Hordoftoota amantaa hanga du'anitti soomaan

Manguddoo soomaan du'aa eggataa turan wayiata Maatii waliin haasawaanitti

Madda suuraa, Pranay Modi

Ibsa waa'ee suuraa, Saayaar Devi wayita sooma dhumashee soomteetti fira waliin haasawaa

Maanguddoon ganna 88 kan taatee Saayaar Deevi Muudii kaansarii gadameessaatiin qabamuushee erga adda baafamee torban sadii booda, yaalii wallaansaa akka hin barbaanne murteessite. Isaan boodas hanga duututti soomuu filatte.

Gaafa 13 Adooleessa 2024 bu'aan qorannoo fayyaa ishee akkuma barameen shorbaa wayii dhugdee kadhannaa taasiftee soomuu akka eegaltu beeksiftee jedha ilmi ishee Piraanaay Muudii haala ture yoo yaadatu.

Saantaaraa ykn soomni hanga du'aa gocha hordoftoonni amantii Jeeyin (Jain) tokko tokkon raawwatamu yoo ta'u, kunis nyaataa fi bishaan of laguun taa'anii du'a eeggachuu jechuudha

Gabaasaaleen Indiyaa akka ibsanitti, hordoftoonni amntaa Jeeyin 200- 500 ta'an waggaan haala kanaan du'uuf filatu. Haa ta'uu malee kun qofti bu'uura ulaagaa amantichaa miti.

Namoonni tokko tokko gochaan kun ofii ajjeessuu jedhanii yoo morman, iyyanni saantaaraa akka dhorkamu gaafatu Mana Murtii Olaanaa Indiyaa duratti dhiyaateera.

Jeeyinziimiin maali?

Siidaan Maahaaviraa mana qulqullummaa Jeeyiin Jaayisaalmar, Raajaastaan Indiyaa keessatti argamu.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jeeyinizimiin barsiisaa Dhaloota Kiristoos dura Jaarraa 6ffaa keessa jiraate Maahaaviraa akka hundeessaa amantii ammayyaatti ilaaalmuudha

Amantii Jeeyiinziimii yoo xiqqaate waggaa 2,500 dura kan ture akka ta'etu ibsama. Akka amantichaatti Waaqni hin jiru, garuu lubbuu fi afuraa qulqulluu waan hundumaa beektutti ni amanudha.

Hordoftoonni Jeeyinzimii hundi jechuun haalaa danda'amuun foon hin sooratan. Waan miijataa fi qananii biyya lafaa dhiisuun qulqullummaadha.

Indiitti hordoftootni amantaa Jeeyinziimii gara miliyoona shan kan jiran yoo ta'u, yeroo baayyee barnoota gaarii fi dinagdee fooyy'aa qabu.

Akka dhabbanni qorannoo Ameerikaa ( US-based Pew Research Center) akka jedhutti, ga'eessota Jeeyinziimii keessaa harki sadii digirii yunivarsiitii qabu, ummata waliigalaa Indiyaa keessaa %9 waliin wal bira qabamee yoo ilaalam baay'een isaanii dureeyyiidha.

Gaggeessitootni Jeeyin yeroo baayyee hawaasa bal'aa Indii keessatti kabaja guddaa qabu.

Ministirri muummee, Naareendiraa Muudiin kannaa taasisuudhaaf bakka mana amantaa sanatti argamii ture. Kanas, toora X isaaniirra barsiisaa amantaa tokko du'uu hordofee barreeffama qoodaniin, duuti nama sanaa ''kasaaraa biyyattii bakka hin buune'' ta'u ibsaniiru.

Namni kunis umuriisaa waggaa 77'tti, erga guyyaa sadii soomanii booda du'an. Sirna awwaalcha isaa irratti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman argamaniiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Jeeyinooti adeemsi jireenya isaanii soomaniin xumuruu kun of ajjeesuuu ykn yaalii of ajjeesuu wajjin wal bira qabamee ilaalamuu hin qabu jechuun falmu.

Yunivarsiitii Koloraado- Deenveer'tti gargaaraa piroofeesaraa fi ogeessi amantii Jaayinii kan ta'an Isteev M. Vooz BBC'tti akka himanitti, ''Saaleekhaanaan gargaarsaan of ajjeesuu irraa kan adda ta'e, ogeessa fayyaa malee gargaarsa malee waan ta'eef, waan nama ajjeesu fudhachuu ykn lilmoodhaan naqachuu kan hin qabnedha,'' jechuun BBC'tti himaniiru.

Akka Prof. Vooz jedhaniitti, gochaan kun jalqaba Jaarraa 6ffaa irraa eegalee kan jalqabe ta'uufii, "qaama gadhiisuu" ykn "qaamni ofiisaatiin akka gogu hayyamuudha" jechuun ibsan.

Jireenya kabajuu

Maatii manguddoo soomaan du'a eeggataa jirtu marsanii jiran

Madda suuraa, Pranay Modi

Ibsa waa'ee suuraa, Maatii manguddoo soomaan du'a eeggataa jirtu marsanii jiran
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Irra deebiin dhalachuu fi fayyuutti amanuun bu'uuraalee amantichaati. Hordoftoonni amantichaa kan akka Saayaar Jeevii jiran tokko tokkos duuti dhiyaachuusaa wayita baraniitti ykn akka dhukkuba irra fayyuun hin danda'amneen qabamu wayita baraniitti soomaan du'uu filatu.

Viidiyii osoo soomarra jiranuu waraabame irratti Saayaar Deevi shaashii adii uffattee afaanshee huccuudhaan haguuggattee mul'atti.

Muudiin tibba sooma dhumaa akkoosaatti, mana jireenyaasaanii jidduugala Indiyaa Kaabiriihaamitti argamuutti namoonni baayyee waliitti qabamuun qophiin qophaa'ee sirni yoo gaggeeffamu argeera.

''Bakkichatti waan duutii dhiyaate hin fakkaatu ture. Miseensoonni maatii, firoonni, hiriyoonni, ollaa fi keessummoonni baayyee dhufanii eebbashee fudhataniiru.''

Guyyoota dhumaa keessattilleen, Deevii kadhata daqiiqaa 48 fudhate gochuuf jilbishee hin dadhabne ture.

''Erga qoricha dhaabdeen booda baayyee dhukkuubsattee akka turte nan aman. Haata'u malee omaa hin balaaleeffanne. Si'oomtuu fi nagaa fakkaatti turte'' jedha Moodiin.

Ijoolleen Deevii, ijoollee akkooshee fi akaakilee ishee lubbuun ishee keessaa bahaa akka ture hubataniiru.

Moodiin ''Haala akkasiitiin du'uu dhugaa bahuun anaaf baayyee cimaa ture. haata'u malee bakka caalaatti akka rgamtu nan beeka. Murtee ishees nan kabajaaf,'' jedheera.

Carraaqii dhumaa

Reeffi namoota saanthaaraan du'anii teessumaan gubama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Reeffi namoota saanthaaraan du'anii teessumaan gubama

Saantaaraan yeroo hunda akka irribaa nagaadhaan boqachuu qabaachuu dhiisuu mala.

Pirofeessar Miikii Cheek kan qorannoo diigrii doktarummaashee hojjattee du'a fedhiin raawwatamu kanarratti. Kanaanis sooma dhumaa hedduu agartee jirti.

Yunivarsitii Wiiskoonsiin- Maadiisaniitti pirofesarii ittaantuu qorannoo amantaa Jeeyiin kan taatee Cheez, ''namni tokko kaansariidhaan qabamuu fi akka hin fayyine erga hubateen booda saanthaaraa (sooma egallullee) lubbuunsaa bahuu diddee akka rakkatee ture, maatiinis murtee sana deeggaranillee yoo dhiphatu ilaaluuf rakkaatanii turan'' jetti.

Taatee gara biraatiin ammoo Cheez, dubartiin kaansariin qabamteefi akka hin fayyinee hubattee tokko erga sooma eegalteen booda baayyee tasgabbooftee akkuma hiribaatti yoo mugdee achumaan boqattuu argeera jetti.

''Haatiwwarraa ilmashee ishees jajabeessuu fi murtee ishee deeggaruun akka itti gaafatamummaa maatii ta'eetti akka itti dhagahamu natti himaniiru. Kanaaf, yeroo ishee sooma keessa jirtuutti faaruu amantichaatu faarfama ture.''

''Namni kamuu beelaan yoo du'u ilaaluun gonkumaa nama hin gammachiisu jetti Piroofeessarri kun. Kanaafuu sa'aatiiwwan dhumaa kan baayyee nama gaddisiisan ta'u danda'u. Namtichi gara dhumaatti qaamnisaa of oolchuudhaaf jecha nyaataa fi bishaan gaafachu danda'a. Haata'u malee nyaanniifi bishaan hin kennamuuf. Kunis yeroo baayyee yeroo duuti itti dhiyaate akka ta'etti beekama'' jedhu.

Soomiin Saantaaraa fedhiidhaan raawwatamu kunis yeroo baayyee kan raawwatan dubartoota jette Pirofesar Vooz.

Kunis sababii dubartoonni amantaa isaaniitti cimoo ta'aniif akkasumas dhiiroota caalaa waggaa dheeraa sababii jiraataniif akka ta'e kaafti.

Pirofesar Cheez akka jettuutti, hawaasichi soomaan du'uu filachuun akka ''milkaa'ina amantaa dinqii ta'eetti'' ilaalama.

Buu'uura falaasama Amantichaa

Sooman du'uun qaamaa fi lubbuun of qulqulleessuu fi jireenya hafuuraa fooyya'aa ta'e dhaloota itti aanuuf kaa'uu akka ta'etti amanama.

Madda suuraa, Kamal Jain

Shiiri Piraakaash Chaand Maahaaraaj Jii kan (1929tti dhalate), monoksota Jaayiin warra olaanoo garee Svetaambaaraa keessaa tokkodha. Isaanis kanneen uffata adii uffatan jechuudha.

Bara 1945tti gara jireenya monoksummaa kan seenan yoo ta'u, abbaansaa fi obboleessi isaa quxisuunis monoksota waan ta'aniif soomii fedhii fudhachuun du'an.

"Abbaakoo fi obboleessakoo arguun na hin dhiphisine. Guutummaatti eenyummaa koorraa addaan ba'eera. Warra akka hin qabneetti natti hin dhaga'amne yookaan jireenyakoo keessatti duwwaan akkan ta'eetti natti hin dhaga'amne."

Maanguddoon ganna 95 kun kaaba Indiyaa magaalaa Gohaanaa keessatti mana qulqullummaa keessa jiraatu. Bilbilas ta'e laaptopiitti hin fayyadamu, karaa duuka bu'aa isaa Ashiish Jaayinitiin BBC waliin dubbatee ture.

"Yaad-rimeen, falaasama, hafuuraa fi amantii koo du'a bareedaa akka xumura guutuu jireenya kanaa fi jalqaba gaarii ittaanuuti jedhu irratti hundaa'a," jechuun BBC'tti hime.

Monokseen kunis saanthaaraan ykn soomni fedhiin du'uu kunis sadarkaa hedduu kan of keessaa qabu ta'u kaasu. Innis akka tasa ykn kan ariifachiisaa ta'uu danda'a jedhu.

Namni tokko maatii irraa hayyamaa fi barsiisota hafuuraa kan akka Maahaaraaj Ji irraa qajeelfama argachuutu barbaachisa.

Sadarkaan jalqabaa soomaatiin cubbuu fi hojii badaa kee isa darbe hunda yaadachuu fi fudhachuudha. Sanaan booda ammoo badii hundaaf dhiifama gaafachuu qaba.

"Soomuudhaan du'uudhaaf qophaa'uuf namni tokko dhaloota itti aanu keessatti jireenya hafuuraa fooyya'aa ta'eef qaamaa fi lubbuusaa qulqulleessuu jechuudha jedha Maahaaraaj Ji

Rakkoo seeraa

Bara 2015tti Manni Murtii Olaanaa kaaba Lixa Indiyaa, kan kutaa Raajastaan ​​gocha kana dhorkee ture, boodarra garuu murtiin kun Mana Murtii Olaanaatiin akka turu taasifame.

Hojjetaan mootummaa duraanii D. R Mehtaa falmitoota duudhaa soomaan du'uu kana kunuunsuu barbaadan keessaa tokkodha.

"Hordoftoonni kana akka bifa du'aa isa gaarii ta'etti ilaalu. Du'a dammaqinaan, nagaa fi kabajaan fudhachuudha. Qulqulleessuun hafuuraa fi nagaa bara baraa kaka'umsa ijoodha," jedhu Mehtaan, itti aanaa itti gaafatamaa Baankii Jidduugala Indiyaa fi dura taa'aa qaama to'annoo gabaa aksiyoonaa qabatanii kan turan.

Bara 2016tti erga shamarree ganna 13 Heyderaabaad irraa haala kanaatiin duuteen booda mormiin gocha kanaa deebi'ee ka'ee ture.

Dubarri sunis erga guyyoota 68'f nyaataa fi bishaan malee soomaan turte booda kan duute yoo ta'u, namoonni bara dhihoo keessa sooma kanaan du'an hundi maanguddootadha.

Barreeffamoonni durii waa'ee saanthaaraa muraasni gamoo mana qulqullummaa kana keessatti Kaarnaataakaa keessatti argamuu danda'u

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Barreeffamoonni durii waa'ee saanthaaraa muraasni gamoo mana qulqullummaa kana keessatti Kaarnaataakaa keessatti argamuu danda'u

Maahaaraaj Ji adeemsan Saanlekhaanaa bara 2016 keessaa jalqaban. Kunis haal duree saanthaara ykn sooma du'aatiin dura jiruudha.

Jalqabaratti soorata isaa gosa 10 qofatti daangeessee ture. Amma lubbuun kan jiru nyaataa gosa lamaa qofaatiin. Kunis bishaaniifi qoricha qofaadha. Ta'us baayyee si'omaa ta'uun mul'ateera.

''Dhukkubsatee ykn dadhabaa ta'e hin mul'anne. Yeroo hundaa gamadaadha. Baayyee hin haasa'u'' jedha duka bu'aansaa Ashiish Jaayin.

"Maahaaraaj Jii haalli jireenyasaa of qusataa fi jireenyi afuuraasaa akka isa gargaare amana.

''Sammuufi keessoon kiyya baayyee gamadaadha. Haala gammachu qabu keessan jira'' jedhe.