Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waliigalteen daangaa bulchiinsaa magaalaan Finfinneefi Godina Addaa Naannawaa Finfinnee irra gahan maal?
Bulchiinsi magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Naannawaa Finfinnee daangaa bulchiinsaarratti waliigalteerra gahuu isaanii Kibxataa ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsa baasen waliigaltee kana ''seena qabeessa'' jechuun himeera.
Mootummaan federaalaa ibsa baasen kana dura daangaan bulchiinsaa waan hin turreef danqaan uumamaa akka tureefi waliigalteen kuni furmaata akka ta’u ibse.
Kana dura daangaan bulchiinsaa jiraachuu dhabuu isaatiin keessumaa hawaasi daangaarra jiraatu tajaajila argachuuf rakkachuu, akkasumas saamicha lafaaf saaxilamaa turuu ibsamaa ture.
Bulchiinsi magaalichaa daangaa bulchiinsaa tolchuuf heera biyyaa, akkasumas bu’uura chaartara magaalaa Finfinneen dhimma itti bahamu ibse.
Bulchiinsi Finfinnee ibsa isaatiin murtee kanaan bakkeewwan bulchiinsa Finfinnee jala jiran gara Godina Addaa jalatti akka seenu ta’eera, kan Oromiyaa jala turees gara Finfinnee akka seenan kan ta’e jira jedhe.
Murtee kanaan bakkeewwan bulchiinsi Oromiyaa bulchaa ture, akkasumas Finfinnee bulchaa turan akkanumaan akka itti fufan waliigalteerra gahamuu ibsameera.
Kamtu kamitti gore?
Akka bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsetti, manneen waliinii [kondominiyeemii] bulchiinsi magaalichaa Oromiyaa keessa seenee ijaare keessaa kan gara Godina Addaa Finfinnee akka deebi'u ta’e jira.
Akkasumas, bakkeewwan Godina Addaa jala jiran gara Finfinnee jala akka seenan taasifamuu ibsameera.
Akka ibsa bahetti, Koyyee Fayyee, Tulluu Diimtuu hamma tokko, akkasumas Jamoo lakkoofsa lama gara Godina Addaa Naannawa Finfinnee jala akka seenan taasifame.
Gama kaaniin, kondominiyeemiin Qoxaarii jedhamuufi Naannoon Oromiyaa Labuutti ijraare, Furii Hannaa fi kondominiyeemii Oromiyaa dabalatee hamma laga qarsaa jiru daangaa bulchiinsa Finfinnee jala akka seenan taasifamuu ibsame.
Waggaa sadii dura Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee manneen jireenyaa waliinii magaalittii bakka garaagaraatti ijaarsisaa ture keessaa kan Koyyee Faccee abbootii carraaf dabarsee kannuuf akka jedhu himee jennaan hokkarri guddaan ka'ee ture.
Ijaarsi manneen jireenyaa kun seeraan alaa Bulchiinsi magaalaa Finfinnee daangaa Oromiyaa keessatti lafa qonnaan-bulaa irratti ijaarame jechuunis mormiin dhalate.
Boodarra mormiin hammaannaan mootummaan naannoo Oromiyaa hanga dhimmi daangaa fala argatuutti manneen waliinii kun akka hin raabsamne jechuun ibsa baase.
Maaliif barbaachise?
Magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Naannawa Finfinnee gidduu daangaan bulchiinsaa ifa ta’e jiraachuu dhabuu isaatiin jiraattonni badiif saaxilamuu ibse.
Akka ijootti tajaajila mootummaa irraa argachuuf isaaniif malu argachuuf rakkachuu isaanii ibsame.
Ijaarsi bu’uuraalee misoomaafi pirojektotaa harkifachuu, akkasumas maatin ijoollee isaanii mana barumsaa fagoo jiranitti erguuf dirqamuu himeera.
‘’Hunda caalaa garuu saamicha lafaafi hojiiwwan seeraa kaan to’achuun, olaantummaa seeraa kabachiisuufi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf rakkisaa ta’ee tureera,’’ jechuun mootummaan federaalaa hime.
‘’Kanarra kan darbe rakkinichi rakkina siyaasaafis nu saaxileera,’’ jechuun ibsa ibsi bahe.
Waliigalteen kuni misoomaafi guddina waloo kan kaayyeffate akka ta’e aangawonni ibsaniiru.
Kana dura daangaa bulchiinsaa tolchuuf koreen hundaa’ee ture. Akka aangawoonni ibsanitti, koreewwan kana dura hundaa’aa turan furmaata osoo hin fidin turaniiru.
Yeroo dhihoo asitti garuu koreen mootummaa federaalaas hirmaachise sochii taasisaa turuu, akkasumas hawaasiifi aangawoonni gama lamaanii irratti mari’atu ibsi bahe ibsa.
Akka bulchiinsi magaalaa Finfinnee ibsetti, dhimmi daangaa bulchiinsaa ka’u kuni waggoota torbaaf ilaalamaa ture.
Paartiin IZEMA dhihoo dhimma kanarratti ibsa baasen daangaa bulchiinsaa kaa’uun gaarii ta’us ummata hirmaachisuun barbaachisaa akka ta’e ibse.
Kanaan ala faayidaa isaarra miidhaan isaa akka cimu ibsa baaseen eereera.
Dhimmi daangaa bulchiinsaa magaalaa Finfinneefi Godina Addaa Naannawaa Finfinnee waggoota dheeraaf dhimma waldhabsiisaa turedha.
Waggoota muraasa dura Maastar Pilaaniin bulchiinsi ADWUI beeksise mormii ummataa cimaaf ka'umsa ta'eera.
Bulchiinsi amma aangoorra jiru aangootti akka bahu mormiiwwan ka’umsa ta’aniifi boodarra akka hafu taasifame ta'un ni yaadatama.