Biyyoonni alaa lammileesaanii Sudaan keessaa baasuuf sardamaa jiru

Lammiilee alaa Sudaanii baafamaa jiran

Madda suuraa, EPA

Waraanni raayyaa ittisa Sudaanii fi humni dafee qaqqabaa Sudaan (RSF) giddutti magaalaa Kaartum to’achuuf wayita gaggeeffamaa jirutti dippiloomaatonni Kaartum keessaa baqatan dabalaa jiru.

Firaansi, Jarman, Ispeen fi Xaaliyaan biyyoota tibbana dippiloomaatota isaanii nageenyaan baafachuu beeksisan.

Namoonni nagaan lammilee biyyoota alaa ta’an garuu Sudaan keessaa bahuuf rakkachuu himataa jiru.

Lammiin Biritiish tokko BBCtti akka himeetti, imala rakkisaa ta’een gara Masriitti imaluu hima-imala kana mootummaa otoo hin taane dhaabbata Sudaan isa qacaretu qindeesse.

Bufaatni xiyyaaraa Kaartum sababii lolaatiin tajaajila kennuu hin dandeenye.

Barattoonni harka caalaan isaanii lammilee biyyoota Afrikaa, Eshiyaa fi Baha- Giddugaleessaarra ta'an Sudaan keessaa bahuuf iyyaataa jiru.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka jedhutti, namoonni 400 ol sababa waraanaa kanaan du’uufi namoonni kumaatamaan lakkaa’aman mada’aaniiru. Jaarmiyaan kun rakkkooleen namoomaa ittuu hammaachuu mala sodaa jedhu qabu.

Biyyoonni dippilomaatota fi lammileesaanii magaalaa guddoo Sudaan Kaartum keessaa baasan lakkoofsi isaani dabalaa jira.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ameerikaa fi UK’n dippiloomaatotasaanii Dilbata Sudaan keessaa baasuu beeksisan.

Firaansi, Jarman, Xaaliyaanii fi Ispeen biyyoota dippiloomatoota isaanii baasan keessatti eeramu.

Ameerikaan helikoptoroota Chinook jedhaman sadiin namoota 100 hin caalle biyyattii keessaa baasu beeksiste.

Yeroo ammaatti Imbaasiin Ameerikaa Kaartumitti argamu cufameera.

Imbaasichi toora tiwitira isaarratti akka barrreessetti, mootummaan Ameerikaa lammilee kaan baasuuf nageenyi amansiisaan akka hin jirre beeksise.

UK’n dippiloomaatota fi maatiisaanii tarkaanfii’’walxaxaafi saffisaa’’ fudhatteen Sudaan keessaa baasuu ibsite.

Ministirri Dhimma Alaa UK Jeemsi Kileverlii lammiilee UK hafan Sudaan keessaa baasuuf carraan jiru’’murtaa’aadha’’ jedhan.

Biyyoonni heddu Dilbata lammileesaanii Sudaan keessaa baafataa turan.

Waraanni Ameerikaa dippilomaatota Ameerikaafi maatiisaanii Sudaan, Kaartum keessaa baasuu isaa pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan himan.

“Akkuman ajaja dabarseen waraanni Ameerikaa oppereeshinii gaggeesseen bakka buutonni Ameerikaa Kaartum keessaa akka bahan,” jedhan Pirezedantiin Ameerikaa Baayidan.

Milkaa’ina oppereeshinii kanaaf, Itoophiyaa Jibutii, Sudaaniifi Sa’ud Arabiyaa galateeffataniiru Joo Baayidan.