Tiwiitara dolaara bil. 44n kan bite dureessi addunyaa Elon Mask eenyu?

Madda suuraa, AFP
Dureessi addunyaa kanaa Elon Mask doolaara Ameerikaa biiliyoona 44n miidiyaa hawaasummaa guddicha- Tiwiitarii bitee dhuunfachuu abbootiin qabeenyaa jaarmiyichaa fi miidiyaaleen gabaasan.
Akkuma miidiyaa hawaasummaa kana harka galfateen, ''Simbirroon bilisa baate'' jechuun irratti barreesse, waliigalteen xumuramuus akeeke.
Elon Mask erga tiwiitarii bitee booda hoogganaa miidiyaa hawaasummaa kanaa dabalatee qondaaltota olaanoo hedduu ari'e.
Tiwiitariin hanga ammaa gara Elan Mask dabarfamuu ofiisaatii hin mirkaneessine, abbootiin qabeenyaa jaarmiyaa kana keessa turan garuu BBCf mirkaneessaniiru.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
''Yaada bilisaan ibsachuun gita kan hin qabne'' akkasumas waan isatti fakkaate hunda raawwachuun addunyaarratti falmisiisaa kan ta'e Elan Mask, akkaataa Tiwiitariin itti to'atamuu fi ittiin bulu akkaan qeeqaa ture, amma jaarmiyaa kana bituunsaa wayita dhagahamu miira walmakaatu fayyadamtootaa fi hojjettoota biraa dhagahamaa jira.
Elon Mask miidiyaa hawaasummaa kana dhala namaa gargaaruufi ''qaroominni addabaabayii dijiitaalaa addunyaa walootti akka ba'u'' gochuuf akka bite dubbate.
Hundeessaan kubbaaniyyaa Tesla kun dhiheenya kana haasaa taasiseen, tiwiitariin ''qabeenya yeroo dheeraaf akkasumaan laamsha'ee ture, garuu dandeettii ajaa'ibaa qaba, ofii kootii fi invastaroonni kaan yeroo ammaa tiwiitariif garmalee kaffalaa jirra," jedhe.
Elon Mask eenyu?
Erga waggoota kurnan lamaa oliin dura dirree teeknooloojii- Silicon Valley irratti ba'ee, dureessi umrii ganna 50 kun, sochii daldalaa isaatiin qalbii dhala namaa booji'eera. Afrikaa Kibbaatti kan dhalate Aab Mask, dandeettii hojii gara abbaa qabeenyummaatti isa geessu saffisaan mul'isaa ture.
Obboleessa isaa waliin mana nmaootaarra deemuun hanqaaquu Faasikaa fi chokoleetii mana keessatti hojjetame gurguraa turan, umurii isaa waggaa 12tti tapha kompiitaraa jalqabaa hojjete. Ijoollummaa isaa haala akkaan rakkisaa ta'e keessatti dabarsuu, wal hiikuu maatii isaa, mana barumsaatti doorsifamaa turuu fi sababa dhukkuba Asperger jedhamuun miiraa hawaasaa dubbisuufi hubachuuf rakkachuu fi rakkoowwan hedduuf saaxilamee akka ture ibseera.
Ijoollummaasaatti biyyaa ba'ee Kaanaadaa seene, achiis gara US deemuun Yunivarsiitii Pensilvaaniyaa, kolleejjii Ivy League jedhamu keessatti barnoota dinagdee fi fiiziksii barate.
Haadha warraasaa jalqabaan kolleejiitti walbaran, bara 2000 walfuudhan.
Elon Mask akkuma barnoota fiiziksii barachuuf carraa argateen, barnootasaa adda kutee kubbaaniyyaawwan teeknooloojii lama hundeesse, kunis bara 1990oota keessa wayita ''dot com'' akkaan beekametti ture.
Dhaabbati Mosaajii marsariitii fi dhaabbati baankii onlaayinii boodarra PayPal ta'e kan bara 2002tti eBaytti doolaara biiliyoona 1.5n gurgurame, kalaqa Elan Mask jalqabaa keessaa isaan ijoodha.
Mul'ata teeknooloojii hawaa keessatti hirmaachuuf qaburraa ka'uun boodarra kubbaaniyyaa rookeetii- SpaceX jedhamu hundeesseera. Kun Nasa waliin yoo walbira qabamu gatiinsaa madaalawaa ta'uu himata.
Kana qofaa osoo hin taane Kubbaaniyyaa adda durummaan hoogganu- Tesla keessatti konkolataa elektirikii hojjechuun addunyaa malaalchiseera.

Madda suuraa, Getty Images
Dhaabbileen lamaan yeroo tokko kufaatiidhaaf dhihaatanii turanis, garuu cichoominaan hojjechuun mataa olqabatanii addunyaarratti hanga beekamuutti ga'an. Gaazexeessaan Kiriis Istookel-Walker jedhamu, ''Boru waan hojjechuu barbaadu maal akka ta'u gonkumaa amaneee hin beeku,'' jedha.
''Inni nama miiraan bulchu, waan hudatti nama beeku,'' jedhe.
Barreessituun Ashlii Vance jedhamutti Elan Mask, ''nama waan hundan beeka jedhu, miiraa fi fedhiisaaf guddoo dursa kennu, garuummoo hawaasa duratti dubbachuu akka yeella'uu fi shubbisuun akka isa rakkisu,'' ibsiteetti.
Elon Mask yeroo sadi gaa'ilasaa hiikeera- dubartii tokko yeroo lama, nama badaa fi hamaa ta'uu isaa ifatti dubbata, qoricha sammuu hadoochu- Mariwaanaa gudoo akka jaallatu iftoominaan dubbata.
Qabeenyi Elon Mask hagami?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Amalli badaa fi badiiwwan inni hojjetu Elan Mask fuulduratti tarkaanfachuu fi beekamuurraa hin dhorkine.
Forbes fi Bloomberg dureessa addunyaa jechuun isa galmeessaniiru, qabeenyi inni harkaa qabu doolaara Ameerikaa biiliyoona 250.
Morkattootasaa kanneen akka hundeessaa dhaabbata Amazoon Jeff Bezos doolaara biiliyoona kurna hedduun caalee argameera.
Qabeenyisaa hedduun kubbaaniyyaa Tesla irraa argama, kubbaaniyyaa kana keessaa dhibbeentaa 17 qooddata.
Aab Mask maallaqa dijitaalaa irrattis akkaan beekamaadha, dhaabbilee xixiqqoo biroo hedduu keessaas qooda qaba, kanneen keessaa dhaabbata ujummoo hojjetu- The Boring Company fi dhaabbata teeknooloojii kompiitara- Neuralink isaan muraasa. Elon Mask yeroo baayyee uffata hojiin hojjetan uffatee argama, hojii buuzinasii kan hojjetu maallaqaaf qofa akka hin taane ibsa, dhiheenya kanammoo irra deddeebiin tiwiitarii himataa ture. "Elan dhimma tokko keessa kan seenu yoo dhimmi sun haalaan murteessaa fi faayida qabeessa ta'uu hubate qofa,'' jedha hiriyaan isaa fi invastara Tesla kan ta'e Roos Gerber.
Siyaasi Elon Mask garam jira?
Bara 2002 lammummaa Ameerikaa kanargate Aab Mask, maqaansaa gartuu siyaasaa tokkotti akka maxxanu hin barbaadu ture, ''walakkaa Dimookiraat walakkaa Rippabilikaanota", ''siyaasaan giddu galeessa fi walaba'' jedhee of waama .
Kana jechuun falmii siyaasaa irraa of qusata jechuu akka hin taanemmoo ibseera.
Siyaasa daangaa ce’ee Chaayinaa ga’e keessattis of argeera, Chaayinaan Taayiwaan keessatti ‘’Bulchiinsa Addaa hundeessuu qabdi,’’ jechuun yaada kenneera.
Waraanni yukireen akkamiin furamuu akka qaburrattis yaada kenneera, garuu gameeyyiin siyaasaa addunyaa yaadasaa kuffisaniiru.
US keessattis, dambii ittiin bulmaataa Kaalifoorniyaa fi gibira olaanaa komachuun gara Teksaasitti ce'e; qindeessitoota gamtaa waliin walitti bu’eera; akkasumas birraa bara 2020 keessa wayita addunyaan sababa koronaavaayirasii cufamte haala kana "faashistii" jechuun balaaleffate.












