Dhaabbanni Iloon Maask meeshaa 'sochii to'atu' sammuu keessa awwaalamu yeroo jalqabaaf ifoomse

Niwuraaliink chippii

Madda suuraa, Getty images

Biliyanarichi Iloon Maask dhaabbannisaa Niwuraaliink chippii funyoo hin qabne yeroo jalqabaaf milkaa'inaan sammuu namaa keessatti awwaaluu beeksise.

Bu'aa yeroo jalqabaaf mul'ateen niwurooniiwwan sammuu deebii kan kenna yoo tahu dhukkubsataanis bayyanachaa jira jedhe.

Kaayyoon dhaabbatichaa sammuu namaa kompiitara waliin walitti qabsiisuun dhukkuboota sammuu wal-xaxaa tahan furuu irratti gargaaruu dha.

Dhaaboti dorgomtoonni biroon meeshaa wal-fakkaataa sammuu keessa awwaaluun yaalii wal-fakkaataa taasisan jiru.

Iloon Maask dhimma kana irratti hojjechuuf Caamsaa darbe Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa irraa eeyyama argate.

Niwurooliink, kuni qorannoo waggaa ja'aa roobootii fayyadamuun fo'aa hamma rifeensaa qal'atu 64 kutaa sammuu ''fedhii sochii'' to'atu keessa kaa'uuf jalqabbii gaarii dha jedhan.

Akka dhaabbatichi jedhutti fo'aan amma sammuu keessa kaa'ame funyoo otoo hin qabsiifamiin baatiriinsaa chaarjeffamuu danda'a- kunis dambalii smmuu keessaa galmeessuun akkatti namni sun socho'uu barbaade hiika kennuun gara appiitti dabarsa.

Iloon yaada X irratti maxxanseen hojiin Niwurooliink jalqabaa Teeleepaatii jedhamaa jedhe.

Teelepaatiinis, ''bilbilaafi kompiitara kee yaaduu dhaan qofa to'achuu si dandeessisa, isaan immoo waan barbaadde biraa to'attaa,'' jedhe.

''Namoonni jalqaba teekinolojii kana fayyadaman namoota miila isaanii dhaabani dha,'' jedhe.

Iloon maqaa dhaabbatasaa ol haa kaasuyyu malee isa dura dhaabonni kanneen akka Blackrock Neurotech jedhaman sammuu fi kompiitara bara 2004tti ture kan wal-quunnamsiise.

Meeshaaleen amma hojiirra jiran bu'aa argamsiisaa jiru. Qorannoo Ameerikaatti dhihootti taasifameen meeshaaleen sammuu keessatti awwaalaman yeroo namni dubbatu sochii sammuu keessa jiru hordofuun, namoota rakkoo haasaa qaban gargaara.