Elon Maask hojjataa isaa hojiirraa hari'e dhiifama gaafate

Elon Maask

Madda suuraa, Reuters

Hoji gaggeessafi abbaa qabeenyaa dhaabbata miidiyaa hawaasaa Tiwiitaraa kan ta'e Elon Maask hojjataa isaa Tiwiitara irratti hojiirraa hari'imuufi dhiisuu gaafate hari'ee ture dhiifama gaafate.

Hojjataa dhaabbata Tiwiitaraa kan ta'e Haali Torlifsan Elon Maaskif akkas jechuun Tiwiitara irratti barreesse: "Hoji gaggeessan humna namaa kee qacaramee jiraachufi dhiisuu koo adda naaf baasuu hin dandeenye."

Kanatti aansee Elon Maask, "Hojii maalii hojjataa turte?" jechuun gaafate.

Lamaan isaanii Tiwiitara irratti erga deebii walii laataa turanii booda yoosuma "hojiirraa hari'amteetta" kan jedhu imeelin Haali Torlifsaniif ergame.

Hojjataan kun Tiwiitara irratti akkuma barreessen booda gaafa Bitootessa 7, 2023 Haalin nama "badaadha" jechuun Elon Maaskin Tiwiitara irratti barreesse. Boodarra garuu barreeffama sana ni haqe.

Baay'ee osoo hin turin sa'aatii muraasa booda garuu Elon Maask Tiwiitara irratti Haali Torlifsan dhiifama gaafate.

"Haala isaa akka hin taanetti hubachuu koof Haali dhiifaman gaaachuu barbaada. [Kanin akkasitti barreesse] waan natti himame irraa ka'eeni, garuu soba, gama tokkoon ammoo dhugaadha, garuu ammoo hiika hin qabu."

"[Dhaabbata] Tiwiitara keessatti itti fufee hojjachuu barbaada," jedhe Elon Maask.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haali Torlifsan gaafa Wiixataa Bitootessa 6, 2023 hojiirraa hari'amuufi dhiisuu isaa hoji gaggeessaa humna namaa dhaabbtichaa irraa deebii akka hin arganne BBCtti himee ture.

Hojjataan kun bara 2021tti tajaajila ejansii isaa Tiwiitaratti gurgure. Garuu yeroo sana dhaabbatichi kaffaltii meeqan akka irraa bite hin dubbanne.

Haali Torlifsan miidhama qaamaa waan qabuuf wiilchariidhan nama deemudha. Ayisland keessatti namoonni salphaatti wiilcharii akka argataniif duula gaggeessaa ture.

Dhaabbata dhuunfaa isaa Tiwiitaratti gaafa gurguru dhaabbanni Tiwiitaraa qaraxa guddaa akka kaffalutti caasaa hojjachuun qaraxni achirraa argamu mootummaa Ayislaandif akka galutti waliigaltee godhee ture jedhama.

Hiriyoonni isaa dur walii hojjatan maalif Haali Torlifsan addatti irratti xiyyeeffatamee akka balaaleffatame akka isaanif hin galle himu.

Elon Maask Haali erga dhiifama gaafateen booda Tiwiitaratti deebi'ee hojjachuu barbaada jedhee barreesse.

Osoo Elon Maask dhiifama hin gaafatin dura, Haalin waanti ture waan "haara" fi kan "nama dhiphisu" akka ta'e BBCtti himee ture.