'Chiippiin' sammuu namaa keessatti suuqamu maali? Kaayyoo akkamiif oola?

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Dhaabbanni abbaa qabeenya biiliyanara addunyaa kanaa, kan Iloon Maask, Niwuraaliink sammuu namaa keessa meeshaa 'chiippi' jedhamu suuquu tibbana ibsee ture.
Sammuun namaa keessa 'chiippi' suuquun kan barbaachise sammuu namaa funyoo malee kompiitara waliin akka walitti hidhatu gochuufiidha jedhe.
Chiippiin kun meeshaalee elektirooniikii odeeffannoo dabarsan tiraanzitaris jedhaman waliin akka walitti hidhatan taasifama.
Dhaabbanni Niwurooliink chiippii kana dhukkubsataa irratti yaalii jalqabaa taasiseen, abdii kan kennu tahuu hime. ''Niwurooniiwwan sammuu deebii kan kenna yoo tahu, dhukkubsataanis bayyanachaa jira,'' jedhe.
Akka dhaabbatichi jedhutti, meeshaan amma sammuu keessa kaa'ame kun funyoon osoo hin barbaachifme baatiriinsaa chaarjeffamuu danda'a. Kanaanis dambalii smmuu keessaa galmeessuun akkatti namni sun socho'uu barbaade hiika kennuun gara appiitti dabarsa.
Ogeessonnis adeemsi kun rakkoo sammuu wal-xaxaa tahe hiikuudhaaf gargaara jedhu.
Iloon Maask dhimma kana irratti hojjechuuf Caamsaa darbe To'annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa irraa eeyyama argate.
Landan Kiingis Koolejitti barsiistuu kan tahan Aan Vaanhootisbarg, dhaabbileen gara biroos akkasuma sammu namaa keessatti chiippii kaa'uu yaaluu himuun, bu'aa qabeessummaan teekinolojii kanaa yeroo dheeraa keessatti waan ilaalamuu qabudha jedhan.
Kanaan dura dhaabbanni Siwiizarlaand nama miillisaa naafate tokkoof sammuu isaa keessa chiippii awwaaluun namni kun tarkaanfachuuf yaaduu danda'auusaan adeemuu danda'eera jedheera.
Namni ganna 40 Gireet Jaan balaa bishkiliitiin adeemuu dadhabe kun sammuufi dugugguruu dugdsaa keessatti chiippii kaa'ameen fedhiin socho'uusaa sammuu isaarraa gara miilasaatti ergamee deemuu danda'eera.

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Siwiizarlaanditti Pooliteeknikii Ikool keessattii qorannoo taasifame kan hogganan Piroofesar Bilooch bu'aan qorannoo isaanii ajaa'iba tahuu himuun kanneen miillisaanii rakkoon mudateef garuu akka furmaataatti dhiyeessuun garuu yeroo dheeraa kan fudhatu tahuu himan.
Niwuraaliink yaalii wal-fakkaata akkasii gochuu ibsullee odeeffannoo bal'aa tahe garuu hin kennine.
Dhaabbatichi kanaan dura yaalii bineensota irratti taasiseen komiin irratti dhiyaachaa ture.
Niwuraaliink, yaalii miilana roobootii fayyadamuun fo'aa hamma rifeensaa qal'atu 64 kutaa sammuu ''fedhii sochii'' to'atu keessa kaa'uun jalqabbii gaarii dha jedheera.
Akka dhaabbatichi jedhutti fo'aan amma sammuu keessa kaa'ame funyoo otoo hin qabsiifamiin baatiriinsaa chaarjeffamuu danda'a- kunis dambalii smmuu keessaa galmeessuun akkatti namni sun socho'uu barbaade hiika kennuun gara appiitti dabarsa.
Iloon yaada X irratti maxxanseen hojiin Niwurooliink jalqabaa Teeleeppaatii jedhamaa jedhe.
Teelepaatiinis, ''bilbilaafi kompiitara kee yaaduu dhaan qofa to'achuu si dandeessisa, isaan immoo waan barbaadde biraa to'attaa,'' jedhe.
''Namoonni jalqaba teekinolojii kana fayyadaman namoota miila isaanii dhabanidha,'' jedhe.
Chiippiin kun hangam amansiisaadha?
Ogeessonni kana deebisuun kan danda'amu karaa sadiin jedhu. Kunis miidhaa yeroo gabaaba fi yeroo dheeraa keessa dhufuu maluufi dhimma naamuusaati jedhu.
Gaazexeessituun teekinolojii BBC, Shoon Maakikaalam, ''wal'aansi baqaqasani wal'aanuu sammuu yoomiyyuu balaa fidee dhufuu mala,'' jetti.
Kanaan dura bineensonni teeknolojiin kun irratti yaalame 1000 lubbuun isaanii darbeera.
Tahus yeroo keessa qorannoo waggoota fudhateen booda dhaabbanni To'annoo Nyaataa fi Qorichaa Ameerikaa yaaliin kuni dhala namaa irratti akka taasifamu eeyyamuun miidhaan fiduu danda'u gad-aanaa tahuusaa agarsiisa.
Hamma yoonaa ifatti beekuun rakkisaa kan tahe chiippii sammuu keessatti awwalamu kana yeroo dheeraa keessa miidhaa fiduu danda'udha.
Hamma ammaatti chiippiin kuni sammuu keessatti yoo kaa'ame miidhaan yeroo dheeraa keessatti fiduu danda'u jiraachuusaaf odeeffannoon hin jiru.
Gaaffiiwwan dhimma uumamaafi naamuusaan wal-qabatee ka'aniif garuu akka hubannoo namootaatti ejjennoon kan irratti fudhatamudha.
Dhimma teeknolojii kana guddisuun wal-qabatee qabiinsa odeeffannoo, teeknoloojiin kuni akkamiin hojiirra oolaafi sammuu namaa isa uumamaan ala oolaansuu mala dhimmooti jedhan falmii kaasuu malu jetti Shoon.
Chiippii sammuu namaa keessatti awwaluu kana fayyaaf bu'aanni qabu eeruun kanneen dinqisiifatan akkauma jiran sababoota baayyee eeruun kanneen shakkiin ilaalanis baayyeedha.
Tahus milkaa'inaafi miidhaan qaqqabsiisuu danda'u kana booda yeroo keessa kan ilaalamuufi qoratamu tahuusaan deeggarsis tahee mormiin isa mudatu odeeffannoo kana irratti murtaa'a.












