Suuraan durii waggaa 85 booda attamiin hiriyoota ijoollummaa akka itti walitti fide

Manguddootni kunnen Dowugal fi Bettiy Davidson waggoota 85 ol booda dhiheenya kana deebi'anii wal argan

Madda suuraa, Alistair Dougal

Hiriyoonni ijoollummaa kun lama waggoota 85 ol booda suuraa mana barumsaa duriitiin deebi'anii wal argan.

Suuraan Jim Dowugal fi Bettiy Davidson bara 1930moota keessa daangaa Iskootilaandii keessatti wal hammatanii gara mana barumsaa deemaa turan kaafame.

Maatiin Jiim naannoo bara 1939tti gara bakka biraatti waan godaananiif hiriyootni kun deebi'anii wal argachuuf carraa hin arganne ture.

Garuu ilmi isaa Alistaar miseensota suuraa kutaa abbaa isaa kana bara 1936 keessaa turan hunda hordofuuf carraaqqiin taasiseen lamaan isaanii walitti isaan deebiseera.

Hiriyoonni durii kun dhiheenya kana Kaaba Yoorkishaayiritti deebi'anii kan wal argan yoo ta'u, Alistaar "waan kana ibsuuf ni ulfaataa'' jedhe.

Jiim fi Beettiin ijoollummaatti hiriyyoota turan garuu erga dhuma bara 1930mootati wal arganii hin beekan ture.

Madda suuraa, Davidson Family

Jiim umuriin isaa waggaa 96 yoo ta'u, amma Essex magaalaa Rayne jedhamtu keessa jiraata - garuu bara 1928 magaalaa 'Eyemouth' keessatti dhalate.

Ilmi isaa sanyii maatii isaa qorachaa osoo jiruu suuraa daree mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa 'Eyemouth'' keessatti bara 1936 kaafame, kan yeroo abbaan isaa tilmaaman waggaa saddeeti ta'u arge

Walumaagalatti suuraa kana irra Beetiiy dabalatee ijoolleen 32 jiru.

Jiim waggoota muraasa booda magaalattii gadhiisee kan deeme yoo ta'u, erga waraanaaf galmaa'ee haadha warraa isaa Iris Gibbs waliin kaampii waraanaa Essex keessa ture waliin wal argee booda gara sanatti deebi'ee hin beeku ture.

Yeroo kana, Beettiin hanga naannoo bara 1950tti 'Eyemouth' keessa turte.

Achiin booda erga abbaa warraa ishee Alfred "Ivor" Davidson waliin wal barte jalqaba gara 'Tweedmouth', achiis gara 'North Yorkshire', fi bakka amma jiraattu naannoo 'Northallerton' deemte.

Alistaar bara darbe daawwannaa 'Eyemouth'tti erga godhee booda suuraa mana barumsichaa kanaan kan hawwatame ta'uu isaa fi gargaarsa "yaadannoo yeroo dheeraa ajaa'ibsiisaa" abbaa isaatiin namoota suuraa kana irratti mul'atan kaan maaltu akka mudate baruuf akka ka'e dubbate.

Addunyaa guutuu – Awustiraaliyaa, Kaanaadaa fi Niwuu Ziilaand dabalatee iddoo adda addaatti akka socho'an odeeffannoo argate, garuu irra caalaan isaanii du'aniiru.

Namni lubbuun jiru inni jalqabaa suuraa kana irratti hordofe Margaret Mac Cawuley (nee Duggie) yoo taatu, ammallee naannoo Eyemouth jiraatti.

Alistar Dowugal miseensota kutaa kanaa kanneen biroo lama lubbuun hafan bara 1936 irraa eegalee mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa 'Eyemouth' irraa iyyaafachaa ture

Madda suuraa, Scholastic Souvenir Company

Kan lammaffaan Beetiiy yoo taatu, isheenillee umuriin ishee waggaa 96 dha.

"Hanga waggoota muraasa duraatti gara Kaaba Yoorkishaayiritti ishee iyyaafachaan ture, garuu guutummaatti mirkaneeffachuu hin dandeenye," jedha Alistaar.

"Dhuma irratti utuu abdii kutachuu yeroon gahetti, kooppii suuraa kanaa garee Feesbuukii 'Eyemouth Past' jedhu irratti maxxansee namni namoota kana beektan na gargaaruu danda'u jiraa jedheen gaafadhe."

"Sa'aatii tokko keessatti, intalli obboleessa Beetii Maawureen Isteevansan jedhamtu 'Sun adaadakoo Beetiidha, eeyyee, lubbuun jirti, akkasumas Kaaba Yoorkishaayir keessa jirti' jette maxxansite."

Alistar Dowugal namoota suuraa daree bara 1930mootaa keessa jiran hamma danda'e barbaadaa ture.

Madda suuraa, Alistair Dougal

"Beetiif barreesseen ture, akkuma ergaan koo sun ishee ga'een naaf bilbilte," jedha Alistaar, kan abbaa isaa irraa gara maayilii 70 fagaatee Suffolki naanawa Mendham jedhamu jiraatu kun.

"Sana booda suuraa isheen qabdu, waggoota heddu dura ishee fi abbaa koo waliin, obboleettii ishee Wiilhelmina (Elma) waliin, naannoo bara 1936ttis kaafame naaf ergite."

"Tokkoon tokkoon isaanii harka walirra kaa'aniiru. Seenaan kun suuraa erga kaafamee gara waggaa 90 booda walitti deebi'uudhaan xumurame.

"Erga lamaan isaanii walitti dhufanii akkuma suuraa yeroo ijoollumma sanatti deebi'anii ka'uun miira gammachuu gudda keessa waan isa galche fakkaatu," jedha Alistaar.

"Dhuma irratti, namoota 32 sana keessaa sadii qofatu lubbuun jira Maargaareet, abbaa koo fi Beetii."

"Beetiin warra sana keessaa tokko ta'uu qabdi jechuun akkuma abbaan koo jedhe akka carra jiraattee deebi'anii wal argan.

Jim fi Bettiin bara 1930moota keessa mana barnoota 'Eyemouth' keessatti guddatan.

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Beettiin Jiim irraa akkamitti akka waliin turani fi guddatan akkasumas daandii kana ni yaaddatti.

"Ani ganama balbala isaatti rurukutaa ture ykn inni kan koo rukutee waliin gara mana barumsaatti ol baana turre," jette.

Suuraa kanas obboleettii ishee Elmaa waliin iddoo biqiltuu ishee duubaa keessatti walitti kaafamuu ishee yaadatteetti.

Deebi'anii walitti dhufuu isaanii kan kakaase suuraa kutaa isaanii gaazexaa naannoo sanaa, Berwickshire News irratti mul'ateen ture.

"Aniifi Jiim lamaan keenyayyuu suuraa mana barumsaa sana irratti turre, warri kaan hundinuu du'aniiru jedheen yaada," jette Beetii.

"Ana qofatu hafe, inni na qunnamuuf yaaddoo guddaa keessa ture. Dhugumatti baay'een ajaa'ibsiifadhe." Ammas isa arguun akka gammadde dubbatteetti.

"Yeroo laman tokko bilbilaan haasofnee turre, achiis nama kanaaf ga'e guddaa ba'e ilma isaa waliin dhufanii na arguu akka barbaadan natti himan," jetti.

"Waggoota kana hunda booda hiriyaa koo ijoollummaa waliin wal arguun gaarii ture."

"Inni baay'ee qaana'aa ture jedheen yaada Jiim, garuu nuti michoota gaarii turre," jette.

Lamaan isaanii 'Eyemouth' keessa bakka Church Street jedhamu faallaa walii jiraatu turan

Madda suuraa, Google

Jiim walitti dhufeenya kana, qorannoo ilma isaatii, "dinqisiisaa" jechuun ibseera, Beetis akka gaariitti yaadateera.

"Eyemouth keessatti karaa faallaa ta'een jiraanna turre," jechuun ibseera.

"Faallaa isaatti mana daabboo tolchuu kan ture yoo ta'u Beettiin duubaan jiraatti turte."

"Mana barumsaa waliin deemna turre, waliin taphachaa turre - waan hunda."

"Isheen nama hundumaa boodatti haftee lubbuun jirti, anis akkasuma. Dhugumatti kun waan hin amanamneedha."