'Abbaa qabeenya Twitter ta’uun mataa dhukkubbiidha'- Iloon Mask

Madda suuraa, Getty Images
Abbaa qabeenyaa ta’anii Twitter hogganuun “mataa dhukkubbii fi bu’aa ba’iidha” jechuun ture Ilaan Mask turtii BBC waliin tasiseen haala cimina ittigaafatamummaa isaa kan ibse.
Daldalaan miiliyeenara kun, yoo namni sirri argame dhaabbaticha akka gurguru himeera.
Dhaabbata oomisha konkolaataa Tesla fi rokkeetti hawaa SpaceX kan hogganu Ilaan, Onkololeessa keessa miidiyaa hawaasummaa Twitter doolaara biiliyoona 44’n bite.
Ta’us dhaabbaticha bituuf kan murteesse sababa manni murtii akka bittaa kana gaggeessuuf isa dirqisiiseef ta’uu amaneera.
Turtii BBC waliin taasise kana irratti akkaataa inni ittiin dhaabbaticha hogganu – kan komii adda addaa kaasaa ture – irratti falmeera.
Twitter bituu isaan gaabbii qabaa gaaffi jedhuuf, addunyaa irratti dureessa lammaffaa kan ta’e Iloon “mataa dhukkubiin isaa garmalee guddaa ture, kun wanta lellifamu hin turre,” jedheera.
Hoggansi isaa hanga ammaatti “kan namatti hin tolle hin turre, bu‘aa fi ba’iii qaba ture,” jedheera.
Dabaluunis “ji’oota muraasa darbaniif haala baayyee dhiphisaa ture,” jechun garuu, dhabbaticha bituun isaa murtee akka ta’etti akka itti dhaga’amu ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Fayyadamni miidiyaa kanaa dabaleera akkasumas “marsariiticha hojjechaa jira” jechuun Ilaan haalli jiru “gaaridha kan jedhamudha” jechuun BBC’tti himeera.
Sababa baayyina hojii jiruun “takka takka waajjira keessa rafa,” jedheera.
Dabaluunis waa’ee barreffama Twitter irratti inni maxxansu fi kan takka takka falmii kaasan irratti, “sababa wantan Twitter irratti barreessuun yeroo hedduu of miidheera? Eeyye,” jedheera.
“Tarii halkan sa’aatii 9 booda Twitter irratti barreessuu hin qabu jedheen yaada,” jedheera.
Jalqaba torban kanaatti fuulli BBC Twitter gubbaa jiru “miidiyaa mootummaa” jedhamuun ibsamuu isaan walqabtee BBC’n dhaabbaticha erga qunnamee booda “hatattamaan akka sirreeffamu,” Twittter ibsee ture.”
BBC’n ibsa baaseen “BBC’n miidiyaa walabaadha. Maallaqni keenyas gama gatii eeyyamaan uummata Biriitish irraa kan dhufudha,” jedheera.
Iloon Mask ibsa fuula BBC Twitter irra jiru gara “miidiyaa maallaqa uummataan hojjettu” kan jedhutti deebisanii sirreessaa jiraachuu ibseera.
Dhimma diinagdee Twitter irratti Iloon Maask, dhaabbatichi amma qamooleen beeksisaaf itti fayyadaman hedduun waan deebi’aniif “hanga tokko baasii fi galii isaa madaalaa jira,” jedheera.
Dabaluunis hojjetoota yeroo inni dhaabbaticha bittetti 8,000 turan irraa gara 1,500’tti gadi hir’isuun hojii salphaa hin turre jedheera.
“Namoota hamma kanaa waliin fuulaa fuulatti haasa’uun hin danda’amu,” jechuun ofii isaan fuulaa fulatti eenyuniyyu akka hojiirra hin ariine amaneera.
Erga Iloon dhaabbicha bitee booda injiinaronni Twitter hedduun hojiirraa ari’amuun isaanii, tasgabbii hojii marsariitii kanaa irratti yaaddoo uumeera.
Addaan cituuu dabalatee rakkoon garaagaraa Twitter akka mudaachaa turan amanuun, ta’us yeroo dheeraaf adda cite akka hin turree fi amma marsariitichi sirnaan hojjechaa akka jiru himeera.
Qabxilee ijoo shan
Twitter bituu irratti: "Kan namatti hin tolle hin turre. Bu’aa ba’ii ture… haala baayyee dhippisaa ture”
Hojjetoota ari’uu irratti: “Kun namootaaf dhimmuu dhabuudha hin jedhu… Yoo dhaabatichi guutummaatti kufe, eenyuyyu hojii hin qabaatu.”
Bu’aa irratti: “Bu’aa qabeessaa ta’uu dandeenya, ykn sirritti kaa’uuf, yoo jalqaba kanaatti haalli gaarii ta’an galiin jiraachuu danda’a. Kanneen beeksisaaf fayyadaman harki caalaan deebi’aniiru ykn ni deebina jedhaniiru jedheen yaada.”
Barreeffamoota isaa falmii kaasan irratti: Sababa wantan Twitter irratti barreessuun yeroo hedduu of miidheera? Eeyye”
BBC’n “miidiyaa mootummaarra maallaqa argatudha” jechuu irratti: “Ibsa fuula BBC kan uummatarraa maallaqa argatudha kan jedhutti geeddaraa jirra… jechoota BBC’n ittiin of ibsuuf fayyadamu yoo nutis fayyadamne, yoos waan sirri ta’uu mala.”
Gaaffii fi deebii – kallattiin tajajila Twitter Spaces irratti kallattiin darbaa ture – kana irratti, Iloon Mask wa’ee haasaa jibbaa fi odeeffannoo sobaa marsariitii kanarra jiranii gaafatameera.
Erga inni Twitter biteeti, odeeffannoon sobaa hir’iseera jechuun yaalii inni bot – akkawuntii sobaa- jiran balleessuuf taasisaa jiru, oduu soba hir’isa jedheera.
Ta’us garuu oggeessotni walabaa hedduun kana ni mormu. Qorannoon tokko – kan biroon hedduunis- akka ibsutti fuuloota Twitter odeeffanno sobaa tamsaasuun beekkamtii qaban irratti xiyyeeffanoon jiru kan guddaa dabale erga Iloon miidiyaa kana biteedha jedhaniiru.
Irra daddeebiin gaazexeessitoonni madda dhugaa jedhamuuf danda’uu kan jedhu irratti gaaffii kaasuun, caalatti “namoota hojii kanaan ala” irratti amantaa akka qabu dubbateera.
Mallattoo cuquliisa kana dura kaffaltii malee beekkamtii kanneen argataniif kennaman irratti, dhuma torban kanaatti fuulota irraa akka kaafaman Iloon Mask ibseera.
Hogganaan duraanii Twitter Biruus Deeyislii – kan waggoota saddeetiin hojii dhaabatichaa Awurooppaa, Gidduu Galeessa Bahaa fi Afrikaa hogganaa turan – gaaffii fi deebiin kun “ jireenya addaa biiliyenaraa irratti hubannoo hanga tokkoo kan kennudha,” jedhaniiru.
Qabeenyi dhuunfaa Iloon Mask, doolaara biiliyoona 190 akka ta’etti kan tilmaamu yoo ta’u, kunis akka galmee biliyenaroota Forbes irratti dureessa addunyaa lammaffaa isa taasiseera.












