Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee haqa yeroo cee'umsaa wantoota beekuu qabnu shan
Waraanni tokko erga gaggeeffameen booda dubbii ijoo ta’ee kan itti fufu sarbama mirgoota namoomaa yeroo waraanaa mudate bifa kamiin furmaanni itti haa kennamu kan jedhuudha.
Mootummaa federaalafi TPLF gidduutti waraanni waggaa lamaaf ture mariin xumura argateera. Yeroo waraanatti sarbama mirgoota namoomaa mudatan haqa yeroo cehuumsatiin furmaata akka argatus himameera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa waraana Kaaba biyyattiitif furmaanni siyaasaa akka kennamaa akka ture kan ibsan Komishanarichi Dr. Daani’eel Baqqalaa haqni yeroo cehuumsaa hundaa’uu akka qabuuf yaafa furmaataa dhiyeessanii akka turan himu.
“Sarbama mirgoota namoomaa mudatan kan ilaalu qorannaa guutuu gaggeessufi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf bulchiinsa haqa yeroo cehuumsaa hundeessun barbaachisaa akka ta’e yaada dhiyeessinee turre.
“Haala amma keessa jirruun walii galteen nagaa hojiirra ooluu eegaluufi bulchiinsi haqaa yeroo cehuumsaa akka hundaa’u walii galamuun tarkaanfii gaaridha,” jedhan Dr. Daani’eel.
Haqni yeroo cehuumsaa maalidha?
Haqni yeroo cehuumsaa walitti bu’iinsi hamaan, hacuuccafi sarbama mirgoota namoomaa mudachuu hordofee itti gaafatamummaa, haqaafi araarri akka ta’u mirkaneessun adeemsa hojiilee nagaa itti fufiinsa qabu hojjachuu akka of keessatti hammatu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Olaanan Mirgoota Namoomaa ni ibsa.
Namoonni tokko tokko haqa itti gaafatamummaa mirkaneessu akka nagaa waaraa fida yoo jedhan kaan ammoo haqa yeroo cehuumsaa akka filannoo dansaatti ilaalu.
Obbo Yaared Hayilamaariyam ogeessa seerafi daayirektara Giddu Gala Falmitoota Mirgoota Namoomaa Itoophiyaati. Akka yaada Obbo Yaareditti haqni yeroo hatattamaa adeemsa.
“Biyya tokko keessatti sababa walitti bu’iinsanis ta’ee kan biraatin sarbama mirga namoomaa hamaa mudate keessaa gara haala sirna dimokiraatawaa nagaa waaraa qabuutti cehuuf adeemsa taasifamuudha. Namoonni miidhaman karaa ittiin haala rakkisaa kana keessaa bahaniidha,” jedhu.
Wantoonni haqa yeroo cehuumsaf bu’uura ta’an ammoo “haqaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuu” akka ta’e dubbatu.
Araara buusun itti fufee waanta ta’uudha. Sarbamniwwan mudatan tooran galmaa’uu qabu.
“Qaamoleen miidhaman beenyaa miidhaa isaanirra gahe madaalu akka argataniif, akkasumas qaamolee miidhaa qaqqabsiisaniin dhiifama akka gaafataman adeemsa itti taasifamuudha,” jedhu Obbo Yaared.
Kaayyowwaniifi gosoota haqa yeroo cehuumsaa
Haqni yeroo cehuumsaa kaayyowwan afur akka qabu ibsu komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr. Daani’eel Baqqalaa.
“Dhugaa barbaadufi bira gahuun isa jalqabaati. Inni lammaaffaan namoota miidhaman deebisanii dhaabuu yoo ta’u, sadaffaan itti gaafatamummaa yakkaa mirkaneessudha.”
Inni arfaffaan ammoo lammaffaa deebi’ee akka hin mudanneef maaltu godhamuu akka qabuufi jijjiirama taasifamuu qabu qorachuufi hojiirra oolchuu akka ta’e himu.
“Kunis seera ykn imaammataa fooyyessuu ta’uu mala; sababa rakkinichaa beekufi furmaata itti fufiinsa qabu barbaaduudha,” kana keessatti kan hammataman.
Obbo Yaared ammoo haqni yeroo cehuumsaa gosa lama jiraachuu himu: “Biyyoonni tokko tokko adeemsa haqa yeroo cehuumsaa himannaa yakkaa irratti akka xiyyeeffatu gochuu malu. Yakkamtoonni qofti akka itti gaafataman gochuun adeemsi haqa cehuumsaa araara itti buusan jira,” jedhu.
Lammaffaan ammoo biyyoota tokko tokko keessatti hojiirra kan oole yoo ta’u himanni homaatuu osoo hin banamin adeemsa yakki hojjatame akka baramu, yakkamtoonnni dhiifama akka gaafatan godhamuufi miidhamtoonni dhiifama gaafatamanii akka deeman godhamuudha.
Keessumaa adeemsi inni lammaffaan kan mudatu aangorra warra jiran keessaa namoonni yakka raawwatameef itti gaafatamoo yoo ta’aniidha.
Kuni ammoo namoota aangorra jiran itti gaafatamummaa jalaa baasufi dubbiin haguugamee akka hafu gochuufi.
“Adda babahiitti bahanii dhiifama erga jedhanii booda itti gaafatamummaan osoo hin jiraatin namoonni yakka raawwatan akka miliqan godhama,” jedhu Obbo Yaared.
Obbo Yaared akka fakkeenyatti kan kaasan keessaa haassaa MM Abiy Ahmad yeroo gara aangotti dhufan taasisaniidha, haqa yeroo cehuumsaa ta’uu baatus.
“Fakkeenyaf, MM Abiy gara aangotti yoo dhufan paarlaamaa irratti shororkeessan nuyi; dararaa namarraan geenyerra; lammiilee gidirsineerra…dhiifama nuuf godhaa jedhanii turan. Qaamni itti gaafatame garuu hin jiru,” jechuun taadatu.
Haqni yeroo cehuumsaa adeemsa yeroo dheerati. Keessumaa ammoo sarbamni mirgoota namoomaa dalagame bal’aa yoo ta’e, hawaasni heddu yoo miidhameefi seenadhaan kan wal qabatu yoo ta’e dudduubatti deebi’uun qorachuu gaafata.
Eessa irraa haa kaanu? Dhimmi eenyuu fa’aa haa ilaalamu? Wantoonni eenyu fa’aa irratti raawwataman haa ilaalaman? Kanneen jedhan yeroo dheeraa fudhachuu danda’u.
“Tarii waggoota heddu fudhachuu mala. Komishinii hundeessus barbaachisa ta’a. Qaamoleen adda baasan hundaa’uu qabu. Adeemsa irratti walii galamuu qaba. Yeroo tokko tokko adeemsi isaa dheerachuu irraa kan ka’e biyyoota ejjannoo siyaasaa cimaa qabantu adeemsicha xumura,” jedhu Obbo Yaared.
Haqni cehuumsaa tokko tokko gidduutti dhimmoota biraatin butamee irraanfatamaa deemuu mala. Yeroo dheeraa fudhachuun isaa rakkoo haqa yeroo cehuumsaa keessaa tokkoodha.
Dheerachuu isaarraa kan ka’e miidhamtoonni haqa barbaadan akka abdii kutatan isaan taasisa.
Ruwaandaa, Afrikaa Kibbaa, Chiilii…fa’aa keessatti akkamitti hojiirra oole?
Biyyoonni akka Ruwaandaa, Afrikaa Kibbaa, Chiilifi kanneen biro haqa yeroo cehuumsaa hojiirra oolchaniiru.
Duguuggan sanyii Ruwaandatti raawwatame haqa yeroo cehuumsatiin furame. Miidhamtoonni badiin isaanirra gahe akka beekamu ta’eera. Warreen yakka dalagan itti murtaa’era. Dhimmicha akka irra hin deebineef dhaloonni akka irraa baratuuf godambaa keessa akka taa’u godhameera.
Afrikaa Kibbaattis yakki sirni appartaayidii dalage Komishinii Dhugaafi Araaraa hundeessun haqni yeroo cehuumsaa raawwatame.
Yugoslaaviyaattis yakkamtoonni mana murtii idila addunyaatti akka dhiyaatan godhameera.
Chiilifi biyyoota Laatin Ameerikaa birootti ammoo “dhiifama gaafanneera jedhanii itti gaafatamummaa jalaa akka miliqan godhameera” jedhu Obbo Yaared.
Itti gaafatamummaa
Yeroo heddu adeemsiwwan haqa yeroo cehuumsaa sababa itti gaafatamummaatin osoo hin milkaa’in carraan itti gufatu jira.
“Dhimmi itti gaafatamummaa kutannoo aangawoota mootummaa irratti hundaa’a,” kan jedhan Obbo Yaared yeroo tokko tokko yakkamtoonni akka itti hin gaafatamne gochuuf “golgaan siyaasaa” kennamuufi mala.
Badiiwwan akka yakka waraanaafi hiraarsuu dhala namaa irratti dalagaman seera Itoophiyaatinis ta’ee kan idila addunyaatin akka nama gaafachiisu dubbati ogeessi seeraa kun. Kana hunda mirkaneessuf garuu gaggeessitoota irraa kutannoon siyaasaa akka barbaachisu ogeeyyin seerafi falmitoonni mirga namoomaa ni yeroo heddu ni ibsu.
“Keessumaa sarbama mirgoota namoomaatin wal qabatee itti gaafatamummaan mootummaa Itoophiyaa zeerodha jedhee afaan guutee dubbachuu nan dana’a,” jechuun Itoophiyaa keessatti waa’ee angawoota itti gaafatamanii dhagahanii akka hin beekne himu Obbo Yaared.
“Yeroo heddu angawoonni kan itti gaafataman malaammaltummaafi wantoota isaan wal qabataniini. Kanaaf qormaanni haqa yeroo cehuumsaa adeemsa yakkamtoota itti gaafatamoo taasisuudha.”
Kanaaf ammoo waraana Tigraay akka fakkeenyatti kaasu. Waraanichaan yakkoonni heddu raawwatamaniiru.
“Naannoo Tigraayittis haa ta’uu gama mootummaa federaalan aangawoonni jiran haalli isaan itti gaafataman jira. Bulchiinsi mootummaa jeneraalota waraanaa dabalatee aangawoota mootummaa olaanoo akka itti gaafataman kan isaan taasisu jiraachuu qaba,” jedhu.
Abdiifi yaaddoo haqa yeroo cehuumsaa
Bulchiinsi haqa yeroo cehuumsaa amanamaa, fudhatama kan qabuufi bilisa ta’ee hojjatamuu akka qabu Obbo Yaaredifi Dr. Daani’eel ni dubbatu.
Kanaafa ammoo, “Qaama of danda’e hundeessuu ykn akkuma biyyoota tokko tokko keessatti mul’ate muuxannoo muraasa kan qabanifi dhaabbilee garaa garaa amma hojiirra jiran irraa kan walitti bahan irraa qaama hundaa’e olaantummaan kan gaggeessu qaama hojii raawwachiiftuu hundeessuun” barbaachisaa ta’uu kan himan Dr. Daani’eel haala qabatamaa Itoophiyaaf hojmaata, ijaarsafi caasseffama gaarii ta’e mariyachuun murteessuu akka barbaachisu himu.
Haqni yeroo cehuumsaa Itoophiyaa keessatti hundaa’uu akka qabu gaaffii keessa galuu akka hin qabne kan hima Obbo Yaared, “Sababni isaa Itoophiyaa keessatti hanga ammaatti biyya sarbamni mirgoota namoomaa suukaneesson itti raawwataman, namoonni miliyeenan lakkaa’aman sarbama mirgoota namoomaf kan itti saaxilaman, qabeenyi ummataafi biyyaa itti manca’eedha. Gara boodatti waggoota kurna tokko yoo deebine biyya waan baay’en [keessatti dalagameedha…
“Kanaaf, Itoophiyaatti madaa durii waldhaanuf, madaawwan haaraa har’a jiranis dhaabuf, akkasumas gara sirna tasgabbaa’aa, nagaafi dimokiraasitti cehuuf adeemsa haqa yeroo cehuumsaa hordofuun karaa filannoo hin qabneedha, jedhu.
Obbo Yaared garuu hojiirra oolmaa isaa garaa lamaan akka ilaalan himu: “Sababni isaa ammayyuu sadarkaa mootummaatti osoo waa’en araara biyyoolessaafi haqni yeroo cehuumsaa odeeffamuu qaamoleen nageenyaa mirga lammiilee yeroo sarbanii bakkeewwan heddutti walitti bu’iinsi baay’atee jiraachun akka hin gaaddiddeessinen sodaadha.”
Yeroo MM Abiy Ahmad gara aangotti dhufan kan hundaa’e Komishiniin Araara Biyyoolessaa hojii kana jedhamu osoo hin hojjatin diigamuun isaa ni yaadatama.
Waraana waggaa lamaaf gaggeeffameen yakkoota garaa garaa raawwataman qorachuun furmaata waaraa kennuuf haqni yeroo cehuumsaa akka hundaa’ee hojiirra akka oolu himamaa jira.
Dabalataan ammoo qaamoleen sarbama mirgoota namoomaa kana irratti hirmaatan seeratti akka dhiyaataniif hawaasa addunyaarraa dhiibban godhamaa jira.
Dhiibban godhamu kun adeemsa haqa yeroo cehuumsaa gufachiisuu waan danda’uuf, sarbama mirga dhala namaa Itoophiyaatti raawwate akka qoratuuf komishiniin qorannoo yakkaa UNdhaan hundaa’e akka hojii isaa dhaabuf Itoophiyaan yaalii gochaa jirti.