatii muraasa booda poolisoota daandii irratti argee itti hime ture. Poolisoonnis hattoonni bilbila hatan adda baasuuf gama toora interneetiin akka hojjatanii fi yeroo gabaabaa keessatti akka isa beeksisan itti himuun isa gaggeessan. Kanarra darbee tarkaanfiin dabalataa fudhatame hin jiru.
Namoonni biroo hedduunis bilbililli isaanii akkatti irraa fudhatamee irratti ibsuuf BBC qunnamu.
Namootni kaan maallaqa akka hataman, kaan ammo bilbilaa fi meeshalee biro hatamuu himatu. Dargaggeessi ganna 36 tokko suuraa haadha isaa utuu hin du’iin dura kaafatee bilbila isaa keessaa qabu bilbila isaa waliin hatame – “suuraawwan sana deebifachuuf waanuma fedhe nan godha,'' jedha dargaggeessi kun.
Dhimma kana irratti Poolisootni tarkaanfii fudhachuu dhabuun komii namoota heedduuti.
Rakkoo kana keessaa ba’uuf hojii poolisootni hojjatanii fi yakkamtoota adamsuun seeratti dhiyeessanii fi meeshalee abbaf deebisan caalaa, oomishtoonni fi indaastiriin teeknooloojii carraa yakkamtoonni bilbiloota hatan irra deebiin gurguruun irraa fayyadamoo ta'an hir'isuu keessatti ga’ee guddaa akka qabantu himama.
Hordoffii fi hojii irraa oolchuu
Bilbiloonni hataman hedduun haala hordofamuu fi daataa isaanii karaa tajaajiloota akka "Find My iPhone" fi "Find My Device", Andirooyidii irraa haqamuu danda'u.Kun immoo hattuudhaf salphumatti haala miijesaa.
Ministirri poolisii Biyyattii Diyana Johnson akka jedhanitti mootummaan bilbilli hatame kamiyyuu deebi’ee lammaffaa akka hin gurguramneef dhaabbataadhaanis akka tajaajila hin keennine taasisuuf oomishtoonni akka mirkaneessan hojjachuu barbaachisa jedhan
Poolisiin garuu eenyu akka bilbila hataa jiruu fi meeshaaleen hataman eessatti akka xumuraman odeeffannoo dabalataa walitti qabuuf hojirra jiraachu eeran.
Gatiin moobayii qaala’uu hordofee fedhiin namoota bilbiloota hataman bitanii fayyadamuu UK keessattis ta’e biyyoota biraatti guddachaa dhufuun hanni kun dabaluu isaaf sababa guddaa ta’uu isaa mootummaan beeksiseera.
Apple fi Andirooyid BBC'f ibsa hin kennine,garuu Saamsang ''dhimma hanna bilbila harkaa fi yakkoota kanaan walqabatan irratti qooda fudhattoota ijoo fi aanga'oota waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jira'' jedheera.












