Namichi sammuu isaa keessa chippii sammuu dubbisu galfate maal hima?

Nolaand Arbaag
Ibsa waa'ee suuraa, Nolaand Arbaag

Sammuu keessan keessatti chippii yaada keessan gara ajaja kompiitaraatti hiikuu danda'u qabaachuun asoosama saayinsii fakkaachuu danda'a, garuu Nolaand Arbaagiif dhugaadha.

Nolaand Arbaag sammuusaa keessatti chiippii sammuu namaa dubbisu galfate. Chiippiin kunis kan ajajwwan sammuun namaa dabarsu kan gara kompitaraatti dabarsuudha,

Dargaggeessi umuriin waggaa 30 Nolaand Arbaag erga sababii balaatiin qaamnisaa waggaa saddeetiif ajajamuuf dideen booda ture kan sammuusaa keessa chiippii galfate.

Dhaabbanni Elon Maask 'Neuralink' namni sammuu keessa chiippii galcheef kan jalqabaa ta'era Noorlaand.

Haata'u malee chiippii akkasii isa jalqabaa miti, dhaabbileen biroo muraasnillee chiippii oomshuudhaan namootaaf galchan jiru.

Garuu kan Nolaand sababa hundeessaa dhaabbata 'Neuralink' Elon Maaskiitiin wal qabatee xiyyeeffannaa addaa argachuunsaa waan hin oolledha.

Garuu Noolaand'f dhimmi barbaachisaan Maaskii osoo hin taane, saayinsii isaatii jedha.

Wayita chiippiichi sammuu keessa galfamuuf dhiibbaa isa waliin dhufuu malu isa mudachu akka danda'u eegee akka ture dubbata.

Wanti inni raawwate balaas qabaachu akka danda'u kan beeku ta'u BBCtti hime. Haata'u malee "gaariis ta'ee hamaa, waanuma fedhe haata'u, saayinsiicha gargaaraa jira." jedheera.

"Yoo wanti hundi milkaa'e, sana booda hirmaataa 'Neuralink' ta'uuf gargaaruu nan danda'a," jedhe.

"Yoo wanti hamaan tokko mudate ammoo dhaabbatichi akka irraa baratan nan beeka ture."

'Of to'achuufi icciitiin hin turre'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Nooraald kan jiraataa Arizoonaa ta'e balaa konkolaataa bara 2016tti mudateen saggoo gadiin laamsha'ee ture.

Miidhaan isaa baayyee cimaa waan tureef, deebi'ee barachuu, hojjechuu ykn tapha illee taphachuu dhiisuu akka danda'u sodaatee ture.

"Yoo of to'achuu hin dandeenye, iccitii hin qabnnee, baayyee ulfaataadha," jedhe.

"Wanta hundaaf namoota biroo irratti hirkachuu akka qabdu barachuu qabda."

Chippiin 'Neuralink' kunis sammuusaatiin kopitara akka to'atu isa dandeessisuudhaan, walabummaa isaa duraanii keessaa harka muraasa deebiseefiira.

Innis waan interfeesii kompiitara sammuu (brain computer interface (BCI)) jedhamuun beekamudha.

''Kunis kan hojjetu elektirikii xixiqqoo yeroo ilmaan namootaa socho'uuf yaadan uumaman adda baasuudhaan, kanas gara ajaja dijitaalaatti jijjiiruun, akka karsariitti iskiriinii irratti sochoosa.

Kunis dhimma walxaxaa saayintistoonni waggoota hedduudhaaf irratti hojjechaa turanidha.

Dhaabbanni Elon Maaskis dhaabbilee damee kana keessatti hirmaatan keessaa tokkoodha.

Nolaand erga chiippiin kun sammuu saa keessa awwaalameefii booda mata duree ijoo ta'e.

Kanaans dhaabbanni 'Neuralink' invastimantii hedduu akka hawwatu gargaareera. Akkasumas nageenyaafi barbaachisummaa adeemsa yeroo baayyee kan fudhatu ta'e irratti qeequumsa keessummeesseera.

Yeroo Nolaand chiippicha sammuu keessa galfamuufiin labsame, ogeeyyiin ''milkii guddaadha'' jechuun jajaniiru.

Keessumaa gahumsa Maask ''dhaabbata isaaf beekamtii uumuu'' irratti qabu yoo ilaalame, akkasumas dhugaatti madaaluuf yeroo akka fudhatu akeekkachiisaniiru.

Maask yeroo sanatti dhimma chiippii ummata duratti beekkamtii argamsiisuuf kanaa ilaalchisuun miidiyaa hawaasaa irratti of eeggannoon kan barreessee ture yoo ta'u, salphaatti "Bu'aan yaalii marsaa jalqabaatiin bu'aa abdachiisaa ta'e argameera. Ittaansee kan ta'u hawwidhaan eegna,'' jechuun barreesse.

Noolaand akka jedhetti, dhugaa jiru yoo ilaalle, biliyeenarri kun, kan wallaansa baqaqsanii hodhuu duraa fi booda dubbate abdii guddaa qaba.

"Innis akkuma koo jalqabarratti kan gammade ture jedheen yaada," jedhe.

Kanas ta'e sana, 'Neuralink' waa'ee abbaa qabeenyaa isaatii ol akka ta'e cimsee dubbata, akkasumas akka "meeshaa Elon Maaskii akka ta'eetti" akka hin ilaalle hima.

Keessumaayyuu gahee falmisiisaa ta'aa dhufe kan Maaski mootummaa Ameerikaa keessatti qabu yoo ilaalle, addunyaan hafe akkasitti ilaaluuyoo ta'e, kan turee ilaalamu ta'a.

Haata'u malee, dhiibbaan meeshaan kun jireenya Noolaandii irratti qabu gaaffii keessa hin galu.

'Waan ta'u hin dandeenyee garuu kan ta'e'

Nooraald Arbaag
Ibsa waa'ee suuraa, Haadha Nolaand (bitaa), abbaa fi intalli adaadaa isaa wallaansa baqaqsanii hodhuutiin booda hospitaala keessatti isa waliin

Nolaand amma erga chiippiin sun sammuusaa keessa awaalameefii booda ergaan sammuunsaa dabarsu kompitara irratti argamu danda'eera.

Qubni isaa akka socha'uuf sammuunsaa akka ajaju taasiseera. Chiippiin sunis ergaa fudhatee gara kompitaraatti dabarseera.

"Dhugaa dubbachuuf maal akkan eegu hin beeku ture, akka malee akka asoosama wayii fakkaata ture," jedhe.

Garuu narviinsaa yoo socho'u iskiriinii irratti akka olka'ee fi hojjattoota dhaabbata 'Neuralink' gammachuudhaan gutamaniin marfamee yoo argu, yaada isaa qofaan kompiitara isaa to'achuu akka danda'u "waan hin yaadamane ture" jedhe.

Booda garuu adeemsa keessa dandeettiin isaa chiippicha fayyadamuu cimaa adeemuun amma hanga cheezii fi tapha viidiyoo taphachuu danda'utti guddateera.

"Tapha taphachaa guddadhe," jedhe, yeroo qaama miidhamummaa tureetti kana gochuu dadhabuusaatti "gaddaa'' akka ture ibseera.

"Amma taphaan hiriyyoota koo injifataan jira, kunis dhugaatti waan ta'uu hin hin dandeenyee ture garuu ni danda'ame."

'Daldala olaanaa'

Haata'u malee chiippiin sammusaa keessa awwaalame kunis, ergaa sammuunsaa dabarsu qofaa osoo hin taane kan yaadu hunda qorattootaaf isa taasisuunsaa bilisummaasaa kan sarbu ta'u kaaseera.

Oggeessi sammuu pirofesar Aniil Seet ''rakkoo inni guddaan dhimma nageenyaati'' jedhu.

''Waan raawwannuu fi yaadnu eenyumtu beekuu danda'a. Kanaanis icciitii keenya balaarra buusa'' jedhan itti dabaluudhaan.

Nolaand chiippiichatti fayyadamuudhaan wiilchariisaa to'achu barbaada.

Teknolojiin kun rakkoo omaa hin qabu jechuu miti. Yeroo ta'etti Nolaand kompitaricha to'achuun dadhabee ture. Erga oggeessoonni Niiwraaliink sirreeffama taasisaniif booda gara tajaajila isa duraatti deebii'eera.

Dhaabbanni 'Synchron' jedhamus chiippii irratti qorannoo gaggeessa. Sammuu keessatti yaalii baqaqsanii wallaanuu gaggeessuurra, hidha dhiigaa keessa chiippii galchu irratti xiyyeeffachuun hojjataaa jira.

Teknolojiin dhaabbatichaatti ittigaafatamaa kan ta'an Riikii Baanrijii, ''waan namni tokko umuu barbaadu dubbisuudhaan chiippichii gara gochaatti jijjira'' jedhu.

Ammattis namoonni kudhan teknolojii kanatti fayyadamaa jiru.

Fayyadamtoota teeknolojichaa keessaa tokko BBCtti akka himeetti, yaadaan Niiw Zilaand doowwachu danda'eera.

''Teknolojiin kun gara fuulduraatti eessa gahuu akka danda'u natti mul'ata. Namoota qaamsaanii ajajuun hin dandeenyeef teeknolojii jireenysaanii jijjiruudha'' jedhan.