Itoophiyaan qorannoo UN irraa haqa ce'umsaa maaliif caalsifatte?

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Manni Maree Mirgoota Namoomaa himannaa sarbama mirga namoomaa Itoophiyaatti raawwate haa qorataniif komishinii miseensota sadi qabu hundeessee ture.

Waraana waliinii Kaaba Itoophiyaa gaggeeffamee tureen qaamoleen waraana keessatti hirmaatan sarbama mirgaa olaanaa yakka waraanaatin wal madaalu raawwachuu isaanii komishinicha dabalatee qaamoleen biroo gabaasa isaanii keessatti ibsaniiru.

Nama nagaa ajjeesuufi dirqisiisanii gudeeduu akka mala waraanatti fayyadamuufi sarbamni mirga namaa olaanaan raawwate yakka waraanaatiin kan wal madaaluu danda’u jedhee ture UN.

Itoophiyaan jalqabarraa kaastee Komishinichi sarbama mirgoota namoomaa akka hin qoranneef mormaa turte.

Kora Gamtaa Afrikaa dhiyeenya kana Finfinneetti taa’amerratti Ministira Muummee I/Aanaa Itoophiyaa kan ta’an Dammaqaa Makkonnin tattaaffii Itoophiyaan komishiniin UN hundeesse akka diigamuuf gootu akka deeggaraniif biyyoota Afrikaatif waamicha dhiyeessanii turan.

Manni Maree Mirgoota Namoomaa UN walgahii Jeneevaatti gaggeessu irratti dhimma sarbama mirga namoomaa Kaaba Itoophiyaatti raawwatee ni kaasa jedhamee eegama.

Itoophiyaan ammoo komishinichi hojii isaa akka dhaabu waamicha dhiyeessuuf qophii ta’uu isheetu himame.

Rooyitarsi odeeffannoo dippiloomaatota irraa argadhe jedhee baasen Itoophiyaan yaada murtee dhiyeessituuf deeggarsa walitti qabataa jirti.

Waldaalen sivilii idila addunyaafi falmitoonni mirga namoomaa tattaaffin Itoophiyaa “kan hin eegamnee” fi qorannoo idila addunyaa dhorkuuf yaalii godhamuudha jedhu.

Aminastii Intarnaashinaal, Hiyumaan Raayitis Wochiifi dhaabbileen mirga namoomaa jaatamaa ol ta’an Mana Maree Mirga Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif xalayaa barreessaniin Itoophiyaan qorannoon sarbama mirga namoomaa akka hin gaggeeffamne yaada dhiyeessuf qophaa’un ishee akka isaan yaaddesse ibsaniiru.

Dhaabbilee kanneen keessaa tokko dhaabbata Tigray Akshin Komitee jedhamuudha.

Hawuzeen Gabramadin US'tti dhaabbata deeggarsa namoomaa irratti hojjatu tokkotti koree yoo taatu Tigraayitti “duguuggaan sanyii” raawwateera jettee amanti.

Kanaaf ammoo qaamni yakka raawwate yakka akka qoratu hayyamamuu hin qabu jettee falmiti.

“Tigraayitti namoonni 500,000 oli yoo du’an dubartoonni heddus gudeedamaniiru. Kanaaf ammoo addatti kan itti gaafatamummaa fudhatu mootummaa Itoophiyaafi mootummaa Ertiraati. Isaanumti kan qoratan yo ta’e, iftoominni jiraachuu maalin beekna?” jechuun gaafatti Hawuzeen.

Obbo Baay'isaa Waaqwayyaa ogeessa seeraafi UN'tti dhimmoota walitti bu’iinsaafi walitti bu’iinsa hiikuu irratti hojjataa turan.

Waraana Kaaba Itoophiyaa tureen sarbamni namoomaafi heeraa raawwachuu akka hin oolle amanu.

“Qaama walabaa dhiibbaa kamirraayyuu bilisa ta’etu qorannoo gadi fagoo gaggeessuu qaba,” jedhu Obbo Baay'isaan.

Itoophiyaan jalqabarraa kaastee komishiniin UN hundeesse qorannoo akka hin gaggeessine maalif mormite gaaffii jedhu UK, Yuunivarsiitii Barmingihamitti barsiisaa kan tahaniifi dhimmoota siyaasaa, federaalizimiifi misoomaa irratti xinxaala kan dhiyeessan Bizunaa Yimanuu (PhD) gaafanneerra.

“Komishinichi kan hundaa’e yeroo biyyoota lixaa irraa dhiibbaan guddaan Itoophiyaarra gahaa turetti waan ta’eef komishinicha akka meeshaa ittiin Itoophiyaa jilbeenfachiisaniifi meeshaa siyaasatti fudhatameera,” jedhu.

Gama biraan ammoo komishinii sarbama mirga namoomaa qoratu gama Tigraayin simachuuf qophii ta’uu beeksisanii turan.

“Komishinichi qorannoo yoo jalqabe TPLF waanti dhabu homaa ykn muraasa. Waraanni harki caalaan Tigraay keessatti kan gaggeeffame ta’uu isaatiin baay’ee kan miidhame ummata Tigraay.”

“Bifa kanaan TPLF irraa miidhaa muraasatu gaha yaada jedhuun komishinicha fudhachuuf jajjabeessuu danda’u,” jedhu Dr. Bizunaan.

Itoophiyaan haqa yeroo ce'umsaa akka filannoo tokkootti dhiyeessite

Filannoo mootummaan dhiyeesse akka yaada gaarii ta’eetti kan fudhatan Dr. Bizunaan, “Kaayyon isaa dhugaa barbaaduu, miidhamtoota hirphuu, araara buusuufi barumsa irraa barachuu yoo ta’e poolisichi galma gahuu ni mala,” jedhu.

Galma gahiinsi isaa kan murtaa’u ammoo kutannoo mootummaan qabuufi qaama walabaa hundeessuu irratti akka ta’e himu.

“Biyyattiin seenaa dhaabbilee bilisaafi walaba ta’an hundeessuu hin qabdu. Yeroo ce'umsaa kanatti komishiniin haqaa of danda’ee hojjachuuf itti ulfaata,” jechuun yaaddoo qabanis himu Dr. Bizunaan.

Obbo Baayyisaan ammoo haqni yeroo ce'umsaa adeemsa haqaa kan bakka bu’u osoo hin taane “wal cinaa deemuu kan qabuudha” jedhu.

“[Maqaa haqa yeroo ce'umsatiin] sababni namoota yakka raawwataniif dhiifamni godhamu hin jiru. Erga itti murtaa’ee yeroon booda dhiifamni godhamuufii danda’a.”

“Haqni yeroo ce'umsaa adeemsa ittiin hawaasni gara fuulduraatti haaloo walitti kuusee akka hin jiraanne godhaniidha malee adeemsa seeraa yakkamtoota ittiin bilisa baasan akka hin taane hawaasni beekuu qaba,” jedhu.

UN gaaffii Itoophiyaa hin simatu yoo ta’e maaltu ta’uu mala?

Itoophiyaan murtee UN kuffisuu dandeessi kan jedhan Dr. Bizunaan, “Dhaabbatichi [UN] ykn biyyoonni lixaa murticha akka fudhattu dirqisiisuf qoqqoobbidhaan sodaachisuu ykn qoqqobbii irra kaa’uu danda’u,” jedhu.

Kuni ammoo diinagdeefi dippilomaasii walii galtee nagaa booda mataa ol qabate irratti dhiibbaa uumuu danda’a.

Itoophiyaan yoo ittiin walii galteen alatti komishinichi kaayyoo isaa galmaan gahuuf carraa hin argatu.

Bu’aan qorannoo haala kana keessatti gaggeeffamu ammoo qaama hunda hirmaachisuu dhabuu isaatiin walabummaan isaa gaaffii keessa galuun falmii kaasa.

Sarbamni mirga namaa amala idila addunyaa waan qabuuf, dhaabbileen idila addunyaa na ilaallata jechuu akka danda’an dubbatu Obbo Baayyisaan.

Akka Obbo Baayyisaan jedhanitti, Itoophiyaan biyya walabaa ta’uu isheetin qaamni alaa dhimma keessoo ishee keessa seenee qorannoo gochuu hin danda’u jechuu dandeessi.

Garuu ammoo kanaa mannaa filannoo biraa barbaaduun akka wayyu ibsu.

“UN ana qofatu qorata jechuu dhiisee, Itoophiyaanis ana qofa jechuurra filannoo biraa uumuun ni danda’ama,” jedhu.

Namoonni BBCn dubbise kun akka yaada kennanitti, walii galtee Piritooriyaa booda walitti dhufeenya Itoophiyaan biyyoota lixaa wajjiin qabdu daandii qabatee ture sababa kanaan deebi’ee danqamuu danda’a.

Aangon komishinii UN hojiirra oolmaa walii galtee Piritooriyaa danquu danda’a jechuun falma mootummaan Itoophiyaa.

Namoonni BBC’f yaada kennan kun akka jedhanitti dirqama komishinii UN yaada keessa galchuun hojiirra oolmaa walii galtee Piritooriyaa irratti dhiibbaa uumuu danda’a jedhu.

Keessumaa adeemsi waliigaltichaa sadarkaa jalqabaarra waan jiruuf qaamoleen wal-dhabdee keessa turan wal-amantaa cimaarra waan hin geenyef odeeffannoowwan komishinicha irraa dhufuu danda’aniifi odeeffannoowwan qaama tokko qeeqan akka qoccollootti qaamolee lamaan keessaa tokko biratti ilaalamuu akka malu kaasu Dr. Bizunaan.

Gama biraan ammoo aangoon komishinichaa mootummoota naannoo waliin akka wal-qunnamu taasisa. Waliigalteen Piritooriyaa qaama tokko kan ittisuudha.

Gamtaan Afrikaa waliigalteen Piritooriyaa akka mallattaa’u shoora olaanaa qaba. Sababa kanaan “biyyoonni miseensa gamtichaa sochii Itoophiyaaa haqa yeroo cehuumsaa mirkaneessuf gootu deeggaruu danda’u,” jedhu.

“Inni ijoon yakki raawwateera; yakkamtoonni ammoo adabamuu qabu kan jedhurratti yoo walii galle, akkamitti haa qorannu kan jedhurratti filannoowwan jiran fayyadamuudha malee hin barbaachisu jechuun hin baasu,” jedhu Obbo Baayyisaan.

Hayyooni kun lamaan kan isaan itti walii galan, Itoophiyaan murtee UN hin fudhattu taanaan qorachuudhaaf komishinichatti ulfaataa ta’uu danda’a kan jedhuudha.