Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Baqattootarratti ejjannoo cimaa kan qaban dorgomaan UK Naajaal Faaraaj eenyu?
Naajaal Faaraaj waggoottan sodomman darbaniif UK keessatti kan beekaman Gamtaa Awurooppaa fi Walta’insa qeequudhaan.
Tibba dursaa Paartii Bilisummaa UK turaniitti UK Gamtaa Awurooppaa keessaa akka baatuuf duula gaggeessanii ture. Isaan booda dursaa Paartii Brexit kan turan yoo ta’u, amma ammo dursaa Paartii Riiform UK’ti.
Muuxannoo hojiisaanitiinis hoggansa siyaasaa, miidiyaa fi paartiilee adda addaa ta’udhaan hojjataniiru.
Faaraajii kan dhalatan Kibba Baha UKtti kan argamtu bulchiinsa Keent keessatti. Barnootaa saanii sadarkaa jalqabaa kolleejjii Dulwiich kan kibba Landaniitti argamuutti baratan.
Hiriyyoonsaanii walii baratan Furaaji haasaawwan falmisiisoo taasisaniin barattootaa fi barsiiftoota aarsuudhaan akka beekaman yaadatu.
Faaraaji umuriinsaa wagga 18 wayita ta’u yunivarsitii seenuu diduun bara 1982tti indastirii sibilawwan Landan keessatti daldalaa ta’an.
Imala siyaasa Faaraaj maal fakkaata?
Faaraajii kan Paartii warra harbeessitootaatti kan makaman bara 1978 ture.
Haata’u malee bara 1992tti UKn erga walta’insa biyyoota Awurooppaa cimsu waliigaltee Maastiriikch erga mallatteessiteen booda paartichatti makaman.
Waliigalteem Magaalaa Neezarlaandi- Maastiriikchi mallattaa’e kunis, diinagdee, hawaasummaa fi seera biyyoota Awurooppaa kan walitaasisuu akkasumas maallaqa daldalaa tokko akka qabaatan kan dandeessisuudha.
Faaraaji erga paartichatti makamanii booda yeroos miseensa hundeessaa paartii xiqqaa ture Paartiin Bilisummaa Uk (UKIT) yoo ta’an, bara 1994tti filannoo bakka miseensa paarlaamaa hir’ate guutuudhaaf Kibba Ingilaandiitti Isitaliiniitti gaggeeffameen miseensa paarlaamaatiif dorgoman illeen osoo hin milkaa’aiin hafan.
Isaan booda bara 1999tti Mana maree Awurooppaaf kibba Ingilaandi bakka bu’uun filataman. Hanga bara 2020ttis achuma turan.
Furaajii caalaa kan beekaman erga 2006tti yeroo jalqabaatiif dursaa paartii Bilisummaa UK ta’un filatamanii booda ture.
Filannoo bara 2009ttii gaggeeffameefi paartiisaanii sagalee caalmaa argachuu filannoo paarlaamaa Awurooppaatti teessuma argatan.
Kenniinsa sagalee UKn Gamtaa Awurooppaa keessaa akka baatuuf bara 2016tti gaggeeffamee irratti gahee dursummaa bahaniiru.
Haata’u malee erga UKn Gamataa awurooppaa leessaa akka baatuuf sagaleen kennameen booda, Paartii Bilisummaa UK keessaa bahan.
UKn Gamtaa awurooppaa keessaa bahuudhaaf erga sagalee kenniteen booda, garuu bahuunshee ifta osoo hin labsamiin dura, Ebla 2019tti Faaraaji Paartii Birexit hundeessan.
Isaan boodas erga UKn ifatti gamtaa Awuroooppaa keessaa baateen booda, maqaa paartiisaanii gara ‘‘Reform UKtti’’ jijjiran.Bara 2021tti ammo dursaa paartiirraa siquudhaan dhiyeessaa sagantaa TV yeroo sana hundeeffame @Jiibii Niiwus’’ ta’an.
Hanga filannoon waliigalaa UK gaggeeffamuttis, miseensa paarlaamaa ta’udhaaf akka hin dorgomne ibsanii turan.
Haata’u malee Waxabajjii 3 irratti, Magaalaa qarqara galaanaa kan taatee Kilaakitan bakka bu’uudhaan akka dorgoman beeksiisuun irra deebiin hoggansa Paartiisaanii akka fudhatan ibsan.
Faraaj maal milkeessuuf waadaa galan?
Paartiin Riiform UK yoo filannichaan milkaa’e, imaammatawwan nan milkeessa jedhe keessaa kan ittaanan ni argamu:
- Immigreshinii: Haaluma barbaachisummaasaatti baqattummaa dhaabuudhaaf ykn ‘zeeroo Immigireeshin’ gochuuf, yakkamtoota biyyoota biraa battalaan gara biyyasaaniitti deebiisuufi baqatummaa bidiruuwwan xixiqqaadhaan gara biyyasaaniitti taasifamu dhaabsiisuudha,
- Dhimma Alaa: Birexit’n booda nyaatawwan saamsamanoomishaalee daraaraa fi bu’aalee beeledootaa dabalatee shaqaxoota gara biraa Biritaaniyaa Guddiitti irraa gara Kaaba Ayirlaandi akka seenaniif kan dandeessisuu, waliigaltee seeraa UK fi Gamtaa Awurooppaa jidduutti mallattaa’e Windsor Framework) diiguu, waliigaltee Namoomaa Awurooppaa keessaa bahuufi deeggarsa harka 50 hir’isuu.
- Gibiraafi diingadee: Gibira daldalaa gara paawundii kuma 100tti, gibira galii ammo gara paawundii kuma 20tti ol kaasuu, qabeenyaa gatii paawundii miiliyoona 2 gadi qaban irraa gibira qabeenya dhaalmaa kaasuu, seeroota barbaachisan haquu fi sirna gibira salphisuu,
- Yakkaafi haqa: Baayyiina poolisootaa dabaluu, sirna imaammata sanyummaa dhaabsiisuu, maneen hidhaa kuma 10 haaraa ijaaruudha.
Yeroo hundaa yaadni namootaa ‘sirrii ta’u’ baatulleen, yaadni ummataa UKtti baatiiwwan darban 12 keessatti walitti qabameen Paartiin Faaraaji dursan ‘Riiform UKn’ sagalee paartii 16 argachuudhaan sadarkaa sadaffaarratti argama.
Paartii Leebar ammo sagalee parsantaa 40 ol kan argate yoo ta’u, Paartii Leellistoota sirnaa (conservatives) ammo sagalee parsantaa 19 qofaa argatan.
Deeggarsi paartiin Riiform UK qabu biyyattii keessatti babal’atulleen, deeggarsa isaa gara teessuma paarlaamaatti jijjiruudhaaf itti cimu danda’a jedhamee yaadama.
Filannoon waliigalaa UK boru gaggeeffama.