Mootummaan Naannoo Oromiyaa magaalotaafi godinaalee akka haaraatti gurmeessuu beeksise

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Magaaloota gurguddaafi xixiqaa naannicha keessatti argaman walitti makuun akka haaraatti gurmeessuu beeksise.

Akkasumas godinaalee naannichaa kanaan dura ummataan gaaffii irratti dhiyaataa turan akka haaraatti gurmeesseera.

Naannichi kana kan beeksise walgahii idilee 3ffaa bara hojii 6ffaa Caffeen mootummaa naannichaa har’a, Guraandhala 27, 2023 gaggeesseen ta’uu ibseera.

Haaluma kanaanis Magaalaa Bishooftuu, Magaalaa Duukam, akkasumas magaaloota mana qopheessaa Hiddii, Udee Dhankaaakaa fi Dirree walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi aanaalee 10'n ta'uun Magaala Bihooftu jedhamuun akka gurmaa’u ta’eera.

Akkasumas Magaalaan Shaashamannee ammoo, Magalaa Shaashamannee fi magaalaa Bishaan Gurraachaa walitti makuun kutaa magaalaa 4 fi aanaalee 12 akka gurmaa’uu ta’uutu ibsame.

Magaalaa Adaamaa ammoo Magaalaa Adaamaa fi magaalaa Wanjii walitti makuun kutaa magaalaa 6 fi aanaalee 19’n gurmeeffameera jedhame.

Magaalaa Roobee fi Gobbaa walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi gandoota 12'n Magaalaa Roobee ta’ee gurmaa’uutu ibsame.

Haaluma walfakkaatuun, Magaalaa Haramayaa, magaalaa Awwadaay fi magaalaa Adeellee walitti makuun kutaa magaalaa 3 fi gandoota 12’n Magaalaa Maayaa ta’ee gurmaa’u beeksiise mootummaan naannichaa.

Magaalaa Baatuu ammoo, Magaalaa Baatuu fi magaalaa Adaamii Tulluu walitti hammachuun gandoota 7n akka gurmaa’uu ta’e jedhameera.

Tarkaanfiin magaaloota walitti makuun akka haaraatti ijaaruu kunis, misooma arifataafi ittifufiinsaa qabu galmeessisuun jireenya uummataa naannichaa foyyeessuuf kan fudhatame ta’u ibsi Komunnikeshiinii naannichaan bahe ibseera.

Kana malees magaaloonni Mattuu, Aggaaroo, Bulee Horaa, Najjoo, Sandaaffaa Bakkee, Shanoo, Mooyaalee, Dodolaa fi Shaakkisoo fa’i ammoo itti waamamnisaanii godinaalee osoo hintaanee kallattiin mootummaa naannichaatti akka ta’u murtaa’utu ibsame.

Magaaloonni akka haaraatti hundeeffaman kunneenis misooma magaalootaafi aanaalee naannoosaaniitiif gumaacha akka taasisaniif xiyyeeffannaan hoggansaa waan barbaachisuuf jedhameera.

‘‘Humna raawwachiisummaa magaaloota fooyya’ee tajaajilaa si’ataafi qulqullina qabu akka dhiyaatu fi misooma hunda galeessaa ta’e akka galmaa’u gochuuf sadarkaa magaalootaa akka fooyya’u murtaa’eera,’’ jedha ibsichi.

Haaluma kanaanis, Magaalaa Adaamaa, Shaashamannee fi Bishooftuu -Magaalaa Riijiyoopoolis jedhamun sadarkaan yoo kennamuuf, Magaalaa Roobee fi Maayaa ammoo magaalaa Mummee, akkasumas Magaalaa Mattuu, Aggaaroo, Bulee Horaa, Najjoo, Sandaafaa Bakkee, Dodolaa, Shanoo, Moyyaalee fi Shaakkisoo ammoo magaalaa Olaanaatti akka guddatan murtaa’uun ibsame.

Karaa biraatiin gaaffii misooma, nageenyaa fi bulchiinsa gaarii yeroo dheeraaf ummataan ka’aa tureef deebii kennuufi seeraan alummaa naannoo daangaa jiru maqsuuf, rakkoo nageenya naannoolee ollaa waliin daangaa irratti mul’atu hiikuuf godinni Booranaa Bahaa godina haaraa ta’ee akka gurmaa’u murtaa’un ibsame.

Haaluma kanaanis godinni Booranaa Bahaa naannicha keessatti godina 21ffaa ta’ee bifa haaraatiin gurmaa’uufi teessoon isaa Nagallee Booranaa ta’ee murtaa’uutu ibsame.

Kanaafu, Godina Booranaa irraa aanaa Moyyaalee, magaalaa Mooyyaalee, aanaa Guchii fi aanaa Waacillee, Godina Gujii irraa ammo aanaa Liban, aanaa Gumii Eldalloo, Magaala Nageellee Booranaa, akkasumas godina Baalee irraa ammoo, aanaa Madda Walaabuu, aanaa Oborsoo fi aanaa Harannaa Bulluq dabalatee akka godinaatti aanaalee 10 qabaatee akka gurmaa’u ibsame.

Gurmaa’iinsa haaraa kana keessatti godinni Booranaa Bahaa bifa haaraatiin yemmuu gurmaa’u teessoon godina Gujii, Adoolaa Reeddee ta’ee teessoon godina Booranaa immoo magaalaa Yaabeello akka ta’u murtaa’eera.