Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hundeeffamuun magaala Shaggar hawaasa addaan hire'- jiraattota Aanaa Sabbata Hawaas
Jiraattonni Aanaa Sabbata Hawaas hundeeffamuun magaala Shaggar fedhii uummataa kan hin eegneefi hawaasa gargar kan qoodedha jechuun Kamisa Mudde 28 irraa kaasee hiriira bahuun mormii qaban ibsatan.
Jiraattonni aanichaa BBCn dubbise akka himanitti, hundeeffamuun magaala Shagaar fedhii uummataa giddu galeessa kan hin godhaneefi hawaasa rakkoofi baasii dabalataaf kan saaxile akka ta'e dubbatu.
Jiraataan aanichaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafachuun BBCtti dubbatan tokkos, "Hundeeffamuu magaala Shaggariin wal-qabatee hawaasni bakka lamatti hirame" jechuun gandoonni kaan magaala Shaggar jala galuufi kaan ammoo Godina Kibba Lixa Shawwaatti deebiifamusaanii himan.
Aanan Sabbataa Hawaas gandoota 41 qabu keessaa gandoonni 17 magaala Shaggar jalatti hammatamanii kan hafan qabu yoo ta'u isaan keessaa magaala Shaggar jalatti hammatamuufi gandoonni hafan 24 osoo Shaggar jala hin galin hafuu dubbatu jiraattonni kun.
Magaalan Shaggar magaalota naannawa Finfinnee: Buraayyuu, Kolooboo, Sabbata, Sulultaa, Laga Xaafofi Galaan dabalatee gandoota baadiyyaa heddu dabalachuun hundaa'uu isaa mootummaan Naannoo Oromiyaa Dambii Hundeeffama Magaala Shaggar Lakkoofsa 233/2015 jedhu Onkoloolessa 11, 2015 ALI irraa kaasee hojiirra oolchuun isaa ni yaadatama.
Kanaanis miseensota Caffee Oromiyaa dabalatee namoonni garaa garaa mormiifi yaaddoo qaban BBCtti himanii turan.
Amma immoo jiraattonni aanaa Sabbata Hawaas ifatti akkaataa hundeeffama magaalichaafi dhiibbaa inni hawaas-diinagdee naannichaa irratti qabu kaasun mormii isaanii hiriira bahuun dhageessisanii jiru.
Dur tajaajila fageenya 40km irratti arganna, har'a 100km deemnee arganna'
Akkaataa dambii hundeeffama magaala Shagaritti kaayyo magaalotafi gandoota baadiyaa naannawa Finfinnee bakka tokkotti fiduun magaala Shaggar hundeessuu aadaafi safuu uummata naannichaa bifa eegefi hawaasa naannichaa fayyadamaa taasisuun magaala ammayyaa ijaarudha.
Jiraattonni gandoota Aanaa Sabbata Hawaas garuu faallaa kaayyoo hundeeffama magaalichaa akka argan dubbatu.
Aanaa Sabbata Hawaas Magaala Tafkii kan ta'aniifi maqaa koo hin eerinaa jechuun BBCtti dubbatan, "Dur gaafa Godina Addaa Naannawa Finfinnee jala jirru fageenya 40km irratti tajaajila arganna, har'a garuu hanga 170km deemnee tajaajila akka argannu taasifame" jechuun komii qaban ibsu.
Magaalan Shaggar maagalota naannawa Finfinnee jahaan alatti aanaalee akka Aqaaqii, Sabbata Hawaas, Barraak, Sulultaa fi Walmaraa keessaa gandoota 40 akka of-jalatti qabatu ragaan dambii hundeeffama magaala Shaggar ni agarsiisa.
Miseensota caffee dabalatee jiraattonni komii dhageessisaniin gandoonni baadiyyaa kunneen qorannoon gahaan osoo hin godhaminiifi fedhiin uummataa maal akka ta'e osoo irratti hin mariyatamin dhoksaan akka ta'e BBCtti himanii turan.
"Dhimmi magaala Shaggar kun uummata giduu galeessa godhatee hin murtoofne waan ta'eef uummanni kallattii [garaa garaa irraa] hiriira bahee dhaadannoo isaa dhaggeessisaa ture.
"Dhiibban akkamitti uummata Tuulamaa irra gaha? Waanti Caffeen hin beekne, bu'aa isaafi miidhaa isaa kan hin beekne akkamitti murtaa'a jedhanii hiriira bahan," jechuun dubbata jiraattota hiriiricha irratti hirmaatan keessaa kan BBCn dubbise.
Moromii miseensota Caffee Oromiyaa dabalatee xinxaaltota siyaasaa garaa garaan hundeeffamuu magaala Shaggar irratti ka'aa ture keessaa tokko Caffeen Oromiyaa wixinee hundeeffama magaalichaa raggaasisuu osoo qabuu dhoksaadhan ta'e kan jedhuudha.
Miseensa Caffee Oromiyaafi Deetaa Ministeera Nagaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aa hundeeffamuu magaala Shaggar irratti Caffeen Osoo hin beekin dhoksaan raawwatamuu isaafi dhiibbaa inni gandoota baadiyaa dur Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee jalatti bulaa turan irratti qabu barreessaa turan.
Miseensonni Caffee biroon aanaalee naannawa Finfinnee bakka bu'anis hundeeffamuun magalichaa fedhii hawaasaa kan hin eegne fi uummata gargar qoode ta'uu isaa BBCtti himanii turan.
'Gandoota albuufi warshaan itti baay'atu ofitti fudhatan'
Jiraattonni hiriira bahuun mormii isaanii dhaggeessisan kun aanaa ofii hundeeffatan osoo isaan hin mariisisin magaala Shaggaritti dabalanii isa kaan keessaa hambisuun akka isaan dheekkamsiise dubbatu.
"Aanaa kana [Sabbata Hawaas] kan hundeeffate nuyi, aanaa nuti hundeeffanne akkamitti nurraa fudhachuu dandeessu jechuudhani hiriira nagaa kan bahachaa turan.''
''Lafa albuudi itti baay'atuufi warshaan itti baay'atu of jala galchan," jedhu jiraatan magaala Tafkii nageenya isaanif maqaan akka hin dhahamne BBC gaafatan.
Caffeen Oromiyaas ta'ee hawaasni dhimma hudeeffamuu magaala Shaggar irratti osoo hin mariyatin hojjiitti galamuun isaa rakkoo iftoominaa akka qabu miseensonni Caffee Oromiyaa kaasaa turan.
Inumaayyuu Obbo Taayyee Danda'aa magaala Shaggar hundeessuun gaaffii uummataa osoo hin taane karoora "hattuu fi dallaalati" jechuun qeeqanii turan.
Jiraattonni Aanaa Sabbata Hawaas hiriira bahuun mormii dhaggeessisan kunneen gaaffii isaanii mootummaa naannoo Oromiyaaf dhiyeessanis deebii akka hin arganne himatu.
"Abbootin gadaa marga qabatanii dhaqanii Ittaanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiya Obbo Awwaluu Abdiitif gaaffii dhiyeessanii turan. Jalqabarratti waanni kun isinirraa ka'uu hin oolu jedhanii turan. Garuu deebi'anii deebii deebisuuf hayyamamoo hin taane," jiraatan kun.
Hundeeffamuu magaala Shaggar ilaalchisee fayidaafi miidhaa isaa uummannni osoo hin barin ta'uun 'Maastar Pilaanii" irraa waan adda godhu akka hin barre himu jiraattonni kun.
Jiraattoota Aanaa Sabbata Hawaas qofa osoo hin taane Aanaa Barraak fa'aa irraas gandoonni dur Godina Addaa jala turan amma Magaala Shaggar jalatti hammatamuu dhabuudhan gara godiina Shawaa Kaabaa magaala Fiichee deemun fageenya dheeraaa irraa tajaajila akka argatan dirqamaniiru.
Komiifi mormii jiraattoonni kaasan kana ilaalchisee aangawoota mootummaa irraa deebin argachuuf yaalin goone hin milkoofne.